Galata

17 Lakkoofsota14Afaan Oromoo

1ffaa Tasalonqee 5:16-18

16Yeroo hundumaa gammadaa!

17Kadhata keessan ittuma fufaa malee hin dhiisinaa!

18Waan hundumaatti Waaqayyoon galateeffadhaa! Waaqayyo karaa Kristos Yesus kana gochuu keessan in fedha.

Filiphisiyus 4:6-7

6Waan hundumaatti, kadhataa fi himataan galataa wajjin wanti isin barbaachisu Waaqayyo duratti akka beekamu godhaa malee, waanuma tokkotti yaaddoo hin qabaatinaa!

7Nagaan Waaqayyoo inni hubannaa namaa hundumaa irra caalus, karaa Kristos Yesus garaa keessanii fi yaada keessan in eega.

1ffaa Qorontos 15:57

57Waaqayyo isa karaa gooftaa keenya Yesus Kristos mo'icha nuuf kennuuf immoo galanni haa ta'u.

2ffaa Tasalonqee 1:3

3Yaa obboloota ko, yeroo hundumaa waa'ee keessaniif Waaqayyoon galateeffachuun nu irra jira; amantiin keessan safara malee guddachaa, jaalalli hundumti keessan adda addaan waliif qabdan baay'achaa waan adeemuuf galateeffachuun keenya qajeelaa dha.

1ffaa Seenaa Baraa 16:34

34Waaqayyo gaarii waan ta'eef, araarri isaas bara baraan waan jiraatuuf, isa galateeffadhaa!

Roomaa 11:36

36Wanta hundumaa Waaqayyotu uume; wanti hundumtuu isaan in jiraata; wanti hundumtuu isaaf in jiraata; bara baraan isaaf galanni haa ta'u! Ameen!

Qolosaayis 3:15

15Nagaan Kristos, inni isin dhagna tokko ta'uudhaaf itti waamamtan, garaa keessan keessatti haa mo'u; warra galata galchanis ta'aa!

Qolosaayis 3:17

17Dubbiidhaan yookiis gochaadhaan waanumti isin hojjettan hundinuu maqaa gooftaa Yesusiin haa ta'u; isumaanis Waaqayyo abbaadhaaf galata dhi'eessaa!

Faarfannaa 9:1

1Garaa koo guutuudhaan sin galateeffadha yaa Waaqayyo! Gocha dinqisiisaa ati goote hundumaas nan hima.

Qolosaayis 4:2

2Garaa galateeffatuuf yaada dammaqaadhaan kadhatatti cimaatii itti fufaa!

Mul'ata 5:13

13Wanti waaqa irratti, lafa irratti, lafa jalatti, galaana keessatti uumamee, isaan keessa jirus hundinuu, ?Hooqubaan, ulfinni, guddinni, aangoon, isa teessoo irra taa'ee jiru sanaaf, hoolichaafis baraa hamma bara baraatti haa ta'u!? jechuu isaanii nan dhaga'e.

2ffaa Qorontos 9:11

11Waan hundumaatti akka arjoomtaniifis karaa hundumaa isin in badhaasa; arjummaa keessan isa nu harkaa fudhattaniif immoo namoonni baay'een Waaqayyoof galata in galchu.

Qolosaayis 3:16

16Dubbiin Kristos akka badhaadhummaa isaatti isin keessa haa jiraatu; ogummaa hundumaan wal barsiisaa, wal gorsaas. Qooqa garaa garaatiin, faarfannaa galataatiin, weedduu hafuuraatiinis galata garaa keessanii Waaqayyoof faarfadhaa!

Yonaas 2:9

9“Warri waaqayyolii tolfaman warra waa'ee hin baafneef safuu buufatan, Waaqayyoon isa gaarummaa isaanitti argisiisu in dhiisu.