Waamicha Maatewos
5 Lakkoofsota2Afaan OromooMaatewos 9:9
9Yesus achii ka'ee utuu darbuu, nama Maatewos jedhamu tokko, utuu inni iddoo qaraxaa taa'uu argee, ?Na duukaa bu'i!? jedheen. Maatewos yommus ka'ee, duukaa in bu'e.
Maatewos 9:10-13
10Kana booddee immoo Yesus mana namichaatti maaddiitti taa'e; kunoos qaraxoonnii fi warri akka seeraatti hin jiraanne baay'een dhufanii Yesusii fi bartoota isaa wajjin maaddiitti taa'an.
11Warri Fariisotaa garuu kana yommuu argan bartoota isaatiin, ?Maaliif barsiisaan keessan warra qaraxxuudhaa fi warra akka seeraatti hin jiraannee wajjin nyaata?? jedhan.
12Yesus garuu kana yommuu dhaga'e, ?Namoonni fayyaan ogeessa qorichaa hin barbaadan, dhukkubsatootatu barbaada malee;
13inni ?Gara-laafinan barbaada malee aarsaa miti? jedhu maalitti akka hiikamu dhaqaa baraa! Anoo warra gara-qajeelota waamuu hin dhufne, warra cubbamoota waamuufan dhufe malee? jedhe.