Waldhabdee

19 Lakkoofsota14Afaan Oromoo

Fakkeenya 3:30

30Utuu namni si hin miidhin, akkasumaan nama hin lolin.

Fakkeenya 6:12-14

12Namni waa'ee hin baafne, namni jal'aan arraba isaa isa micciiramaa fudhatee, asii fi achi in adeema;

13ija isaatiin in hawwata, miilla isaa in raasa, quba isaatiin in argisiisa;

14micciiramummaan garaa isaa keessa jira, yeroo hundumaa hammina in korata, gargar ba'uu nama gidduu in facaasa;

Fakkeenya 6:16-19

16Waaqayyo wanta ja'a in jibba, isa torbaffaa immoo in ciigga'a;

17isaanis kanatti fufanii jiru, nama waan guddaatti of ilaalu, arraba sobu, harka dhiiga nama balleessaa hin qabnee dhangalaasu,

18garaa akeeka hamaa yaadee qopheessu, miilla waan hamaa gochuuf ariifatee fiigu,

19nama sobaan nama irratti dhugaa ba'u, isa soba gad jijjigsu, nama gargar ba'uu obboloota gidduutti facaasuu dha.

Fakkeenya 10:12

12Jibbi lola in kaasa, jaalalli garuu, irra-daddarbaan hundinuu deebi'ee akka hin mul'anne in godha;

Fakkeenya 13:10

10Of gurguddisuun morkii in kaasa, ogummaan garuu warra gorsa fudhatan bira jira.

Fakkeenya 17:1

1Mana wanta nyaatamuun guutee waliin morkii qabu irra, lafa nagaan jirutti buddeena cabduu ishee wayya;

Fakkeenya 21:19

19Dubartii qocoltuu fi aartuu wajjin jiraachuu irra, lafa onaa keessa jiraachuu wayya.

Fakkeenya 22:10

10Qoccolloon akka hafutti, nama ga'isaa ofittii fageessi! Yommus lollii fi salphinni in dhaabata.

Fakkeenya 25:8

8Wanta tokko ijuma keetiin argiteef ariifattee gara yaa'iitti hin fidin! Namni dubbii isaa caalchisee keessa beeku yoo si sobsiise dhuma irratti maal goota ree”

Fakkeenya 25:24

24Haadha manaa qoccoltuu wajjin mana tokko keessa taa'uu irra, golee bantii manaa irra taa'uu wayya.

Fakkeenya 26:17

17Namni akkasumaan adeemee dhufee dubbii namaa keessa lixu, akkuma nama gam godhee gurra saree karaa adeemtuu qabuu ti;

Fakkeenya 30:33

33Aannan raasuun dhadhaa baasa, jabeessanii furrii baafachuun nama dhiigsa; tuttuqanii nama aarsuun lola in kaasa.

Maatewos 5:25

25?Nama waan ittiin si hadheessu qabuu wajjin gara yaa'iitti utuu adeemtuu dafii isa firoomfadhu; kanaa achi inni si hadheessu sun abbaa firdiitti si kennata, abbaan firdii immoo eegduu mana hidhaatti si kenna, mana hidhaattis in galfamta.

2ffaa Ximotewos 2:14

14Wal diduun namootaa warra dhaga'an diiga malee, waan tokkoof waa'ee akka hin baafne isaan yaadachiisi! Waaqayyo durattis isaanitti dhugaa ba'i!