Waamicha

16 Lakkoofsota14Afaan Oromoo

Yohaannis 15:16

16Isin ana hin fo'anne, anatu isin fo'ate; dhaqxanii akka ija godhattaniif, iji keessanis akka jiraatuuf, maqaa kootiin abbaa waan kadhattanis akka inni isiniif kennuuf, ani isin kaaseera.

Roomaa 8:28

28Waaqayyo warra isa jaallatan karaa hundumaa gargaaree gara gaariitti isaan in geessa; isaanoo warra akka akeeka isaatiitti waamamanii dha.

1ffaa Qorontos 1:28-29

28Waaqayyo wanta jira jedhamu lafatti dabaluudhaaf, wanta jira hin jedhamne, wanta biyya lafaatti gad deebi'aatti lakkaa'amuuf wanta tuffatamaa fo'ate.

29Kanaafis namni tokko illee fuula Waaqayyoo duratti of hin jajin.

1ffaa Tasalonqee 5:24

24Inni isin waame amanamaa waan ta'eef, kana in godha.

Filiphisiyus 3:14

14Akeeka sana bira ga'ee gonfoo warra mo'anii argachuudhaaf nan kaadha; gonfoon warra mo'anii kunis waamicha isa Waaqayyo karaa Kristos Yesus itti ol nu waamee dha.

2ffaa Tasalonqee 2:14

14Ulfina gooftaa keenya Yesus Kristos isinis akka argattanitti inni karaa wangeela isa nuyi isiniif fidne kanatti isin waame.

2ffaa Ximotewos 1:9

9Waaqayyo nu fayyisee isaaf akka qulqulloofnuuf nu waame; nu waamuun isaas akka akeeka isaatii fi akka ayyaana isaa isa durii durii jalqabee karaa Kristos Yesus nuuf kenneetti malee, akka hojii keenyaatti miti.

1ffaa Pheexiroos 2:21

21Isin kana gochuudhaaf waamamtaniittu; Kristos immoo isiniif dhiphatee, faana isaa duukaa akka buutaniif fakkeenya isiniif kenneera.

Efesoona 4:4

4Akkuma abdiin waamichaa inni isin itti waamamtan tokkicha ta'e, dhagni tokko, hafuurris tokko;

1ffaa Pheexiroos 1:15-16

15Inni isin waame qulqulluu akkuma ta'e, isinis adeemsa keessan hundumaan qulqulloota ta'aa!

16Inni caaffata qulqullaa'aa keessatti, ?Ani qulqulluu waanan ta'eef, isinis qulqulloota ta'aa!? jedheera.

1ffaa Pheexiroos 3:9

9Hamaa, hamaadhaan, abaarsas, abaarsaan hin deebisinaa! Gara galchii iyyuu eebbisaa! Isin eebba akka argattaniif waamamtan.

1ffaa Qorontos 1:9

9Waaqayyo, inni gara tokkummaa ilma isaa Yesus Kristos gooftaa keenyaatti isin waame, amanamaa dha.

Isaayaas 65:1

1Waaqayyo,“Ani warra ana hin iyyaafatinitti nan mul'adhe, warra ana hin barbaadinittis nan argame; saba maqaa koo hin waammatiniin, “Ani asan jira, ani asan jira” nan jedhe.

Hojii Ergamootaa 2:38

38Phexros immoo, ?Yaada garaa keessanii geddaradhaa; cubbuun keessan akka isiniif dhiifamuuf, tokkon tokkon keessan maqaa Yesus Kristositti cuuphamaa; kennaa hafuura qulqulluus in fudhattu.