Gadda

20 Lakkoofsota16Afaan Oromoo

Keessa Deebii 31:8

8Waaqayyo ofuma isaatii si dura in adeema, sii wajjinis in ta'a, inni si hin dhiisu, si hin irraanfatus; hin sodaatin, hin na'inis!” jedheen.

Faarfannaa 34:17-18

17yeroo warri qajeelonni gara isaatti iyyan, Waaqayyo in dhaga'a; inni rakkina isaanii hundumaa keessaas isaan in baasa.

18Waaqayyo warra garaan isaanii cabetti dhi'oo dha, warra yaadni isaanii caccabee bullaa'es in fayyisa.

Maatewos 5:4

4Warri garaan isaanii gadde haa gammadan, isaan jajjabina in argatu.

Faarfannaa 30:5

5Dheekkamsi isaa hamma liphsuu ijaatti, fuulli isaa inni ifaan garuu bara jireenyaatiif in ta'a; galgala boo'ichi yoo namatti dhufe, ganama immoo ililleen in ta'a.

1ffaa Pheexiroos 5:7

7Inni isiniif waan yaaduuf, yaaddoo keessan hundumaa Waaqayyotti gataatii dhiisaa!

Faarfannaa 38:9

9Yaa Waaqayyo, wanta ani si biraa argachuu fedhu hundumaa situ beeka, hafuura dheeraa baafachuun koos si duraa hin dhokanne.

Mul'ata 21:3-4

3Yommus ani sagalee guddaa tokko nan dhaga'e; innis teessoo sana biraa, ?Kunoo iddoon Waaqayyo buufatu namoota gidduu dha, inni isaan bira buufachuuf jira, isaanis saba isaa ta'uuf jiru; Waaqayyo ofii isaa isaanii wajjin jiraachuuf jira, Waaqayyo isaaniis ta'uuf jira.

4Inni imimmaan hundumaa ija isaaniittii in haqa; wanti duraa waan darbeef, egaa duuni deebi'ee hin argamu, gadduun, iyyuun, waraansis si'achi hin jiru!? jedhe.

Roomaa 12:15

15Warra gammadanii wajjin gammadaa; warra boo'anii wajjinis boo'aa!

Lallaba 1:18

18ogummaa baay'ee keessa aarii guddaatu jira, kan beekumsa dabalatus mataa dhukkubbii dabalata.

Iyo'eel 2:12

12Waaqayyo garuu, “Ammuma iyyuu garaa keessan guutuudhaan, soomuudhaan, boo'ichaan, gadduudhaanis gara kootti deebi'aa!” jedha.

Mul'ata 7:16-17

16Egaa deebi'anii hin beela'an, hin dheebotanis; aduun, wanti gubus isaanitti hin bu'u.

17Hoolichi teessicha dura gara gidduu jiruus isaan in tiksa, gara burqaa bishaan jireenya kennuuttis isaan in geessa; Waaqayyoos imimmaan hundumaa ija isaaniittii in haqa? anaan jedhe.

Lallaba 11:10

10Mucummaanii fi dargagummaan waan darbaniif, yaaddoon si irraa haa fagaatu, dhagna kee keessaas dhibeen haa badu!

2ffaa Mootota 20:5

5“Deebi'iitii Hisqiyaas geggeessituu saba kootiitiin,“Waaqayyo gooftaan inni kan abbaa keetii Daawit akkana jedha:- Ani kadhata kee dhaga'eera, imimmaan kees argeera; kunoo, ani sin fayyisa, gaafa guyyaa sadaffaas gara mana qulqullummaatti ol in baata;

Iyoob 1:20-21

20Kana irratti Iyoob lafaa ka'ee gadda irraa kan ka'es uffata isaa tarsaasee, mataa isaas haaddatee, lafatti gad gombifamee in sagade.

21Achumaanis, “Qullaa koon garaa haadha kootiitii ba'e, qullaa koos biyyootti nan deebi'a; Waaqayyotu kenne, Waaqayyotu fudhate; maqaan Waaqayyoo haa eebbifamu!” jedhe.

Fakkeenya 10:1

1Fakkeenyonni Solomoon kanatti aananii jiru; ilmi ogeessi abbaa isaa in gammachiisa, ilmi gowwaan garuu haadha isaa gaddisiisa.

Efesoona 4:30

30Hafuura Waaqayyoo isa qulqulluu, isa guyyaa fayyinaatiif ittiin mallateeffamtan hin gaddisiisinaa!