1Yaa Waaqayyo, ani kooluu sitti galeera, ati na eegi!
2Ani Waaqayyoon,“Ati gooftaa koo ti, ati anaaf wanta gaarii hundumaa dha” nan jedha.
3Warri isaaf qulqullaa'anii biyyicha keessa jiran ulfina-qaboota, isaan anaaf guutummaa gammachuu kootii ti.
4Warri Waaqayyoon dhiisanii kan biraa fudhatan, miidhama of irratti in baay'isu, dhibaayyuu dhiigaa isaaniif dhi'aatu ani hin dhibaafadhu, afaan kootiinis maqaa isaanii hin dha'u.
5Yaa Waaqayyo, ati qooda koo isa anaaf kennamee dha, ati xoofoo anaaf hiixatamee dha, ga'aan koos si harkaa in dhufa;
6funyoon safaraa iddoo gammachiisaa irra anaaf bu'e, eyyee, ani dhaala guddaa namatti tolu qaba;
7Waaqayyoon isa gorsa anaaf kenne nan jajadha halkanis immoo yaadni garaa koo isa kana na yaadachiisa;
8Waaqayyo yeroo hundumaa fuula koo dura anaaf jira, inni mirga koo waan jiruufis ani hin shishu;
9kanaafis garaan koo in gammada, lubbuun koo inni ulfina-qabeessi in ililcha, namummaan koos immoo sodaa malee in jiraata.
10Ati iddoo lafa jalaatti ana hin laattu, isa siif of kennes ijaan iyyuu qilee akka argu hin gootu.
11Ati karaa jireenyatti nama geessu na barsiifta, guutummaan gammachuu fuula kee dura, wanti namatti tolus immoo bara hundumaattuu mirga kee jira.