Gaa’ela

49 Lakkoofsota5Afaan Oromoo

Roomaa 7:1-5

1Obboloota ko, isin warra seera hubattanitti nan dubbadha; seerri hamma namni jiru duwwaatti nama irratti gooftummaa akka qabu hin beektanii ree?

2Fakkeenyaaf dubartiin heerumte tokko, hamma abbaan manaa ishee jiraatu duwwaatti seeraan itti hidhamtee jirti; abbaan manaa ishee yoo du'e garuu, seera isa ittiin abbaa manaa ishee sanatti hidhamteettii hiikamuu ishee ti.

3Egaa akka kanatti abbaan manaa ishee utuma jiruu, dhiira kan biraa wajjin yoo jiraatte, ejjituu jedhamti; abbaan manaa ishee yoo du'e garuu, isheen seera sanattii hiikamteetti, dhiira kan biraatti yoo heerumtes ejjituu hin jedhamtu.

4Akkasuma yaa obboloota ko, isin warri bu'aa dhagna Kristos taatanii duutanii turtan, seera isa itti hidhamtanii turtan jalaa hiikamtaniittu! Kanaaf kan nama biraa, kana jechuunis kan isa warra du'an keessaa kaafamee in taatu; kanaan hundumti keenya Waaqayyoof ija in godhanna.

5Yeroo nuyi akka fooniitti jiraachaa turre, hawwiin foonii inni cubbuudhaan guute seerichaan toosifamee, du'aaf akka nuyi ija godhannuuf, bu'aa dhagna keenyaa keessaa in hojjeta ture.

1ffaa Qorontos 7:1-17

1Gaaffiin isin anaaf caaftan na ga'eera; waa'ee dhiiraa fi dubartiin walii wajjin jiraachuu garuu, namni dubartii bira dhaquu yoo dhiise gaarii dha.

2Qorama ejjaa ooluudhaaf garuu, dhiirri adduma addaan haadha manaa ofii isaatii haa qabaatu, dubartiinis adduma addaan abbaa manaa ofii isheetii haa qabaattu.

3Abbaan manaa jaalalaan haadha manaa isaa bira haa ga'u, haati manaas jaalalaan abbaa manaa ishee bira haa geessu.

4Haati manaa abbaa manaa ishee malee, dhagna ishee akka jaallatte gochuu hin dandeessu; abbaan manaas akkasuma haadha manaa isaa malee, dhagna isaa akka jaallate gochuu hin danda'u.

5Yeroo itti kadhataaf of kennuudhaaf walii galtan irraa kan hafe, wal bira ga'uu wal hin didinaa; isa booddee of qabuu dadhabuu keessan irraa kan ka'e immoo, Seexanni isin qoruudhaaf karaa akka hin argannetti, deebitanii wal bira in geessu.

6Kanas karaa isiniif banuufan jedhe malee, isin abboomuuf miti.

7Ani illee namoonni hundinuu fuudhuu dhiisanii akka koo akka ta'an nan jaalladhan ture. Haa ta'u iyyuu malee, namni adduma addaan kennaa Waaqayyo isaaf kenne qaba; inni tokko kennaa akkasii, inni kaanis kennaa akkasii qaba.

8Warri hin fuudhinii fi warri abboonni manaa isaanii irraa du'an, akka koo fuudhaa fi heeruma malee yoo hafan isaaniif ba'eessa, nan jedha.

9Of qabuu hin danda'an yoo ta'e garuu haa fuudhan, haa heerumanis; kajeellaa fooniitiin gubachuu irra fuudhuu, heerumuus in wayya.

10Warri wal fuudhan akka gargar hin baane nan abbooma; kanas gooftaatu abboome malee ana miti; haati manaa abbaa manaa isheettii gargar hin ba'in!

11Yoo abbaa manaa isheettii gargar baate garuu, utuu hin heerumin haa teessu yookii immoo abbaa manaa isheetti haa araaramtu; abbaan manaas haadha manaa isaa hin baasin!

12Warra kaan immoo gooftaa utuu hin ta'in ani nan gorsa; namni amane tokko haadha manaa hin amanin yoo qabaate, isheenis abbaa manaa ishee sanaa wajjin jiraachuu yoo jaallatte, inni ishee hin baasin!

13Dubartiin amante tokko abbaa manaa hin amanin yoo qabaatte, innis haadha manaa isaa sanaa wajjin jiraachuu yoo jaallate, isheen namicha gad hin dhiisin.

14Abbaan manaa hin amanin karaa haadha manaa isaatii Waaqayyo biratti fudhatamaa dha; haati manaa hin amanin karaa abbaa manaa isheetii Waaqayyo biratti fudhatamtuu dha. Yoo akkas ta'uu dhabaate ijoolleen keessan Waaqayyo biratti fudhatamoo miti, amma garuu fudhatamoo dha.

15Isin keessaa inni hin amanin hidhata isaattii gargar ba'uu yoo fo'ate garuu, gargar ba'uu in danda'a; Waaqayyo jireenya nagaatiif waan isin waameef, yeroo kanatti inni amane yookiis isheen amante hidhata gaa'elaattii hiikamuu isaanii ti.

16Ati dubartii nana! Abbaa manaa kee gara amantiitti akka fiddu attamitti beekta? Atis namicha nana! Haadha manaa kee gara amantiitti akka fiddu attamitti beekta?

17Namni adduma addaan akka gooftichi isaaf qoodee kennetti, akka yeroo Waaqayyo isa waamettis itti fufee haa jiraatu; akkuma kanattis waldoota kristiiyaanaa iddoo hundumaa jiran nan seerradha.

1ffaa Qorontos 7:27-40

27Seera gaa'elaatiin haadha manaa keetti hidhamteettaa? Yoos ittii hiikamuu hin barbaadin! Niitii hin fuunee? Yoos niitii fuudhuu hin barbaadin!

28Haa ta'u iyyuu malee, yoo fuute cubbuu hojjechuu kee miti; durbis yoo heerumte cubbuu hojjechuu ishee miti. Warri fuudhanii fi warri heeruman garuu guyyaa guyyaatti jireenya isaaniitti rakkinni isaan argata; ani immoo rakkina kana jalaa isin oolchuu barbaadee isin gorsuu koo ti.

29Obboloota ko, yeroon si'anaa kun dhumuuf jedha jechuu koo ti; si'achi warri haadha manaa qaban akka warra hin qabaatinii haa ta'an.

30Warri boo'an akka warra hin boo'inii, warri gammadan akka warra hin gammadinii, warri bitan akka warra qabeenya hin godhatinii haa ta'an!

31Warri biyya lafaatti dhimma ba'an, akka warra itti dhimma hin ba'inii haa ta'an! Biyyi lafaa inni amma mul'atu kun in dhidhima.

32Waan biyya lafaa kanatti dhimmuu dhiiftanii akka jiraattan nan barbaada. Namni hin fuudhin gooftaa gammachiisuudhaaf hojii gooftaatiif dhimma;

33namni fuudhe garuu haadha manaa isaa gammachiisuudhaaf waan biyya lafaatiif dhimma.

34Yaadni isaas iddoo lamatti hiramaa dha; dubartiin deebitee hin heerumin yookiis durbi namummaa ishee fi hafuura ishee jireenya qullaa'aadhaaf kennite, hojii gooftaaf in dhimmiti; isheen heerumte garuu abbaa manaa ishee gammachiisuudhaaf waan biyya lafaatiif dhimmiti.

35Kanas isin gargaaruuf nan dubbadhe malee, funyoo morma keessanitti diruuf miti; isin wanta qajeelaa, wanta dhaabataas hojjechaa, yaadni keessan waan biraatti utuu hin harkifamin hojii gooftaatiif akka of kennitan nan barbaada.

36Namni tokko fuudha ga'ee, kaadhima isaa fuudhuu dhiisuun isaa akka waan ishee irratti dabaa hojjetee yoo itti fakkaate garuu, fuudhuun isaas hin oolu erga ta'ee, akkuma dur jaallatetti wal haa fuudhan; akkas gochuu isaatiin cubbuu hin hojjetu.

37Namni tokko immoo fuudhaaf wanti isa giddisiisu hin jiru yoo ta'e, fedha foon isaatiis mo'achuu yoo danda'e, yaaduma garaa isaatiin in dhaabata; inni kun yaada garaa isaa muree kaadhima isaa durbummaatti yoo dhiise ba'eessa gochuu isaa ti.

38Egaa namni ishee kaadhimate fuudhu ba'eessa godha; inni ishee kaadhimate fuudhuu dhiisee akkasumatti hafus caalaatti ba'eessa godha.

39Haati manaa, hamma abbaan manaa ishee jirutti seera gaa'elaatiin isatti hidhamtee jiraatti. Erga abbaan manaa ishee du'ee garuu, abbaa feetetti heerumuu in dandeessi, garuu nama amanetti haa heerumtu.

40Haa ta'u iyyuu malee, yoo heerumuu dhiifte akka yaada kootti caalaa gammachuu in argatti; anis immoo hafuura Waaqayyoo qaba jedheen yaada.

Efesoona 5:22-33

22Haati manaa akkuma gooftaa Yesusiif abboomamtu abbaa manaa isheetiifis haa abboomamtu!

23Kristos mataa waldaa kristiiyaanaa akkuma ta'e, abbaan manaas mataa haadha manaa ti; Kristos fayyisaa waldaa kristiiyaanaa ti; waldaan immoo dhagna isaa ti.

24Waldaan kristiiyaanaa harka Kristos jala akkuma of galchitu, haati manaas waan hundumaatti harka abbaa manaa isheetii jala of haa galchitu.

25Kristos akkuma waldaa kristiiyaanaa jaallate, waldaadhaafis dabarsee of kenne, akkasuma abbaan manaas haadha manaa isaa haa jaallatu!

26Waldaan kristiiyaanaa Waaqayyo biratti fudhatamtu akka taatutti, Kristos karaa dubbii isaatii bishaaniin dhiquudhaan ishee in qulleessa.

27Waldaas xurii fi dirmammuun, wanti kana fakkaatus utuu irratti hin argamin fudhatamtuu mudaa hin qabne godhee, ulfinaan of dura ishee dhaabuuf jira.

28Akkasuma immoo abbaan manaa akkuma dhagna ofii isaa jaallatutti, haadha manaa isaa jaallachuun in ta'aaf; namni haadha manaa isaa jaallatu ofii isaa in jaallata.

29Namni foon isaa in soora, in dhimmaaf malee, takkaa foon isaa jibbee hin beeku; Kristosis waldaadhaaf akkasuma godhe.

30Nuyi bu'aa dhagna Kristos.

31Caaffanni qulqullaa'aan, ?Sababii kanaaf dhiirri abbaa isaa fi haadha isaa in dhiisa, haadha manaa isaattis in maxxana; isaan lachanuus foon tokko in ta'u? in jedha.

32Dubbiin kun dhoksaa gad fagoo of keessaa qaba; inni waa'ee Kristosii fi waa'ee waldaa kristiiyaanaa in dubbata jechuu koo ti.

33Dubbiin kun isinis immoo in ilaala; tokkon tokkon abbaa manaa akkuma kanatti haadha manaa isaa akka ofii isaatiitti haa jaallatu; haati manaas abbaa manaa isheetiif ulfina haa kennitu!

Ibraa'oota 13:4

4Gaa'elli hundumaa biratti ulfina-qabeessa haa ta'u, ciisichi gaa'elaas hin xureeffamin! Waaqayyo warra halalee fi ejjituutti faraduuf jira.