1Bantiiwwan waaqaa ulfina Waaqayyoo himaa jiru, wanti bantii waaqaa jalaan mul'atus hojii harka isaa in labsa.
2Guyyaan guyyaa isatti aanutti kana in dabarsa, halkanis halkan isatti aanutti waa'ee kanaa in beeksisa.
3Isa kanaaf jechi, dubbiinis hin jiru, sagaleen isaaniis hin dhaga'amu;
4haa ta'u iyyuu malee, wanti isaan dabarsan guutummaa biyya lafaatti in ba'e; wanti isaan himanis andaara lafaa in ga'e; gooftichi achi bantii waaqaa keessatti biiftuudhaaf godoo in dhaabe.
5Isheen akka dhirsa misirroo diinqa isaatii ba'utti in baati; akka nama jagnaattis adeemsa ishee raawwachuutti in gammaddi.
6Andaara bantii waaqaa isa gara tokkootii baatee, naannoftee andaara isaa isa gara kaaniitti in lixi; ifa ishee isa gubaa duraa kan dhokatus hin jiru.
7Seerri Waaqayyoo guutuu dha, lubbuu namatti in deebisa; wanti seerri Waaqayyoo dhugaa ba'u amanamaa dha, inni wallaalota iyyuu beektota in godha.
8Ajaji Waaqayyoo qajeelaa dha, garaa namaa in gammachiisa; abboommiin Waaqayyoo qulqulluu dha, ija namaa in ibsa.
9Waaqayyoon sodaachuun yaada qullaa'aa dha, bara baraan jabaatee in dhaabata; akka namni ittiin geggeeffamuuf wanti Waaqayyo kennu dhugaa dha, guutummaan isaas qajeelaa dha.
10Inni Waaqayyo kennu kun warqee caalaatti, warqee baqfamee qullaa'e baay'ee caalaattis, ilaalamuun kan ta'uu dha; damma caalaa, nadhii dhaaba dammaa keessaa coccophu caalaas in miyaa'a.
11Garbichi kee isaan in gorfama; namni isa eegus bu'aa guddaa qaba.
12Wanta utuu hin beekin irraa kaate eenyutu hubachuu danda'a ree” Balleessaa koo isa na duraa dhokate kana anatti hin ilaalin!
13Waan of gad dhiisuudhaan hojjetan irraas garbicha kee eegi; wanti kun ana irratti hin mo'in! Yoos hir'inni ana irratti hin argamu; xurii cubbuu guddaa irraas nan oola.
14Yaa Waaqayyo kattaa koo fi furii ko, wanti ani si duratti afaan kootiin dubbadhu, garaa koottis yaadu fudhatamaa anaaf haa ta'u!