2ffaa Mootota 20

GAZGAZAfaan Oromoo21 Keeyyattoota6:00 Dhaggeeffadhu
Dhaggeeffadhu 6:00 · Idilee · Diraamaawaa Biblight keessatti bani

1Baras Hisqiyaas dhukkubsatee du'uu ga'ee ture; Isaayaas raajichi ilmi Amos gara isaa dhaqee,“Waaqayyo,“Ati in duuta malee, hin fayyituutii wanta mana keetiif abboomtu qoqopheessi!” siin jedha” jedheen.

2Yommus Hisqiyaas gara keenyaniitti gara galee Waaqayyoon in kadhate.

3Kadhata isaa keessattis,“Maaloo, yaa Waaqayyo! Bara jireenya kootti amanamummaadhaa fi garaa guutuudhaan fuula kee dura deddeebi'aa wanta si duratti gaarii ta'es hojjechaa akkan ture akka yaadattuuf sin kadhadha” jedhee boo'icha guddaa in boo'e.

4Isaayaas achii gad ba'ee, oobdii mana mootummaa walakkaa utuu hin ga'in dubbiin Waaqayyoo gara isaa dhufee,

5“Deebi'iitii Hisqiyaas geggeessituu saba kootiitiin,“Waaqayyo gooftaan inni kan abbaa keetii Daawit akkana jedha:- Ani kadhata kee dhaga'eera, imimmaan kees argeera; kunoo, ani sin fayyisa, gaafa guyyaa sadaffaas gara mana qulqullummaatti ol in baata;

6bara jireenya kee irratti waggaa kudha shan siif dabaleera; si, mandarattii kanas harka mootii Asor nan oolcha; ani ofii kootiif, garbicha koo Daawitiifis jedhee mandarattii kana nan eega” jedhi!” jedhe.

7Kana irratti Isaayaas deebi'ee,“Ija harbuu ibidda jala dibaatii lafa iita'e irra buusaafii!” jedhe; hojjetoonni mootichaas akkuma abboomaman in godhan; Hisqiyaas mootichis in fayye.

8Hisqiyaas immoo,“Waaqayyo akka na fayyisu, gaafa guyyaa sadaffaas gara mana qulqullummaatti akkan ol ba'uu danda'uuf milikkinni isaa maali?” jedhee, Isaayaasin in gaafate.

9Yommus Isaayaas deebisee,“Gaadidduun buusaa manaa tarkaanfii kudhan gara fuula duraatti haa adeemu moo yookiis tarkaanfii kudhan gara booddeetti haa deebi'u” Waaqayyo waan dubbate akka fiixaan baasuuf milikkinni inni siif kennu isa kana” jedhe.

10Hisqiyaas immoo,“Tarkaanfii kudhan gara fuula duraatti adeemuun gaadidduu hin dhibu waan ta'eef, mee tarkaanfii kudhan gara booddeetti haa deebi'u!” jedhe.

11Kana irratti Isaayaas raajichi Waaqayyoon in kadhate; Waaqayyo immoo gaadidduun manaa inni buusaa mana Akaaz irraa gad bu'e tarkaanfii kudhan gara booddee akka deebi'u in godhe.

12Hisqiyaas dhukkubsatee akka fayye mootiin Baabilon Merodaak Baladaan ilmi Baladaan yommuu dhaga'e caaffataa fi kennaa namootatti in ergeef.

13Hisqiyaas jarreen ergaman sana simatee, mana qabeenya isaatii keessa kan jiru hundumaa, meetii, warqee, urgooftuu, dhadhaa ejersaa isa ba'eessa, mi'a waraanaa, badhaadhummaa biyya isaa keessa jiru hundumaa keessaa tokko illee utuu hin hambisin isaanitti in argisiise.

14Kana booddee Isaayaas raajichi gara Hisqiyaas mootichaa dhufee,“Jarreen kun maal jedhan” Eessaas gara kee dhufan?” jedhee in gaafate; Hisqiyaas immoo,“Baabilon biyya fagoo sanaa ba'anii dhufan” jedhee deebiseef.

15Itti fufees Isaayaas,“Mana kee keessatti maalfaa argan?” jedhee in gaafate; Hisqiyaas immoo deebisee,“Wanta mana koo keessa jiru hundumaa arganiiru; qabeenya koo keessaa kan ani isaanitti hin argisiisin tokko illee hin jiru” jedhe.

16Kana irratti Isaayaas raajichi Hisqiyaasiin,“Mee, wanta Waaqayyo jedhu dhaga'i!

17Waaqayyo,“Kunoo! Guyyaan ati qabeenyi kee inni mana kee keessa jiruu fi inni abboonni kee hamma har'aatti walitti qaban hundinuu gara biyya Baabilonitti geeffamu in dhufa; wanti tokko illees siif hin hafu;

18ilmaan ati godhatte keessaas kaan gara biyya Baabilonitti in geeffamu; achittis xu'aashii ta'anii mana mootii Baabilon keessa in ergamu” jedha” jedhe.

19Yommus Hisqiyaas,“Hamma ani jirutti nagaanii fi gabiin in ta'a mitii ree?” jedhee, Isaayaasiin,“Dubbiin Waaqayyoo inni ati dubbatte kun ba'eessa” jedhe.

20Wanta Hisqiyaas hojjete keessaa warri hafan, jagnummaan isaa, kuufama bishaanii hojjechiisee faaggaadhaan bishaan mandaratti galchuun isaa macaafa seenaa mootota Yihudaa keessatti caafamaniiru mitii ree”

21Erga Hisqiyaas du'ee immoo ilma isaa Minaaseetu mootii ta'ee iddoo isaa bu'e.

Ibsa

20:1-11

Hisqiyaas dhukkuba du'aaf geessuun qabamee ture, bara mootiin Asor Yerusaalemiin marsee turetti. Isaayaas Hisqiyaasitti akeekkachiisa du'aaf of qopheessuu fide. Kadhaan qophii du'aaf ta'u keessaa isa ba'eessaadha; sababii isaan humnaa fi ayyaana Waaqayyoo biraa argannuuf, akkasumas dhuma gaarii gochuudhaaf nu dandeessisuuf. Hidhatee booye; tokko tokko kanarraa akka inni du'uu hin feene hubatu; addaan ba'uun lubbuu fi qaamaa sodaachuu kan uumama namaati. Akkasumas, haalli Hisqiyaas adda ta'e tokko ture; yeroo sana tajaajila isaa gidduu ture. Kadhaan Hisqiyaas (Isa 38 ilaali) imimmaan isaa haa hiiku; kana keessa homaa soda du'aa kan garbummaa yookaan dhiphina qabu hin mul'isu. Qulqullummaan Hisqiyaas siree dhukkuba isaa salphiseef. "Yaa Gooftaa, amma na yaadadhu"; akka Waaqayyo nuti waan tokko akka isa yaadachiifnu barbaaduutti hin dubbanne; akkasumas, akka galanni dhimma isaaf maluutti gaafatamuu danda'uutti hin dubbanne. Qajeelummaan Kiristoos qofatu araaraa fi ayyaana bita. Hisqiyaas "Yaa Gooftaa, na dhiisi" jedhee hin kadhanne; garuu "Yaa Gooftaa, na yaadadhu" jedhe. Ani yoon jiraadhes yoon du'es, kan kee haa ta'u. Waaqayyo yeroo hunda kadhannaa warra garaan cabee dhaga'a, akkasumas fayyaa, umrii dheeraa, fi furamuu yeroo, hamma isaaniif dhuguma gaarii ta'u ni kenna.

Ibsa guutuu dubbisi Sagalee, ibsa guutuu fi dubbisa toora alaa

Hiikkoowwan8 · 6

AMHEVG በዚያም ወራት ሕዝቅያስ እስከ ሞት ድረስ ታመመ። ነቢዩም የአሞጽ ልጅ ኢሳይያስ ወደ እርሱ መጥቶ፦ እግዚአብሔር እንዲህ ይላል፦ ትሞታለህ እንጂ በሕይወት አትኖርምና ቤትህን አስተካክል፡ አለው። አማርኛ ENGNIV In those days Hezekiah became ill and was at the point of death. The prophet Isaiah son of Amoz went to him and said, “… English BCV በቲ ጊዜ እቱይ ሕዝቅያስ ሓሚሙ ኽመውት ቀረበ። ነቢይ ኢሳይያስ ወዲ ኣሞፅ ድማ ናብኡ መፂኡ “ንስኻ ኽትመውት ኢኻ እምበር፥ ኣይትሓውን ኢኻ እሞ ቤትካ ኣመዓራሪ ይብል ኣሎ እግዚኣብሄር” ኢሉ… ትግርኛ GAZBIB Baras Hisqiyaas dhukkubsatee du'uu ga'ee ture; Isaayaas raajichi ilmi Amos gara isaa dhaqee,“Waaqayyo,“Ati in duuta mal… Afaan Oromoo BCV GIZ ወውእተ አሚረ ደወየ ሕዝቅያስ ወበጽሐ ለመዊት፤ ወቦአ ኢሳይያስ ነቢይ ወልደ አሞጽ ኀቤሁ፤ ወይቤሎ፦ ከመዝ ይቤ እግዚአብሔር፦ ሥራዕ ቤተከ እስመ ትመውት ወኢተሐዩ። giz BCV aksum በቲ ጊዜ እቱይ ሕዝቅያስ ሓሚሙ ኽመውት ቀረበ። ነቢይ ኢሳይያስ ወዲ ኣሞፅ ድማ ናብኡ መፂኡ “ንስኻ ኽትመውት ኢኻ እምበር፥ ኣይትሓውን ኢኻ እሞ ቤትካ ኣመዓራሪ ይብል ኣሎ እግዚኣብሄር” ኢሉ… ትግርኛ AMHNIV በዚያ ጊዜ ሕዝቅያስ በጠና ታሞ ሊሞት ተቃርቦ ነበር። የአሞጽ ልጅ ነቢዩ ኢሳይያስም ወደ እርሱ ሄዶ፣ “እግዚአብሔር፣ ‘ትሞታለህ ከእንግዲህ በሕይወት አትኖርምና ቤትህን አስተካክል’ ብሎሃል”… አማርኛ SWAHSUV Siku hizo Hezekia akaugua, akawa katika hatari ya kufa. Isaya, nabii, mwana wa Amozi, akamjia akamwambia, Bwana asema h… Kiswahili