Waadaa

14 Lakkoofsota13Afaan Oromoo

Yaaqoob 5:16

16Yoos dhukkubattii akka fayyifamtanitti cubbuu keessan walitti himadhaa, waliifis kadhadhaa! Kadhannaan nama qajeelaa waan baay'ee hojjechuu in danda'a.

1ffaa Yohaannis 1:9

9Cubbuu keenya yoo isatti himanne, inni amanamaa fi qajeelaa waan ta'eef, cubbuu keenya nuuf in dhiisa, jal'ina keenya hundumaattiis nu qulleessa.

Fakkeenya 28:13

13Namni irra-daddarbaa isaa dhokfatu, hin hiiqu; namni irra-daddarbaa isaa himatu, kan dhiisus garuu araara in argata.

Faarfannaa 32:5

5Yommus ani cubbuu koo sitti nan himadhe, yakka koos ani hin dhoksine; ani,“Irra-daddarbaa koo Waaqayyotti nan himadha” nan jedhe; ati immoo yakka cubbuu kootiif anatti murame anaaf dhiifte.

Hojii Ergamootaa 3:19

19Egaa yaada garaa keessanii geddaradhaa, inni cubbuu keessan akka isiniif haxaa'utti gara Waaqayyootti deebi'aa.

Roomaa 10:10

10Namni garaa isaatti amanee qajeelaa ta'a, afaan isaatiinis beeksisee in fayya.

Lewwoota 5:5

5Namni isaan kana keessaa isa tokkoon illee yakku cubbuu isaa haa himatu!

Yaaqoob 4:8

8Waaqayyootti dhi'aadhaa, innis isinitti in dhi'aata. Isin warri cubbamoonni, harka keessan qulleeffadhaa. Isin warri garaa walaallammii, garaa keessan qulqulleeffadhaa!

Daani'eel 9:5

5nuyi cubbuu hojjenne, in yakkine, in jal'anne, si irrattis in kaane, abboommota kee irraa, wanta qajeelaa ta'ee si duratti fudhatame irraas in deebine;

1ffaa Ximotewos 6:12

12Wal'aansoo amantii isa gaarii sana jabeessii qabi! Jireenya bara baraas harka kee keessa galfadhu! Isaaf waamamtee, dhuga-baatuu baay'ee duratti amantii kee ba'eessa gootee beeksifteetta.

Roomaa 3:23-24

23Hundinuu yakkaniiru, ulfinni Waaqayyoos isaanitti hir'ateera.

24Isaanumti immoo ayyaana Waaqayyoo isa karaa furii Yesus Kristos tola isaaniif kennameen, qajeelota in ta'u.

Roomaa 10:9

9Yesus gooftaa akka ta'e afaan keetiin yoo beeksifte, Waaqayyo du'aa akka isa kaase immoo garaa keetti yoo amante fayyina bara baraa in argatta.

Faarfannaa 32:3

3Yeroon cubbuu koo himachuu dhiisetti, guyyaa guutuu aaduu kootiif namummaan koo gad dhume;