Galata

9 LakkoofsotaAfaan Oromoo

Luqaas 17:11-19

11Yesus Yerusaalem utuu dhaquu Samaariyaadhaa fi Galiilaa keessa darbe.

12Akkuma inni ganda tokkotti galeen, namoonni kudhan dhukkuba lamxii kan dhukkubsatan itti dhufan. Isaan fagoo dhaabatanii,

13sagalee isaanii ol fudhatanii, ?Yaa Yesus barsiisaa nu maari!? jedhaniin.

14Yesus isaan ilaalee, ?Dhaqaa luboota of ilaalchisaa!? jedheen; isaan immoo dhaqaa utuu jiranii in qullaa'an.

15Tokko isaan keessaa akka fayye arginaan, sagalee guddaadhaan Waaqayyoof hooqubaa dhi'eessaa, deebi'ee gara Yesus in dhufe.

16Miilla Yesus jalatti adda isaatiin lafa dha'ee isa galateeffates; inni nama Samaariyaa ture.

17Yesus deebisee, ?Namoota kudhantoo qullaa'ee, salganuu meerree ree?

18Isa orma kana irraa kan hafe namni Waaqayyoof hooqubaa dhi'eessuudhaaf deebi'e hin argamnee?? jedhe.

19Yesus yommus namichaan, ?Ka'ii, dhaqi amantiin kee si fayyiseera? jedheen.