Garaa
30 Lakkoofsota25Afaan OromooFakkeenya 4:23
23wanti jireenyaaf barbaachisu yaada garaa keessaa waan ba'uuf, yaada kee ba'eessa godhii eeggadhu!
Fakkeenya 27:19
19Bishaan nama isa keessa ilaale akkuma mul'isu, akkasuma yaadni namaas namichuma in mul'isa.
1ffaa Pheexiroos 3:3-4
3Of kuuluun keessan, wanta alaan mul'atu, mataa tolfachuudhaan, warqee naqachuudhaan, uffata babba'eessa uffachuudhaanis hin ta'in!
4Garuu of kuuluun keessan inni hin badne keessa namummaa keessanii isa dhokataadhaan haa ta'u! Kunis hafuura garraamummaa fi gabii isa Waaqayyo duratti guddaa gati-jabeessa ta'e sanaan haa mul'atu!
Ermiyaas 17:9-10
Faarfannaa 20:4
4Waan garaan kee jaallatu siif haa kennu! Akeeka kee hundumaas siif haa raawwatu!
Ermiyaas 29:13
13isin ana in barbaaddattu; garaa keessan guutuudhaan yoo ana barbaaddattan, ana in argattu;
Fakkeenya 3:3-4
Fakkeenya 3:5-6
Faarfannaa 51:10
10Garaa qullaa'aa anaaf uumi, yaa Waaqayyo! Hafuura dhaabataas ana keessatti haaressi!
1ffaa Saamu'eel 16:7
7Waaqayyo garuu Saamu'eliin,“Ani waanan isa tuffadheef bifa isaa fi dheerina hojjaa isaatii hin ilaalin! Ani akka namni ilaalutti hin ilaalu; namni fuula ilaala, ani Waaqayyo garuu garaan ilaala” jedhe.
Maatewos 22:37
37Yommus Yesus deebisee, ? ?Waaqayyo kee goofticha garaa kee guutuudhaan, jireenya kee guutuudhaan, yaada kee guutuudhaanis jaallachuutu siif ta'a?.
Faarfannaa 37:4
4Waaqayyotti gammachuu qabaadhu! Inni immoo kadhata garaa kee siif in kenna.
2ffaa Qorontos 9:7
7Namni adduma addaan garaa duuba yookiis giddiidhaan utuu hin ta'in, akka garaa isaatti murtoo godhetti kennuutu isaaf ta'a; Waaqayyo nama gammachuudhaan kennu in jaallata.
Fakkeenya 17:22
22Garaan gammadu fayyina namaaf kenna, yaadni cabaan garuu lafee gogsa.
Fakkeenya 3:1-2
Fakkeenya 10:8
8namni yaada hubataa qabu abboommii in dhaga'a, gowwaan dubbii midhaan hin qabne dubbatu garuu in kufa.
Faarfannaa 31:24
24Isin warri Waaqayyoon eeggattan hundinuu, jabaadhaa, laphee jabaadhaas!
Faarfannaa 119:10
10Garaa koo guutuu sin barbaaddadha, abboommii kee irraa akkan kaadhu hin godhin!
Faarfannaa 19:14
14Yaa Waaqayyo kattaa koo fi furii ko, wanti ani si duratti afaan kootiin dubbadhu, garaa koottis yaadu fudhatamaa anaaf haa ta'u!
Iyyaasuu 22:5
5Garuu abboommii fi seera isa Museen garbichi Waaqayyoo isiniif kenne eeguudhaaf jabeessaa of eeggadhaa! Waaqayyoon gooftaa keessan jaalladhaa, karaa isaa hundumaa irra adeemaa! Abboommii isaas eegaa! Isatti maxxanaatii garaa keessan hundumaan, jireenya keessan hundumaanis isaaf hojjedhaa!” jedhe.
Faarfannaa 90:12
12Nuyi ogummaa garaatti akka galfannutti, ati guyyoota jireenya keenyaa lakkaa'uu nu barsiisi!
Maarqos 11:23
23Dhuguman isiniin jedha, namni garaa isaatti utuu hin mamin gaara kanaan, ?Ol kaafami, galaanattis darbatami!? jedhe, waan inni jedhus akka ta'uuf yoo amane, in ta'aaf.
Faarfannaa 119:111
111Abboommonni siif dhugaa ba'an gammachuu garaa kootii waan ta'aniif, isaan bara baraan ga'aa koo ta'aniiru.
Faarfannaa 119:2
2Warri abboommii isaaf dhugaa ba'u eegan, warri garaa guutuudhaan Waaqayyoon barbaadan,
Faarfannaa 119:7
7Firdii ati qajeelummaadhaan laattu yommuun baru, ani yaada qajeelaadhaan galata siif nan galcha.