Gadda

17 Lakkoofsota7Afaan Oromoo

2ffaa Saamu'eel 18:33

33Mootichi kana yommuu dhaga'e raafamee, gara kutaa isa bantii karra kellichaa irra jiruutti ol ba'ee in boo'e; yeroo ol ba'e,“Yaa ilma ko, Abiishaalom! Yaa ilma ko, yaa ilma ko, Abiishaalom! Ani iddoo kee utuun du'eera ta'ee, anaaf wayya ture! Wayyoo! Yaa Abiishaalom ilma ko, ilma ko!” jedha ture.

Iyoob 1:19-21

19kunoo, qilleensi jabaan tokko lafa onaatii dhufee, golee manichaa arfan in rukute; yommus manichi ijoollota irratti in jige, ijoollonnis in dhuman; ana duwwaatu jalaa ba'ee, kana sitti himuudhaaf dhufe” jedhe.

20Kana irratti Iyoob lafaa ka'ee gadda irraa kan ka'es uffata isaa tarsaasee, mataa isaas haaddatee, lafatti gad gombifamee in sagade.

21Achumaanis, “Qullaa koon garaa haadha kootiitii ba'e, qullaa koos biyyootti nan deebi'a; Waaqayyotu kenne, Waaqayyotu fudhate; maqaan Waaqayyoo haa eebbifamu!” jedhe.

Fakkeenya 15:13

13nama garaan isaa gammade fuulatu ifa, namni garaan isaa gadda qabu garuu yaadni isaa cabaa dha;

Lallaba 7:2-4

2mana cidhaa dhaquu mannaa, mana gaddaa dhaquu wayya; duuni dhuma nama hundumaa ti, warri jiranis garaa isaaniitti isa in yaadatu;

3kolfuu irra gadduu wayya; fuulli namaa yommuu gaddu garaan namaa in gammada;

4garaan warra ogeessaa mana gaddaa jira, garaan warra gowwootaa garuu mana gammachuu jira;

Hoose'aa 9:12

12Isaan ijoollee yoo guddifatan iyyuu, tokko illee utuu hin hafin isaan nan dhabsiisa; yeroo ani isaan irraa gargar ba'utti isaaniif wayyoo!

2ffaa Qorontos 1:3-4

3Waaqayyoof, abbaa gooftaa keenyaa Yesus Kristos, abbaa araara hundumaaf, Waaqayyo jajjabina hundumaaf galanni haa ta'u!

4Jajjabina isa Waaqayyo biraa arganne sanaan, nuyi immoo rakkina attamii keessatti iyyuu warra kaan akka jajjabeessinuuf, inni rakkina keenya hundumaa keessatti nu in jajjabeessa.

1ffaa Tasalonqee 4:13-18

13Obboloota nana! Akka namoota abdii hin qabnetti akka hin gaddinetti, waa'ee warra obbaafataniif abdii jiru akka beektan in barbaanna.

14Yesus du'ee du'aa akka ka'e erga amannee akkasuma immoo Waaqayyo warra obbaafatan karaa Yesus, isumaa wajjinis deebisee akka fidu in amanna.

15Nuyi amma dubbii gooftaa keessaa waan arganne isinitti himuuf jenna; nuyi warri gaafa gooftaan deebi'ee dhufu utuu hin du'in jirru, warra obbaafatan dura hin buunu.

16Sagaleen guddisee nama abboomu, sagaleen angafa ergamootaa in dhaga'ama, malakanni Waaqayyoos in afuufama. Kana hundumaa wajjin gooftaan waaqa irraa gad in bu'a; warri Kristositti amananii du'an dura in kaafamu.

17Kana booddee nuyi warri utuu hin du'in hafne immoo, isaanumaa wajjin qilleensa keessatti gooftaa simachuudhaaf duumessa keessa ol in butamna; ergasii yeroo hundumaa gooftaa bira in jiraanna.

18Kanaafis dubbii kanaan wal jajjabeessaa!