Waraanni Gibxii Ka'e
12 LakkoofsotaAfaan OromooBa'uu 15:7-18
7guddina surraa keetiin warra siin morman gad in darbatta, ati dheekkamsa kee isa boba'aa in ergita, innis akkuma cidiitti gubee isaan in fixa;
8qilleensa dheekkamsa keetiitiin, bishaanonni in tuulaman; bishaanonni yaa'anis akkuma keenyaniitti ol ka'anii dhaabatan, tuujjubnis manii galaanaa keessatti qorree hafe.
9“Diinni,“Ani isaan nan ari'a, isaan nan qaqqaba, boojuu nan hira, isa ani gojoma'ee tures isaan irratti nan raawwadha, billaa koo nan luqqifadha, harki koos isaan in balleessa” jedhe.
10Ati qilleensa kee itti gad dhiifnaan, galaanni isaan irra gara gale, akkuma dilaliitti bishaanota humna-qabeeyyii keessatti in liqimfaman.
11Waaqayyolii keessaa kan akka kee eenyu” Yaa Waaqayyo, kan akka kee surraa qulqullummaa qabu eenyu” Kan akka kee hojii guddaa fi sodaachisaa hojjetu, wanta dinqisiisaas godhu eenyu”
12Ati harka kee mirgaa yommuu diriirsite, biyyoon diina in nyaate.
13“Ati warra isaan furte gaarummaa keetiin geggeessitee, aangoo keetiinis iddoo jireenya kee isa qulqullaa'aatti isaan geessite;
14sabni hundinuu dhaga'anii in hollatan; warri biyya Filiisxiyaa jiraatanis in rom'an;
15geggeessitoonni warra Edoom baay'ee na'an, jajjaboonni warra Mo'aab baay'ee rom'an, warri Kana'aanis bishaanuma ta'an.
16Sodaa guddaan, naasuunis isaan irratti lafa dha'e, yaa Waaqayyo, sabni kee hamma darbutti, sabni ati kan kee godhatte hamma darbutti, isaan guddina irree keetiin akkuma dhagaa ta'anii calluma jedhan.
17Yaa Waaqayyo, ati saba kee, gara isa iddoo jireenya kee godhatteetti in fidda; yaa gooftaa, gara iddoo qulqullaa'aa, isa harki kee tolcheetti ol isaan in baafta, tulluu isa kan kee godhatte irras isaan in dhaabda.
18Waaqayyo yeroo hundumaa, baruma baraanis in mo'a” jedhan.