Gaarummaa
30 Lakkoofsota24Afaan OromooEfesoona 4:32
32Walitti kan toltan, garaas kan waliif laaftan ta'aa; akkuma Waaqayyo karaa Kristos cubbuu keessan isiniif dhiise, isinis akkasuma waliif dhiisaa!
Galaatiyaa 6:10
10Egaa akkuma fucha argannetti, kottaa nama hundumaaf, addumaan immoo warra amantii keessa jiraniif, gaarii in hojjenna!
Roomaa 12:9
9Nama jaallachuun keessan jaalala dhugaa haa ta'u, waan hamaa jibbaa, wanta gaarii ta'etti qabamaa jiraadhaa!
Roomaa 12:21
21Waan gaariidhaan isa hamaa mo'i malee, hamaan si hin mo'in!
Faarfannaa 145:17
17Waaqayyo karaa hojjetu hundumaatti qajeelaa dha, hojii isaa hundumaattis gaarummaa in argisiisa.
1ffaa Qorontos 10:23
23?Wanti hundinuu dhowwaa hin qabu!? in jedhama, garuu wanti hundinuu immoo nama hin gargaaru; ?Wanti hundinuu dhowwaa hin qabu!? garuu wanti hundinuu ijaarsaaf hin ta'u.
Naahum 1:7
7Waaqayyo gaarii dha, yeroo rakkinaattis iddoo baqaa ti, warra isa amanatanis beeka;
Maatewos 5:15-16
Galaatiyaa 5:22-23
Faarfannaa 37:3
3Waaqayyoon amanadhu, wanta gaarii ta'es hojjedhu; biyyuma keessa nagaadhaan taa'i, amanamummaas eeggadhu!
Fakkeenya 19:22
22Amanamummaan namaa bu'aa qaba, sobduu ta'uu irra hiyyuma wayya.
2ffaa Pheexiroos 1:5-7
5Ammas dhama'uu hundumaan dhama'aa! Amantii qabdan gaarummaadhaan argisiisaa, gaarummaa keessaan beekumsa argisiisaa!
6Itti dabaltanii immoo beekumsa keessaan of qabuu, of qabuu keessaan obsaan danda'uu, obsaan danda'uu keessaan nama Waaqayyoo ta'uu keessan argisiisaa!
7Nama Waaqayyoo ta'uu keessaan obboloota jaallachuu, obboloota jaallachuu keessaan nama hundumaa jaallachuu argisiisaa!
Efesoona 4:29
29Dubbii gargaaru, yeroo barbaachisutti kan cimsu, warra dhaga'uufis ayyaana kan kennu malee, dubbiin hamaan afaan keessan keessaa hin ba'in!
Ermiyaas 6:16
16Ammas Waaqayyo isin saba isaatti dubbatee, “Gara karaatti as ba'aatii ilaalaa! “Daandiin inni durii, karaan inni ba'eessi sun amma eessa jira?” jedhaatii gaafadhaa! Boqonnaa akka argattanitti karicha irra adeemaa!” jedhe; isin garuu,“Lakkii nuyi isa irra adeemuu hin barbaannu” in jettan.
Faarfannaa 25:6-7
Faarfannaa 34:14
14Wanta hamaattii fagaadhuu gaariis godhi! Nagaa barbaadii duukaas bu'i!
2ffaa Qorontos 9:8
8Yeroo hundumaa waan isin barbaachisu hundumaa argattanii karaa hundumaa of dandeessanii hojii gaariif iyyuu irraa kan isiniif hafu akka qabaattaniif, Waaqayyo isa isin barbaachisu irra caalchisee isiniif kennuuf danda'aa dha.
Luqaas 6:36
36Abbaan keessan oo'a-qabeessa akka ta'e isinis oo'a-qabeeyyii ta'aa!? jedhe.
1ffaa Pheexiroos 3:13
13Wanta gaarii gochuudhaaf warra hinaafan yoo taatan, eenyutu hamaa isin irratti hojjeta ree?
1ffaa Ximotewos 2:9-10
9Warri dubartii immoo amalli isaan argisiisan mataa tolfachuutti warqeedhaa fi callee naqachuutti, uffata gati-jabeessa uffachuutti, keessa ba'uudhaan of kuuluu utuu hin ta'in, uffata qajeelaa fakkaatu akka ta'utti uffachuudhaan maal naan jedhudhaan, of qabuudhaanis haa ta'u!
10Dubartoota Waaqayyoof in saganna jedhaniif akka ta'uttis, wanta gaarii haa argisiisan.
Fakkeenya 2:9
9Yommus ati wanta qajeelaa ta'eef firdii dhugaa, amanamummaa fi wanta ba'eessa ta'e hundumaas in hubatta.
Tiitoos 2:14
14Inni seera irra-daddarbuu hundumaa jalaa nu furuudhaaf, saba fo'amaa warra hojii gaariitiif hinaafan ofii isaatiif qulleessuudhaaf, ofii isaa nuuf kenne.
1ffaa Qorontos 15:33
33Hin gowwoominaa! ?Hiriyaan gadheen amala gaarii in mancaasa?.
Faarfannaa 27:13
13Haa ta'u iyyuu malee, biyya warra jiraatoo sanatti Waaqayyo gaarii ta'uu isaa arguuf akkan jiru nan amanadha.