Gaarummaa
10 Lakkoofsota7Afaan OromooFaarfannaa 117:2
2Gaarummaan inni nuuf qabu guddaa jabaa dha, amanamummaan isaas bara baraan in jiraata. Waaqayyoon jajadhaa!
Faarfannaa 119:76
76Akkuma ofii keetii garbicha keetti dubbattetti, gaarummaan kee ana haa jajjabeessu!
Fakkeenya 19:22
22Amanamummaan namaa bu'aa qaba, sobduu ta'uu irra hiyyuma wayya.
Fakkeenya 31:26
26Ogummaadhaan in dubbatti, barsiifni gaariinis afaan ishee keessaa in ba'a.
Iyo'eel 2:13
13Egaa garaa keessan tarsaasaa malee, uffata keessan hin tarsaasinaa! Gara Waaqayyo gooftaa keessaniitti deebi'aa! Inni araara-qabeessaa fi oo'a-qabeessa waan ta'eef, dheekkamsatti hin ariifatu, gaarummaan isaas baay'ee dha, wanta hamaa namatti erguu irraas of in qusata.
2ffaa Qorontos 6:3-6
3Ergaan keenya maqaa gadhee akka hin arganneef nama tokko iyyuu matumaa hin gufachiifnu.
4Haa ta'u iyyuu malee, nuyi karaa hundumaan akka hojjetoota Waaqayyootti of in dhi'eessina. Hojjetoota Waaqayyoo ta'uu keenyas argisiisuudhaaf baay'ee in obsina, in rakkanna, gidiraatti, muddamattis in galla;
5in reebamna, in hidhamna, gooliin nutti kaafama, hojiitti in dadhabna, hirriba in dhabna, in soomna.
6Garaa qulqulluudhaan beekumsaanis in hojjenna, waliif in dandeenya, gaarummaadhaan in jiraanna, hafuura qulqulluutiin in geggeeffamna, jaalala amanamaa in argisiifna.
Qolosaayis 3:12
12Isin warra fo'aman, warra Waaqayyoof qulqullaa'an, warra jaallatamanis erga taatanii, araara garaa keessaa dhufu, gaarummaa, gad of deebisuu, garraamummaa obsas akka uffataatti uffadhaatii keessa jiraadhaa!