Waaqayyo Gama Keenya yoo ta'e
9 LakkoofsotaAfaan OromooRoomaa 8:31-39
31Kana hundumaa irratti Waaqayyo gara keenya erga ta'ee, eenyutu nu irratti ka'a jenna ree?
32Waaqayyo ilma isaa utuu hin mararsiifatin hunduma keenyaaf dabarsee erga kennee, waan hundumaas immoo ilma isaa wajjin tola nuuf hin kennuu ree?
33Warra Waaqayyo fo'ate eenyutu hadheessa ree? Erga Waaqayyo akka waan balleessaa hin qabnetti isaan lakkaa'ee, kan hadheessu hin jiru.
34Eenyutu itti farada ree? Erga Kristos Yesus du'ee kaafamee immoo, gara mirga Waaqayyootti argamee Waaqayyoon nuuf kadhatee, kan itti faradu hin jiru.
35Eenyutu jaalala Kristosittii gargar nu baasa? Gidiraan yookiis muddamni, ari'atamuun, beelli yookiis qullaa ta'uun, sodaachifamuun yookiis billaan gargar nu baasuu danda'aa ree?
36?Sababii keetiif namoonni guyyaa guyyaatti nu keessaa in ajjeefamu, akka hoolota qalamuuf jedhaniitti lakkaa'amnee jirra? kan jedhu caafameera.
37Waan nu irra ga'e hundumaatti garuu, karaa isa nu jaallatee mo'icha guddaa arganna.
38Duuni, jireenyi, ergamoonni waaqa irraa, warri bantii waaqaa keessatti aboo qabu jedhamanii sodaataman, wanti amma jiru, wanti dhufuuf jirus hundinuu, wanti humna argisiisuu danda'us, jaalala Waaqayyoottii gargar akka nu hin baafne ani beeka.
39Wanti ol ka'ee jiru, wanti gad fagaatee jirus, uumama keessaa wanti biraas, jaalala Waaqayyoo isa karaa gooftaa keenyaa Kristos Yesus nuuf dhufettii, danda'ee gargar nu hin baasu.