Isaayaas 25

GAZGAZAfaan Oromoo12 Keeyyattoota3:11 Dhaggeeffadhu
Dhaggeeffadhu 3:11 · Idilee · Diraamaawaa Biblight keessatti bani

1Yaa gooftaa, ati Waaqayyo koo ti, ani sin galateeffadha, maqaa kees nan jajadha; wanta dur akeeki isaa qopheeffame, isa dinqisiisaa fi amanamaa sana, amma raawwatteetta;

2ati mandarattii akka tuullaa kosii in goote, ishee masaraa qabdus in onsite, iddoo baqaa isa kan ormaas in diigde, inni immoo bara baraan deebi'ee mandara ta'ee hin ijaaramu;

3kanaafis sabni jajjaboonni ulfina siif in kennu, mandaroonni warra jal'ootaas si sodaatu.

4Ati isa deegaadhaaf iddoo baqaa in taate, isa dhabaas yeroo gidiraa isaatti in gargaarte; bokkaa yandoo iddoo itti dheessanii fi ho'a aduu jalaa iddoo itti baqatan gaaddisa in tolchiteef; wanti afaan jal'ootaa keessaa ba'u, akka bokkaa yandoo gannaa, akka ho'a aduu bonaa fi, akka bulluqa lafa gogaa ti.

5Akka duumessi ho'a qabbaneessu, akkasuma ati waca warra jal'ootaa gab in goota, weedduun isaaniis hin dhaga'amu.

6Waaqayyo gooftaan maccaa tulluu kana irratti, saba hundumaaf cidha nyaataa fi dhugaatii, cidha nyaata coomaa fi daadhii waynii isa gaarii in qopheessaaf;

7inni tulluu kana irratti gadda nama hundumaa irraa in balleessa, isa saba hundumaa irra buufates irraa in fuudha;

8raawwatees du'a in balleessa, Waaqayyo gooftaan imimmaan ija nama hundumaattii in haqa; guutummaa biyya lafaa irratti arrabsamuu saba isaa irra ture irraa in fageessa; Waaqayyo kana dubbateera.

9Yommus isaan, “Ilaa inni Waaqayyo keenya! Inni nuyi,“Nu fayyisa” jennee eeggachaa turre isa; inni nuyi amanannes isa; kottaa fayyisuu isaatti in gammanna, in ililchinas” in jedhu.

10Harki Waaqayyoo tulluu Xiyoon in golga, Mo'aab garuu, akkuma habaqiin iddoo kosii itti gatanitti dhidhiitamu, miilla isaa jalatti in dhidhiitama;

11Mo'aab akka nama daakaa daakuu harka isaa in bal'isa, garuu utuma inni colluma qabaate iyyuu Waaqayyo immoo akkuma inni gad liqimfamu in godha.

12Inni dalloota mandara kee warra dhedheeroo fi cicimmoo duuffisee, gad isaan in cicciibsa, caccabsees lafatti isaan in dabala.

Ibsa

25:1-5 Hata'u malee, kun boojuudhaa bilisoomuu Yihudootaa agarsiisuu danda'us, dabalataan faarfannaa Waaqayyoof dhihaachuu qabuuf, mo'icha Kiristoos diinota keenya warra hafuuraa irratti argateef, akkasumas jajjabina inni amantoota hundumaaf qopheesseef ture. Amantiin dhugaan dhugaa ba'umsa Gooftaa amantiin fudhata, akkasumas waadaa isaa raawwachuuf dhugummaa isaatti hirkata. Akka Waaqayyo jabaa kan boonu fi ofitti amanu laaffisutti, akkasumas dadhabaa kan of gadi qabu fi isa irratti of tuulu jabeessa. Waaqayyo saba isaa haala qilleensa hundumaa keessatti ni tiksa. Gooftaan warra isa amanatan mata-jabinna cunqursoota irraa ni golga. Mata-jabinni isaanii sagalee oromoota qofa; akka ho'a aduu sa'aatii guyyaa gidduutti gubuuti; garuu yeroo aduun lixxu eessa jira? Gooftaan yoomiyyuu ture, yoomiyyuu ta'as, iddoo baqannaa amantoota rakkatan. Iddoo golgaa isaaniif qopheessee, gara sanaatti akka baqatan isaan barsiisa.

25:6-8

Cubbamoota qalbii jijjiirratanii gara Waaqayyootti deebi'an jalaalaan simachuun, Kakuu Haaraa keessatti yeroo baay'ee cidhaatti fakkeeffama. Keessummoonni afeeraman nama hundumaa, Yihudootaa fi Ormoota dabalatee.

Ibsa guutuu dubbisi Sagalee, ibsa guutuu fi dubbisa toora alaa

Hiikkoowwan8 · 6

AMHEVG አቤቱ፥ አንተ አምላኬ ነህ፤ ድንቅን ነገር የዱሮ ምክርን በታማኝነትና በእውነት አድርገሃልና ከፍ ከፍ አደርግሃለሁ ስምህንም አመሰግናለሁ። አማርኛ ENGNIV O Lord, you are my God; I will exalt you and praise your name, for in perfect faithfulness you have done marvelous thin… English BCV ኦ እግዚኣብሄር፥ ንስኻ ኣምላኸይ ኢኻ፤ ልዕል ልዕል ከብለካ ንስምካውን ክውድሶ እየ፤ ነቲ ናይ ጥንቲ ዘደንቕ ምኽሪ፥ ብፍፁም ተኣማንነት ፈፂምካዮ ኢኻሞ። ትግርኛ GAZBIB Yaa gooftaa, ati Waaqayyo koo ti, ani sin galateeffadha, maqaa kees nan jajadha; wanta dur akeeki isaa qopheeffame, isa… Afaan Oromoo BCV GIZ እግዚአብሔር አምላኪየ እሴብሐከ ወኣነብብ ለስምከ እስመ ገበርከ መንክረ ግብረ ወእሙነ ኮነ ምክረ ትካት። giz BCV aksum ኦ እግዚኣብሄር፥ ንስኻ ኣምላኸይ ኢኻ፤ ልዕል ልዕል ከብለካ ንስምካውን ክውድሶ እየ፤ ነቲ ናይ ጥንቲ ዘደንቕ ምኽሪ፥ ብፍፁም ተኣማንነት ፈፂምካዮ ኢኻሞ። ትግርኛ AMHNIV እግዚአብሔር ሆይ፤ አንተ አምላኬ ነህ፤ ከፍ ከፍ አደርግሃለሁ፤ ስምህንም አወድሳለሁ፤ አስቀድሞ የታሰበውን፣ ድንቅ ነገር፣ በፍጹም ታማኝነት አድርገሃልና። አማርኛ SWAHSUV Ee Bwana, wewe u Mungu wangu; Nitakutukuza na kulihimidi jina lako; Kwa kuwa umetenda mambo ya ajabu, Mashauri ya kale,… Kiswahili