Gabri'eel Maariyaam Daawwachuu

20 Lakkoofsota2Afaan Oromoo

Luqaas 1:26-38

26Elsaabex ulfooftee ji'a ja'affaatti, ergamichi Gabri'el Waaqayyo biraa kutaa biyya Galiilaa mandara Naazireet jedhamutti ergame.

27Ergaan isaas gara durba Maariyaam jedhamtu tokkotti ture; isheen nama Yoseef jedhamu, sanyii Daawit keessaa dhalate tokkoof, kaadhimatamtee turte.

28Ergamichi isheetti mul'atee, ?Waaqayyo gooftaan sii wajjin jira'o, nagaan siif haa ta'u, yaa ayyaana-qabeettii!? ittiin jedhe.

29Maariyaam nagaa kana yommuu dhageesse, yaadaan dhiphattee, ?Kun maal jechuu dha?? jettee of gaafatte.

30Yommus ergamichi isheedhaan, ?Yaa Maariyaam Waaqayyo biraa ayyaana argatteetta hin sodaatin!

31Kunoo in ulfoofta ilmas in deessa, maqaa isaa immoo Yesus jedhii moggaasi!

32Inni guddaa in ta'a ilma aabbaas jedhamee in waamama, Waaqayyo gooftaanis teessoo abaabilii isaa Daawit in kennaaf.

33Mana Yaaqoob irratti bara baraan in mo'a, barri mootummaa isaas dhuma hin qabu? jedhe.

34Maariyaam yommus, ?Anoo amma illee durba, kun attamitti ta'uu danda'a?? jettee ergamicha gaafatte.

35Ergamichi immoo, ?Hafuurri qulqulluun si irra in bu'a, humni aabbaas si golbooba, kanaafis mucichi si irraa dhalatu kun qulqulluudhaa fi ilma Waaqayyoo jedhamee in waamama.

36Kunoo firri kee isheen sitti aantu Elsaabex, dhabduu jedhamaa kan turte, bara dulluma isheetti ilma godhachuudhaaf erga ulfooftee, ji'a ja'affaa ishee ti.

37Waaqayyoof wanti dadhabamu hin jiru? jedhee deebiseef.

38Kana irratti Maariyaam, ?Ani garbittiin gooftaa kunoo asan jira, akka ati dubbatte anaaf haa ta'u!? jetteen. Kana booddee ergamichi iddoo dhufetti in deebi'e.

Luqaas 1:39-45

39Kana booddee utuu hin turin Maariyaam kaatee ariifattee baddaatti ol baate, gara mandara Yihudaa dhaqxe.

40Mana Zakaariyaasitti ol galtee, Elsaabexin nagaa gaafatte.

41Yeroo Elsaabex nagaa Maariyaam dhageessetti, mucichi gammachuudhaan garaa ishee keessa burraaqe. Elsaabex yommus hafuura qulqulluudhaan in guutamte.

42Sagalee ishee ol fudhattee dhageessiftees, ?Ati dubartoota hundumaa irra eebbifamtuu dha; mucaan ati garaatti baattus eebbifamaa dha.

43?Amma garuu haati gooftaa kootii dhuftee akka na dubbiftuuf, ulfinni hammana ga'u eessaa anaaf ta'e?

44Akkuma sagaleen nagaa kee gurra koo keessa bu'een, mucichi gammachuudhaan garaa koo keessa burraaqe.

45Abdiin gooftaan kenne akka raawwatamu beektee, kan amante, attam kan ayyaanomtee dha!? jette.