Roomaa 12

GAZGAZAfaan Oromoo21 Keeyyattoota3:37 Dhaggeeffadhu
Dhaggeeffadhu 3:37 · Diraamaawaa Biblight keessatti bani

1Ammas yaa obboloota ko, araara Waaqayyoof jedhaatii namummaan keessan qulqullaa'aadhaa fi Waaqayyo duratti fudhatamaa akka ta'utti, aarsaa jiraatu gootanii akka isa dhi'eessitan isin nan gorsa; akkasittis hafuuraan Waaqayyoof in sagaddu.

2Fakkeenya jireenya bara isa darbu kanaa duukaa hin bu'inaa! Jaalalli Waaqayyoo isa kam akka ta'e gargar baasuudhaaf, yaada garaa keessanii haareffachuudhaan of diddiiraa! Jaalalli Waaqayyoo immoo waan gaarii ta'e, waan isa duratti fudhatamaa ta'e, waan akeeka isaa fiixaan baasus hubachuu dha.

3Ayyaana isa anaaf kennameen namni waan yaaduun isaaf ta'u caalaatti akka of hin yaanne, tokkon tokkon keessanitti nan hima; garuu adduma addaan akka amantii isaaf kennametti akka of ilaaluun ta'uufitti, haa yaadu!

4Nuyi dhagna tokkotti bu'aa dhagnaa baay'ee qabna; bu'aan dhagnaa hundinuu immoo hojii adda addaa qabu.

5Akkasuma nus immoo utuma baay'ee taanee jirruu, Kristositti dhagna tokko; nuyis bu'aa dhagna walii ti.

6Akka ayyaana Waaqayyoo isa nuuf kennametti kennaa garaa garaa qabna; kennaan isaa waan Waaqayyo namatti ibsu dubbachuu yoo ta'e, akka amantichaa wajjin waliif galutti dubbachuu dha.

7Kennaan keenya hojiidhaan nama gargaaruu yoo ta'e, hojiidhaan nama gargaaruutti in jabaanna! Barsiisuu yoo ta'e barsiisichatti haa jabaatu!

8Kennaan isaa nama gorsuu yoo ta'e, gorsuutti haa jabaatu! Inni namaaf kennu, garaa qulqulluudhaan haa kennu! Inni dura bu'us dhimmee haa geggeessu! Namni namaa oo'us fuula ifaadhaan haa hojjetu!

9Nama jaallachuun keessan jaalala dhugaa haa ta'u, waan hamaa jibbaa, wanta gaarii ta'etti qabamaa jiraadhaa!

10Jaalala obbolummaatiin ho'isaa wal jaalladhaa; walii keessaniif ulfina kennuudhaaf wal dorgomaa!

11Waa dhimma baasuudhaaf hin dhibaa'inaa! Hafuura gubaa qabaadhaa! Gooftichaafis of irraa bu'aa hojjedhaa!

12Abdii qabdanitti gammadaa; rakkina obsaa; Waaqayyoon kadhachuuttis cimaa!

13Warra Waaqayyoof qulqullaa'an rakkina isaaniitti gargaaruu keessaa qooda qabaadhaa! Keessummoota simachuutti dhimmaa!

14Warra isin ari'atan eebbisaa, isaan eebbisaa malee hin abaarinaa!

15Warra gammadanii wajjin gammadaa; warra boo'anii wajjinis boo'aa!

16Waa'ee walii keessaniif yaada tokko qabaadhaa; isin ol of qabuu hin yaadinaa, warra gad deebi'anii wajjin jiraachuu baraa! Nuyi ogeessota ofiin jettanii, ogummaa keessan of duwwaadhaaf hin godhatinaa!

17Namni hamaa yoo isin irratti hojjete, deebiftanii hamaa irratti hin hojjetinaa! Waan fuula nama hundumaa duratti fudhatamaa ta'e yaadatti qabadhaa!

18Nama hundumaa wajjin nagaatti jiraachuudhaaf karaa keessan wanta danda'amu hundumaa godhaa!

19Michoota ko! Ijaa baasuu dheekkamsa Waaqayyootti dhiisaa malee, ofii keessanii ijaa hin baafatinaa! Caaffata qulqullaa'aa keessatti, Waaqayyo gooftaan, ?Ijaa baasuun kan koo ti, ani hojii namaa mataa isaa irratti nan deebisa? jedhee dubbateera.

20Iddoo tokkotti immoo, ?Diinni kee yoo beela'e nyaachisi, yoo dheebotes obaasi! Kana gochuu keetiinis gaabbee akka inni yeella'u in goota? jedhamee caafameera.

21Waan gaariidhaan isa hamaa mo'i malee, hamaan si hin mo'in!

Ibsa

12:1,2 Ergamichi kutaa xalayaa isaa isa keessatti barumsawwan garaagaraa hojiidhaan fayyadan mormee mirkaneesse xumuree, asitti immoo qajeeltoowwan wangeelaarraa ka'uun dirqamoota gurguddoo jajjabeessa. Inni Roomaanota, akka obboloota isaa Kiristos keessaa, araara Waaqayyootiin, qaama isaanii akka aarsaa jiraataa Gooftaatti dhiyeessan kadhate. Kun kadhata cimaadha. Nuyi guyyaa hundumaa Gooftaa irraa ija araara isaa arganna. Of haa dhiyeessinu; waan nuyi taane hundumaa, waan qabnu hundumaa, waan hojjechuu dandeenyu hundumaa. Haa ta'u malee, argannoo akkasii isa baay'ee dureessaaf deebiin isaa maali? Kun Waaqayyo duratti fudhatamaadha; tajaajila qalbii qabeessa kan sababii isaa kennuuf dandeenyuufi qophoofne, akkasumas kan hubannu. Gara-deebii fi qulqullinni haaressuu sammuuti; jijjiirama, kan bifa keessaa osoo hin taane, kan amala lubbuuti. Tarkaanfiin qulqullinaa, cubbuudhaaf irra deddeebiin du'uu, qajeelummaadhaafis irra deddeebiin jiraachuu, hojii haaressaa kana geggeessuudha, hamma ulfina keessatti guutuu ta'utti. Diinni guddaan haaressaa kanaa, addunyaa kana wajjin wal fakkaachuudha. Karoora gammachuu hojjechuu irraa of eeggadhaa, akka waan isaan wantoota addunyaa kanaa keessa jiranitti, isaan dafanii darbanii. Aadaa warra fedha fooniitiin deeman, akkasumas kan wantoota lafaa yaadatan wajjin hin walii galin. Hojiin Hafuura Qulqulluu jalqaba hubannoo keessatti eegala, akkasumas gara fedhaatti, jaalalaatti fi jiraataatti adeema, hamma jijjiirama nama guutuu ta'uutti gara fakkaattii Waaqayyoo, beekumsa, qajeelummaa, fi qulqullina dhugaa keessatti. Kanaaf, Waaqayyoof jiraachuu jechuun of Waaqayyoof kennuudha.

Roomaa 12:3-8

Boonaan uumama keenyaan nu keessa cubbuu dha; kanaaf, isa irratti akeekkachiifamuu fi isa irratti hidhannoo qabaachuu nu barbaachisa. Qulqulloonni hundinuu Kiristoos keessatti qaama tokko kan ta'an yoo ta'u, Inni immoo Mataa qaamichaa fi Giddugaleessa Tokkummaa isaanii waliinii ti. Qaama hafuuraa keessatti, gariin isaanii hojii gosa tokkoof kan qophaa'anii fi waamaman yoo ta'an, warri kaan immoo hojii gosa biraatiif waamamu. Walii keenyaafii bu'aa waliinii keenyaaf gaarummaa hunda gochuu qabna. Humna qabnu sirriitti yoo yaadnee fi hagam akka isaan sirriitti hin fayyadamne yoo hubanne, kun nu gadi deebisa. Haa ta'u malee, kennaa keenyaan boonan hin qabnu; akkasumas, of-gaddeebisuu fi of-dhabuu fakkeessuudhaan warra kaaniif gaarummaa gochuudhaaf dhibaa'oo akka hin taaneef of eeggachuu qabna. "Ani homaa miti, kanaafaan taa'ee homaa hin hojjedhu" jennee dubbachuu hin qabnu; garuu, "Ani ofii kootiin homaa miti, kanaafaan humna ayyaana Kiristoosiitiin hamma danda'ametti of kennu" jenna. Kennaawwan keenya yookiin haalli keenya maaliyyuu yoo ta'an, ulfina keenya yookiin bu'aa dhuunfaa keenya osoo hin barbaadin, garuu bu'aa namoota baay'eetiif, addunyaa kanaafii kan dhufuuf, of-gaddeebisuudhaan, ciminaan, gammachuudhaan, fi qajeellummaadhaan of hojjechiisuuf haa yaallu.

Ibsa guutuu dubbisi Sagalee, ibsa guutuu fi dubbisa toora alaa

Hiikkoowwan8 · 6

AMHEVG እንግዲህ፥ ወንድሞች ሆይ፥ ሰውነታችሁን እግዚአብሔርን ደስ የሚያሰኝና ሕያው ቅዱስም መሥዋዕት አድርጋችሁ ታቀርቡ ዘንድ በእግዚአብሔር ርኅራኄ እለምናችኋለሁ፥ እርሱም ለአእምሮ የሚመች አገልግ… አማርኛ ENGNIV Therefore, I urge you, brothers, in view of God's mercy, to offer your bodies as living sacrifices, holy and pleasing t… English BCV እምበኣር ኣሕዋተይ፥ ሰብነትኩም ህያውን ቅዱስን ንእግዚኣብሄር ዘሐጕስን፥ መስዋእቲ ጌርኩም ክተቕርብዎ፥ ብምሕረት እግዚኣብሄር እልምነኩም ኣለኹ፤ እዙይ ድማ እቲ ግቡእ መንፈሳዊ ኣገልግሎትኩም… ትግርኛ GAZBIB Ammas yaa obboloota ko, araara Waaqayyoof jedhaatii namummaan keessan qulqullaa'aadhaa fi Waaqayyo duratti fudhatamaa a… Afaan Oromoo BCV GIZ አስተበቍዐክሙ አኀዊነ በሣህሉ ለእግዚአብሔር ረስዩ ነፍስተክሙ መሥዋዕተ ቅዱሰ ለእግዚአብሔር ወሕያወ ወሥሙረ ወኅሩየ ይኩን ቍርባንክሙ ወቅኔክሙ ነባቢ። giz BCV aksum እምበኣር ኣሕዋተይ፥ ሰብነትኩም ህያውን ቅዱስን ንእግዚኣብሄር ዘሐጕስን፥ መስዋእቲ ጌርኩም ክተቕርብዎ፥ ብምሕረት እግዚኣብሄር እልምነኩም ኣለኹ፤ እዙይ ድማ እቲ ግቡእ መንፈሳዊ ኣገልግሎትኩም… ትግርኛ AMHNIV እንግዲህ ወንድሞች ሆይ፤ ሰውነታችሁን ቅዱስና እግዚአብሔርን ደስ የሚያሰኝ ሕያው መሥዋዕት አድርጋችሁ ታቀርቡ ዘንድ በእግዚአብሔር ርኅራኄ እለምናችኋለሁ፤ ይህም እንደ ባለ አእምሮ የምታቀርቡ… አማርኛ SWAHSUV Basi, ndugu zangu, nawasihi, kwa huruma zake Mungu, itoeni miili yenu iwe dhabihu iliyo hai, takatifu, ya kumpendeza Mu… Kiswahili