Gad of deebisuu
20 Lakkoofsota12Afaan OromooFaarfannaa 51:17
17hafuurri yaada cabaa aarsaa Waaqayyo biratti fudhatamuu dha, yaa Waaqayyo, ati garaa cabaadhaaf bullaa'aa hin tuffattu!
Fakkeenya 25:6-8
6Mootii duratti ol of hin qabin, nama guddaas of hin fakkeessin!
7Mootichi guddaa biyyaa duratti “Iddoo gara gadii dhaqi!” siin jechuu isaa irra, “As ol kottu!” siin jechuu isaa wayya.
8Wanta tokko ijuma keetiin argiteef ariifattee gara yaa'iitti hin fidin! Namni dubbii isaa caalchisee keessa beeku yoo si sobsiise dhuma irratti maal goota ree”
Fakkeenya 29:23
23Of gurguddisuun, gad deebii namatti fida, kan gad of deebisu garuu, ulfina in argata.
Lallaba 4:13
13Mootii dulloomaa fi gowwaa isa gorsa namaa hin fudhanne mannaa, mucaa hiyyeessa ogummaa qabu wayya;
Isaayaas 57:15
15Ani inni ol jedhaan, guddaan, bara baraan kanan jiraadhu, maqaan koo qulqulluu kan ta'e, iddoo ol ka'aa fi iddoo qulqullaa'aa nan jiraadha; warra garaan isaanii cabee fi warra gad deebi'anii wajjinis nan ta'a; hafuura warra garaan isaanii cabee fi warra gad deebi'anii nan haaressa.
Miikiyaa 6:8
8Inni wanta gaarii ta'e sitti himeera, yaa namaa! Wanta qajeelaa ta'ee fudhatame hojjechuu, gaarummaa jaallachuu, gad of deebiftees Waaqayyo kee wajjin deddeebi'uu malee, gooftichi maal si irraa barbaada ree?
Maatewos 18:1-4
1Yeroo sanatti bartoonni Yesusitti dhi'aatanii, ?Mootummaa waaqaa keessatti hundumaa irra kan caalu eenyu?? jedhaniin.
2Yommus inni mucaa tokko gara isaatti waamee isaan gidduu dhaabachiisee,
3?Ani dhuguman isinitti hima, deebitanii akka mucoolii yoo ta'uu dhabaattan, mootummaa waaqaatti matumaa hin galtan.
4Eenyu illee akka mucaa kanaatti yoo gad of deebise, mootummaa waaqaatti hundumaa irra kan caalu isa.
Maatewos 23:12
12Namni ol of qabu gad in deebifama, namni gad of deebisus ol in qabama? jedhe.
Luqaas 18:16-17
Roomaa 12:3
3Ayyaana isa anaaf kennameen namni waan yaaduun isaaf ta'u caalaatti akka of hin yaanne, tokkon tokkon keessanitti nan hima; garuu adduma addaan akka amantii isaaf kennametti akka of ilaaluun ta'uufitti, haa yaadu!
1ffaa Qorontos 10:12
12Kanaafis namni dhaabatee waan jiru itti fakkaatu, akka hin kufneef of haa eeggatu!
Yaaqoob 4:5-7
5Yookiis caaffanni qulqullaa'aan, ?Waaqayyo, hawwa hinaaffaatiin hafuura isa nu keessa kaa'e duukaa bu'aa jira? yommuu jedhu, akkasumaan kan dubbatu isinitti fakkaataa ree?
6Inni ayyaana isa caalu immoo in kenna; kanaaf caaffanni qulqullaa'aan, ?Waaqayyo warra kooraan ol of qabaniin in morma; warra gad of deebisaniif garuu ayyaana in kenna? in jedha.
7Yoos harka Waaqayyoo jala of galchaa; Seexanaan immoo mormaa! Innis isin dhiisee in baqata.