Gammachuu
16 Lakkoofsota11Afaan OromooFaarfannaa 98:4-8
4Yaa guutummaa lafaa, Waaqayyotti gammaduu kee guddisii dhageessisi, weedduu gammachuu guddisii dhageessisi, ililleedhaanis faarfadhu!
5Sagalee kiraara guddaatiin, kiraaraa fi sagalee faarfannaatiin Waaqayyoon jajadhaa!
6Fiingee fi fiinoo afuufaa, Waaqayyo mooticha durattis gammaduu keessan guddisaa dhageessisaa!
7Galaanni, wanti isa keessa guute, biyyi lafaa, warri isa keessa jiraatanis haa huursan!
8Lagoonni harka isaanii walitti haa rukutan, tulloonni walii wajjin haa ililchan!
Faarfannaa 100:1-2
Fakkeenya 10:28
28Wanti namni qajeelaan eeggatu gammachiisaa dha, abdiin nama jal'aa garuu in bada.
Fakkeenya 15:13
13nama garaan isaa gammade fuulatu ifa, namni garaan isaa gadda qabu garuu yaadni isaa cabaa dha;
Fakkeenya 15:15
15Hiyyeessaaf guyyaan hundinuu hamaa dha, garaa gammachuu qabuuf garuu, guyyaan hundinuu cidha;
Fakkeenya 17:22
22Garaan gammadu fayyina namaaf kenna, yaadni cabaan garuu lafee gogsa.
Lallaba 7:14
14Namni wanta isa booddeedhaan ta'uuf jiru hin beeku; kanaafis ati bara gaariitti gammadi! Barri hamaan yoo dhufe immoo, Waaqayyo isa kana, isa sanas akka uume yaadadhu!
Yohaannis 16:22
22Akkasuma isinis amma gadda qabdu; garuu ani deebi'ee isin nan arga, garaan keessanis in gammada, gammachuu keessanis eenyu illee isin duraa hin fudhatu.
Yohaannis 16:33
33Anatti qabamtanii nagaa akka qabaattaniif ani kana hundumaa isinitti hime; biyya lafaatti rakkina qabdu, garuu jabaadhaa! Ani biyya lafaa mo'eera? jedhe.
Roomaa 12:15
15Warra gammadanii wajjin gammadaa; warra boo'anii wajjinis boo'aa!
1ffaa Tasalonqee 5:16
16Yeroo hundumaa gammadaa!