Galata
60 Lakkoofsota31Afaan OromooSeensa 14:20
20Waaqayyo inni hundumaa gara irraa jiru, inni diinota kee harka kee keessa buuse, haa jajamu!” jedhe. Abraam immoo wanta hundumaa irraa kudhan keessaa tokko isaaf in kenne.
Ba'uu 15:21
21Yommus Miiryaam, “Waaqayyoon faarfadhaa! Inni dhugumaan mo'eera; inni farda, abbaa fardaas galaana keessa buuseera” jettee isaaniif jalqabde.
2ffaa Saamu'eel 22:1-4
1Daawit yeroo Waaqayyo harka diinota isaa hundumaa, harka Saa'olis isa oolchetti, sagalee kanatti fufee jiruun Waaqayyoon in faarfate.
2Inni,“Waaqayyo kattaa koo, masaraa koo, oolchaa koo tis;
3Waaqayyo koo da'oo dhagaa, isa ani kooluu itti galuu dha; inni gaachana koo, isa akka gaanfaa fayyina koof faccisu, inni iddoo dhokannaa koo isa ol jedhaa dha; inni anaaf iddoo kooluu itti galanii dha; yaa fayyisaa ko, ati namoota humnaan nama irratti ka'an ana in oolchita.
4“Waaqayyoon isa jajamaa nan waammadha, inni immoo harka diinota koo na oolcha.
1ffaa Seenaa Baraa 23:30
30Kana malees guyyaa hundumaa ganamaa fi galgala dhaabatanii Waaqayyoon galateeffachuunii fi faarfachuun,
2ffaa Seenaa Baraa 5:13
13Warri fiingee afuufanii fi warri faarfatoonni sagalee isaanii wal qixxeessanii walii wajjin in faarfatan, Waaqayyoonis in galateeffatan; fiingeedhaan, sibiila walitti rukutamee sagalee ol kaasuun, mi'a garaa garaatiin sagalee guddaadhaanis, “Inni gaarii dha, gaarummaan isaas bara baraan in jiraata” jedhanii Waaqayyoon in galateeffatan. Kana booddee duumessi manicha qulqullummaa sana keessa in guute.
Faarfannaa 7:17
17Ani qajeelummaa isaatiif jedhee Waaqayyoof galata nan galcha, maqaa Waaqayyoo aabbaas faarfannaadhaan nan jajadha.
Faarfannaa 8:2
2Warra si irratti ka'an deebisuudhaaf, diinaa fi isa ijaa baafatu gab gochuudhaafis, afaan mucoolii fi daa'imootaatiin, ati humna dhaabbatteetta.
Faarfannaa 9:11
11Waaqayyoon isa Xiyoon irra teessoo isaa dhaabate faarfannaadhaan jajadhaa! Hojii isaa hundumaas saba lafa irraatti labsaa!
Faarfannaa 21:13
13Yaa Waaqayyo aangoo keetiin ka'i! Nuyi humna kee in faarfanna, mi'a garaa garaatiinis faarfannaa in dhageessifna.
Faarfannaa 22:22-23
Faarfannaa 22:25
25Wal ga'ii guddaa keessatti si jajachuun koo si biraa anaaf in dhufa; warra isa sodaatan durattis, ani wareega koo of irraa nan baasa.
Faarfannaa 28:6-7
Faarfannaa 30:4
4Isin warri Waaqayyoof of kennitan faarfannaadhaan isa jajadhaa, seenaa qulqullina isaatiifis galata isaaf galchaa!
Faarfannaa 32:11
11Isin qajeelota nana, Waaqayyotti gammadaa ililchaas! Isin warri gara-qajeelonnis, gammaduu keessan guddisaa dhageessisaa!
Faarfannaa 33:1-3
1Isin qajeelota nana, Waaqayyotti gammaduu keessan guddisaa dhageessisaa! Waaqayyoon jajachuun warra qajeelotaaf in ta'a.
2Kiraaraan Waaqayyoon galateeffadhaa, mi'a ribuu kudhan qabuun isa faarfadhaa!
3Faarfannaa haaraadhaan isa faarfadhaa! Ribuu mi'ichaa ba'eessa godhaa bubbutaa, gammaduu keessan guddisaa dhageessisaa!
Faarfannaa 50:23
23Namni galata aarsaa godhee dhi'eessu, ulfina anaaf in kenna; isa karaa isaa qajeelfatuttis, fayyisuu koo nan argisiisa!” in jedha.
Faarfannaa 63:3-6
3Gaarummaa kee argachuun, jireenya ani amma jiraadhu irra in wayya, kanaafis arrabni koo si jajata;
4ani hamman jirutti sin galateeffadha, harka koo ol qabees maqaa kee nan waammadha.
5Lubbuun koo akka waan ani coomaa fi dhuka nyaadheetti in quufti, afaan koo arraba ililleetiin si jajata.
6Lafa ciisicha kootti sin yaadadha, yeroon ilaalaa bulus waa'ee kee nan yaada;
Faarfannaa 66:8
8Isin saba nana maqaa Waaqayyo keenyaa eebbisaa, sagaleen ittiin isa jajattan akka dhaga'amu godhaa!
Faarfannaa 84:4
4warri mana kee keessa jiraatanii, yeroo hundumaas jajuu kee faarfatan haa gammadan!
Faarfannaa 113:1-2
Faarfannaa 119:7
7Firdii ati qajeelummaadhaan laattu yommuun baru, ani yaada qajeelaadhaan galata siif nan galcha.
Faarfannaa 140:13
13Egaa warri qajeelonni maqaa keef galata in galchu, warri yaada qajeelaa qabanis fuula kee dura in jiraatu.
Maatewos 26:30
30Faarfannaa galataa erga faarfatanii immoo gara gaara ejersaatti ol ba'an.
Luqaas 1:46-55
46Maariyaam yommus, ?Garaan koo gooftaa kootiif hooqubaa dhi'eessa;
47hafuurri koos Waaqayyo fayyisaa kootti in ililcha.
48Inni gad deebii garbittii isaa yaadateera'o; egaa, ammaa jalqabee dhaloonni hundinuu ayyaana-qabeettii anaan jedhu.
49Waaqayyo inni danda'aan, waan guddaa anaaf godhe; maqaan isaa qulqulluu dha.
50Araarri isaa dhalootaa hamma dhalootaatti, warra isa sodaatan irratti.
51Irree isaatiin aangoo isaa mul'ise; warra kooranis yaada garaa isaanii wajjin bittimse.
52Gooftota ol of qaban teessoo isaanii irraa isaan buuse; warra gad deebi'anis ol isaan kaase.
53Warra beela'an waan gaariidhaan quufse; sooressota harka duwwaa isaan gad dhiise.
54Garbicha isaa Israa'elin gargaaruufis birmate, araara gochuudhaaf qopheesse, in yaadate;
55abboota keenya isa abdachiise, Abrahaamii fi ijoollee, ijoollee isaatiifis bara baraan eege? jette faarfatte.
Luqaas 1:67-75
67Zakaariyaas abbaan mucichaa hafuura qulqulluudhaan guutamee raajii dubbate;
68?Waaqayyo gooftaan Israa'el, kan galateeffamuu dha, saba isaa furuudhaaf dhufe;
69fayyisaa aango-qabeessas nuuf kaase, lataa garbicha isaa Daawit keessaa.
70Afaan qulqulloota raajota isaatiin dubbachaa akka ture, bara durii duriitii jalqabee,
71harka diinota keenyaa akka nu oolchu, qabaa warra nu jibban hundumaa keessaas akka nu baasu;
72abboota keenyaafis araara akka godhuuf, kakuu isaa isa qulqullaa'aa akka yaadatuuf;
73abbaa keenya Abrahaamiif isa dhaabe nuuf kennuudhaaf, kakuudhaan akka jabeesse;
74harka diinota keenyaa nu oolchuudhaaf, nus sodaa malee akka isaaf hojjennu gochuudhaaf;
75qulqullummaa fi tolatti fuula isaa dura jiraachuudhaaf, bara jireenya keenya hundumaatti.
Luqaas 2:13-14
Luqaas 2:20
20Tiksoonni sun, isa ergamoonni Waaqayyoo itti himan hundumaa dhaga'anii, akkuma itti dubbatametti ija isaaniitiin waan arganiif, Waaqayyoof hooqubaa dhi'eessaa galateeffachaas gara iddoo isaaniitti deebi'an.
Luqaas 15:10
10Akkuma kanatti cubbamaan tokko yaada garaa isaa geddaratee, gara Waaqayyootti yommuu deebi'u, ergamoonni Waaqayyoo akka itti gammadan isinittan hima? jedhe.
Yaaqoob 5:13
13Isin keessaa namni rakkinni itti dhufe jiraa? Inni haa kadhatu! Namni gammadu immoo jiraa? Inni immoo faarfannaadhaan galata haa dhi'eessu.
1ffaa Pheexiroos 1:3
3Waaqayyoo fi abbaa gooftaa keenyaa Yesus Kristosiif galanni haa ta'u! Inni araara isaa isa guddaadhaan, Yesus Kristos warra du'an keessaa ka'uu isaatiin, abdii isa jiraataa kanatti qabamnee akka jiraannuuf haaraa godhee nu dhalachiiseera.
Yihudaa 1:25
25Waaqayyo fayyisaa keenya isa tokkichaaf karaa gooftaa keenyaa Yesus Kristos ulfinni, guddinni, aangoon, gooftummaanis lakkaa'amuu baraa fuula duraa jalqabee, ammas, bara baraanis haa ta'u. Ameen.