Gabri'eel Zakaariyaasiin Daawwate
23 Lakkoofsota2Afaan OromooLuqaas 1:11-20
11Yommus ergamaan Waaqayyoo iddoo itti ixaanni aarfamu gara mirgaatiin dhaabatee, Zakaariyaasitti mul'ate.
12Zakaariyaas yommuu isa arge, na'ee sodaate.
13Ergamichi immoo itti dubbatee, ?Yaa Zakaariyaas hin sodaatin! Waaqayyo kadhannaa kee dhaga'eera'o, Elsaabex haati manaa kee ilma siif in deessi, maqaa isaas Yohannis jettee in moggaafta.
14Ati guddaa in gammadda, dhalachuun isaas namoota baay'eetiif gammachuu in ta'a.
15Inni guddaa in ta'a, daadhii waynii yookiis dhugaatii macheessu hundumaa matumaa hin dhugu, garaa haadha isaatii jalqabees hafuura qulqulluudhaan in guutama.
16Saba Israa'el keessaas danuu gara Waaqayyo gooftaa isaaniitti deebisee isaan in fida.
17Inni hafuuraa fi humna, Eliyaas raajichi qaba ture in argata; yaada abbootaatii fi kan ijoollotaa walitti deebisuudhaaf, kan warra hin abboomamnees gara warra tolootaatti harkisuudhaaf, saba isaa gooftaa isaaniitiif kan qophaa'an gochuudhaafis gooftaa dura in adeema? jedhe.
18Zakaariyaas yommus ergamichaan, ?Kun akka ta'u attamittan beeka? Anoo dulloomeera, haati manaa koos barri ishee darbeera? jedhe.
19Ergamichi immoo, ?Ani Gabri'elii dha, fuula Waaqayyoo dura kanan dhaabadhu, misraachoo kana sitti himuudhaafan ergame.
20Ati garuu ergaa ani sitti himee yeroo isaatti isa raawwatamuuf jiru hin amanne; kanaafis hamma kun ta'utti arrabni kee didaa in ta'a? jedhee deebiseef.
Luqaas 1:26-38
26Elsaabex ulfooftee ji'a ja'affaatti, ergamichi Gabri'el Waaqayyo biraa kutaa biyya Galiilaa mandara Naazireet jedhamutti ergame.
27Ergaan isaas gara durba Maariyaam jedhamtu tokkotti ture; isheen nama Yoseef jedhamu, sanyii Daawit keessaa dhalate tokkoof, kaadhimatamtee turte.
28Ergamichi isheetti mul'atee, ?Waaqayyo gooftaan sii wajjin jira'o, nagaan siif haa ta'u, yaa ayyaana-qabeettii!? ittiin jedhe.
29Maariyaam nagaa kana yommuu dhageesse, yaadaan dhiphattee, ?Kun maal jechuu dha?? jettee of gaafatte.
30Yommus ergamichi isheedhaan, ?Yaa Maariyaam Waaqayyo biraa ayyaana argatteetta hin sodaatin!
31Kunoo in ulfoofta ilmas in deessa, maqaa isaa immoo Yesus jedhii moggaasi!
32Inni guddaa in ta'a ilma aabbaas jedhamee in waamama, Waaqayyo gooftaanis teessoo abaabilii isaa Daawit in kennaaf.
33Mana Yaaqoob irratti bara baraan in mo'a, barri mootummaa isaas dhuma hin qabu? jedhe.
34Maariyaam yommus, ?Anoo amma illee durba, kun attamitti ta'uu danda'a?? jettee ergamicha gaafatte.
35Ergamichi immoo, ?Hafuurri qulqulluun si irra in bu'a, humni aabbaas si golbooba, kanaafis mucichi si irraa dhalatu kun qulqulluudhaa fi ilma Waaqayyoo jedhamee in waamama.
36Kunoo firri kee isheen sitti aantu Elsaabex, dhabduu jedhamaa kan turte, bara dulluma isheetti ilma godhachuudhaaf erga ulfooftee, ji'a ja'affaa ishee ti.
37Waaqayyoof wanti dadhabamu hin jiru? jedhee deebiseef.
38Kana irratti Maariyaam, ?Ani garbittiin gooftaa kunoo asan jira, akka ati dubbatte anaaf haa ta'u!? jetteen. Kana booddee ergamichi iddoo dhufetti in deebi'e.