Waaqayyoo
25 Lakkoofsota25Afaan OromooZefaaniyaa 3:17
17Waaqayyo gooftaan kee sii wajjin jira, inni oolchuudhaaf aango-qabeessa; inni of irraa bu'ee sitti in gammada, jaalala isaatiin gabii siif in kenna; akka warra guyyaa ayyaana beekamaatti gammadanii, sitti gammaduu isaas sagalee isaa ol fuudhee in dhageessisa” in jedhu.
Iyyaasuu 1:9
9Ani Waaqayyo gooftaan kee,“Iddoo ati dhaqxu hundumaatti sii wajjinan jiraatii ati cimi, ija jabaadhu, hin sodaatin, hin na'inis!” jedhee si hin abboomnee ree?” jedhe.
Keessa Deebii 4:29
29Garuu achitti Waaqayyoon gooftaa keessan in barbaaddattu; isin garaa keessan guutuudhaan, yaada keessan guutuudhaanis yoo isa barbaaddattan isa in argattu!
Faarfannaa 73:25
25Waaqa irratti si malee eenyuun nan qabaadha ree” Lafa irrattis si malee maalan eeggadha ree”
Faarfannaa 56:3
3ani yeroon sodaadhutti, amanannaa koo si irra nan kaa'adha.
Isaayaas 41:13
13Ani Waaqayyo gooftaa kee isa harka kee mirgaa qabee “Hin sodaatin! Ani sin gargaara'o” siin jedhuu dha.
Isaayaas 25:1
1Yaa gooftaa, ati Waaqayyo koo ti, ani sin galateeffadha, maqaa kees nan jajadha; wanta dur akeeki isaa qopheeffame, isa dinqisiisaa fi amanamaa sana, amma raawwatteetta;
Faarfannaa 31:3
3Ati kattaa, masaraas anaaf taateetta; maqaa keetiif jedhii karaa irra ana buusi, ana geggeessis!
1ffaa Yohaannis 4:19
19Inni duraan dursee waan nu jaallateef, nuyis kottaa in jaallannaa!
Filiphisiyus 4:13
13Jabina gooftaan anaaf kennuun waan hundumaa gochuu nan danda'a.
1ffaa Yohaannis 4:16
16Nuyis jaalala Waaqayyo nuuf qabu hubanneerra, amanneerras. Waaqayyo jaalala; namni jaalalatti qabamee jiraatus Waaqayyo keessa in jiraata, Waaqayyos isa keessa in jiraata.
2ffaa Saamu'eel 7:22
22“Yaa Waaqayyo gooftaa, ati attam guddaa dha! Akkuma nuyi gurra keenyaan dhageenyetti iyyuu, kan akka keetii tokko illee hin argamu, si malees Waaqayyo kan biraa hin jiru.
Ibraa'oota 3:4
4Manni illee adduma addaan nama tokkoon in ijaarama; inni wanta hundumaa ijaare garuu Waaqayyoo dha.
Faarfannaa 34:8
8Gaarummaan Waaqayyoo attam akka ta'e, isin miyeeffadhaa ilaalaa! Namni isatti kooluu gale haa gammadu!
Isaayaas 60:1
1Ifni kee dhufeera, ulfinni Waaqayyoos siif ba'eera, kanaafis ka'ii ibsi!
Galaatiyaa 6:7
7Waaqayyo kan itti ga'isan miti'o, hin gowwoominaa! Namni immoo waanuma facaase in galfata.
1ffaa Yohaannis 4:20
20Namni, ?Waaqayyoon nan jaalladha? jedhee, obboleessa isaa immoo yoo jibbe, inni sobduu dha; obboleessa isaa isa arge kan hin jaallanne, Waaqayyoon isa hin argin jaallachuu hin danda'u.
Fakkeenya 8:35
35Namni ana argatu jireenya argachuu isaa ti, Waaqayyo biraas ayyaana in argata.
1ffaa Yohaannis 4:12
12Namni tokko illee Waaqayyoon takkaa hin argine; yoo wal jaallanne, Waaqayyo nu keessa in jiraata, jaalalli inni ittiin nu jaallatus nu keessatti fiixaan ba'uu isaa ti.
Isaayaas 55:8
8Waaqayyo,“Yaadni koo akka yaada keessanii, karaan koos akka karaa keessanii miti;
Yaaqoob 4:10
10Goofticha duratti gad of deebisaa, inni ol isin in qaba.
Filiphisiyus 4:4
4Yeroo hundumaa gooftaatti gammadaa! Ammas irra deebi'ee nan jedha, gammadaa!
Faarfannaa 16:2
2Ani Waaqayyoon,“Ati gooftaa koo ti, ati anaaf wanta gaarii hundumaa dha” nan jedha.
1ffaa Saamu'eel 2:2
2Yaa Waaqayyo, qulqulluun akka keetii tokko illee hin jiru; si malees kan biraa hin jiru; akka Waaqayyo keenyaas kattaa kan namaaf ta'u hin jiru.
Ba'uu 20:12
12“Biyya ani Waaqayyo gooftaan kee siif kennu keessa bara dheeraa akka jiraattuuf, abbaa kee fi haadha keef ulfina kenni!