Ibraa'oota 3

GAZGAZAfaan Oromoo19 Keeyyattoota3:16 Dhaggeeffadhu
Dhaggeeffadhu 3:16 · Diraamaawaa Biblight keessatti bani

1Kanaafis yaa obboloota Waaqayyoof qulqullooftanii, waamicha isa waaqa irraa keessaa hirmaattanii! Yesusin ergamaa fi angafa lubootaa, isa amantii keenyaan beeksifnu yaadadhaa!

2Akkuma Museen guutummaa mana Waaqayyoo keessatti amanamaa ta'e, innis Waaqayyo isa hojii kana irra isa dhaabeef amanamaa ture.

3Namni mana ijaaru manicha caalaa ulfina akkuma qabu, Yesus, Musee caalaatti ulfina guddaa argachuuf kan male ta'eera.

4Manni illee adduma addaan nama tokkoon in ijaarama; inni wanta hundumaa ijaare garuu Waaqayyoo dha.

5Ammas Museen akka hojjetaatti wanta Waaqayyo dubbachuuf jedhu dhugaa ba'uudhaaf, guutummaa mana Waaqayyoo keessatti amanamaa ture.

6Kristos garuu akka ilmaatti mana Waaqayyoo irratti amanamaa ture; nuyis amanannaa keenyaaf abdii isa ittiin of jajnu jabeessinee yoo qabanne, nuyi mana isaa ti.

7Kanaafis akkuma hafuurri qulqulluun jedhu, ?Har'a, sagalee Waaqayyoo yeroo dhageessan,

8akkuma warra guyyaa qoramsaa sanatti lafa onaatti, Waaqayyo irratti ka'an sanaa, isin mata-jabeeyyii hin ta'inaa!

9Waaqayyo, ?Yeroo sanatti abboonni keessan hojii koo arganiiru, garuu qoranii na ilaalan.

10Kanaafis ani waggaa afurtamaaf dhaloota sanatti nan aare, garaa isaanii keessatti yeroo hundumaa karaa irraa in kaatu, isaan karaa koos hin barin jiru.

11Yeroo dheekkamsa koo sanattis, isaan matumaa iddoo boqonnaa kootti hin galan! jedhee kakadheera? jedhe?.

12Yaa obboloota nana! Isin keessaa tokko illee garaa hamaa isa hin amanne, isa Waaqayyo jiraataa irraa gara galuus akka hin qabaannetti of eeggadhaa!

13Garuu isin keessaa namni tokko illee gowwoomsaa cubbuutiin mata-jabeessa akka hin taanetti, guyyaan ?Har'aa? inni nuyi sagalee Waaqayyoo itti dhageenyu utuu hin darbin, guyyuma guyyaatti wal jajjabeessaa!

14Nuyi amanannaa keenya isa duraa sana hamma dhumaatti jabeessinee yoo qabanne, warra Kristosittii qooda qaban in taana.

15Caaffanni qulqullaa'aanoo, ?Har'a sagalee isaa yeroo dhageessan, akkuma warra isa irratti ka'an sanaa, isin mata-jabeeyyii hin ta'inaa!? in jedha.

16Warri sagalee Waaqayyoo dhaga'anii isarratti ka'an eenyufa'i? Warruma geggeessaa Museetiin biyya Gibxii ba'an sana mitii ree?

17Waaqayyo waggaa afurtama eenyufa'itti aare? Warruma cubbuu hojjetanii, lafa onaa keessatti kufanii, reeffi isaanii bakkeetti hafetti mitii ree?

18Warruma isatti amanuu isaaf abboomamuus didan sana irraa kan hafe, iddoo boqonnaa isaatti akka hin galle eenyufa'itti kakate?

19Egaa isaan amantii dhabuu irraa kan ka'e, iddoo sanatti galuu akka dadhaban, nuyi in argina.

Ibsa

3:1-6

Kiristos akka Duuka bu'aa amantii keenyaa, akka Ergamaa Waaqayyo namootaaf erge, akka Mul'istuu guddaa amantii nuti qabna jennuu fi abdiin nuti qabna jennuuti ilaalamuu qaba. Akka Kiristos, Mesihichaa, hojii Duuka bu'aa fi Lubaa Ol'aanaa lamaanuuf dibameetti. Akka Yesus, Fayyisaa keenyaa, Fayyisaa dhibee keenyaa, Doktora lubbuu guddaatti. Akka kanatti isa yaadi. Inni mataa isaatiin maal akka ta'e, nuuf maal akka ta'e, fi kana boodaafi bara baraan nuuf maal akka ta'u yaadi. Yaanni Kiristos irratti xiyyeeffannoo fi cimaa ta'e isa caalaatti beekuuf nu geessa. Yihudoonni amanamaa Musee baay'ee ni dinqisiifatu turan, garuu amanamaan isaa fakkeenya Kiristos qofa ture. Kiristos Gooftaa mana kanaa, Waldaa isaa, saba isaa, akkasumas Uumaa isaanii ture. Museen hojjetaa amanamaa ture; Kiristos, Ilma Waaqayyoo bara baraa ta'ee, Abbaa qabeenyaa dhugaa fi Bulchaa Ol'aanaa Waldaa Kiristiyaanaa ti. Karaa Kiristos keessa bifa gaariin jalqabuun qofti osoo hin taane, dhuma isaatti ciminaafi jabaachuun jiraachuu qaba. Yaadi nama isaa fi fayyina isaa irratti godhamu hundinuu, ogummaa dabalataa, sababa haaraa jaalalaa, amanannaa fi abboomamuu ni kenna.

3:7-13

Guyyoonni qorumsaa yeroo baay'ee guyyoota kakaasuu ti. Haa ta'u malee, yommuu Inni akka nuti guutummaatti Isatti hirmannee Isa irra jiraannu nuuf argisiisaa jiru, Waaqayyoon kakaasuun dhugumaan kakaasuu dha. Jabaachuun garaa burqaa cubbuuwwan kaan hundumaa ti. Cubbuuwwan namoota biroo, keessumaa firoota keenyaa, nuuf akeekkachiisa ta'uu qabu. Cubbuun hundumtuu, keessumaa cubbuun saba Waaqayyoon waadaa galuu fi mirga addaa qabuun hojjetame, Waaqayyoon hin kakaasu qofa malee Isa ni gaddisiisa.

Ibsa guutuu dubbisi Sagalee, ibsa guutuu fi dubbisa toora alaa

Hiikkoowwan8 · 6

AMHEVG ስለዚህ፥ ከሰማያዊው ጥሪ ተካፋዮች የሆናችሁ ቅዱሳን ወንድሞች ሆይ፥ የሃይማኖታችንን ሐዋርያና ሊቀ ካህናት ኢየሱስ ክርስቶስን ተመልከቱ፤ አማርኛ ENGNIV Therefore, holy brothers, who share in the heavenly calling, fix your thoughts on Jesus, the apostle and high priest wh… English BCV እምበኣር ኣቱም ካብቲ ሰማያዊ መፀዋዕታ፥ ተኻፈልቲ ዝኾንኩም ቅዱሳን ኣሕዋትና፥ ናይ እምነትና ሃዋርያን ሊቀ ካህናትን ንዝኾነ ኢየሱስ ተመልከትዎ። ትግርኛ GAZBIB Kanaafis yaa obboloota Waaqayyoof qulqullooftanii, waamicha isa waaqa irraa keessaa hirmaattanii! Yesusin ergamaa fi an… Afaan Oromoo BCV GIZ ወይእዜኒ አኀዊነ ቅዱሳን ወጽዉዓን እምሰማይ በጽዋዔ ከማነ ርእይዎ ለዝንቱ ሐዋርያክሙ ሊቀ ካህናት ዘኪያሁ ትትአመኑ ኢየሱስ ክርስቶስ። giz BCV aksum እምበኣር ኣቱም ካብቲ ሰማያዊ መፀዋዕታ፥ ተኻፈልቲ ዝኾንኩም ቅዱሳን ኣሕዋትና፥ ናይ እምነትና ሃዋርያን ሊቀ ካህናትን ንዝኾነ ኢየሱስ ተመልከትዎ። ትግርኛ AMHNIV እንግዲህ የሰማያዊው ጥሪ ተካፋዮች የሆናችሁ ቅዱሳን ወንድሞች ሆይ፤ የእምነታችን ሐዋርያና ሊቀ ካህናት የሆነውን ኢየሱስን አስቡ። አማርኛ SWAHSUV Kwa hiyo, ndugu watakatifu, wenye kuushiriki mwito wa mbinguni, mtafakarini sana Mtume na Kuhani Mkuu wa maungamo yetu,… Kiswahili