Waaqeffannaa

30 Lakkoofsota16Afaan Oromoo

Seensa 35:1-3

1Waaqayyo yommus Yaaqoobiin,“Ka'ii gara Bet'elitti ol ba'i, achi taa'i! Ana Waaqayyo isa yeroo ati Esaawuu obboleessa kee duraa baqattetti sitti mul'ateef, iddoo aarsaa ijaari!” jedhe.

2Kana irratti Yaaqoob warra mana isaa fi namoota isaa wajjin turan hundumaan,“Waaqayyolii ormaa kan qabdan of gidduudhaa baasaa, of qulleessaa, uffata keessanis geddaradhaa!

3Kottaa gara Bet'el in dhaqnaa! Ani achitti Waaqayyo isa guyyaa rakkina kootti deebii anaaf kenne, karaa koo hundumaatti anaa wajjin tureef, iddoo aarsaa nan ijaara” jedhe.

Ba'uu 19:21-24

21Ammas Waaqayyo Museedhaan,“Jarri ana Waaqayyoon ilaaluudhaaf cabsatanii akka hin darbinetti, baay'een isaaniis akka hin dhumnetti, gad bu'ii isaan gorsi!

22Luboonni gara koo gara Waaqayyootti dhi'aatan iyyuu, ani humnaan akkan isaan irratti hin kaanetti of haa qulleessan!” jedhe.

23Yommus Museen Waaqayyoon,“Ati ofii keetii“Tullichatti daarii godhaa, qulqullinattis isa eegaa!” jettee waan nu gorsiteef, sabni kun tulluu Siinaatti ol ba'uu hin danda'u” jedhe.

24Waaqayyo deebisee Museedhaan,“Ka'i gad bu'iitii Aaronii wajjin deebi'ii kottu; luboonnii fi jarri immoo gara kootti tulluutti ol ba'uudhaaf cabsatanii hin darbin!” jedhe.

1ffaa Seenaa Baraa 16:29

29Ulfina maqaa isaatiif ta'u Waaqayyoof dhi'eessaa! Kennaa fidaatii isa duratti dhi'aadhaa! Qulqullummaa akka mi'a miidhaginaatti naqadhaatii Waaqayyoof sagadaa!

2ffaa Seenaa Baraa 5:13-14

13Warri fiingee afuufanii fi warri faarfatoonni sagalee isaanii wal qixxeessanii walii wajjin in faarfatan, Waaqayyoonis in galateeffatan; fiingeedhaan, sibiila walitti rukutamee sagalee ol kaasuun, mi'a garaa garaatiin sagalee guddaadhaanis, “Inni gaarii dha, gaarummaan isaas bara baraan in jiraata” jedhanii Waaqayyoon in galateeffatan. Kana booddee duumessi manicha qulqullummaa sana keessa in guute.

14Ulfinni Waaqayyoo manicha keessa waan guuteef, duumessichis manicha keessa waan jiruuf luboonni hojii isaanii hojjechuu hin dandeenye.

2ffaa Seenaa Baraa 30:27

27Yommus luboonni warri sanyii Lewwii ka'anii jara in eebbisan; Waaqayyo iddoo jireenya isaa isa qulqullaa'aa waaqarraa irraa dhaga'ee kadhata isaanii in fudhateef.

Faarfannaa 5:7

7Ani garuu gaarummaa kee isa baay'eedhaan gara mana keetti ol galuun anaaf kennameera; ulfinaan si sodaachuudhaanis, gara mana qulqullummaa keetti gara galee kufee siif nan sagada.

Faarfannaa 22:22

22Ani immoo maqaa kee obboloota kootti nan labsa, walga'ii keessattis sin jajadha!

Faarfannaa 24:3-6

3Gara tulluu Waaqayyootti ol ba'uun kan ta'uuf eenyu” Iddoo isaa isa qulqullaa'aa keessas dhaabachuun kan ta'uuf eenyu”

4Isa harki isaa hin xuraa'in, garaan isaas qullaa'aa ta'e, isa yaada isaa wanta sobaa duukaa hin kaafne, isa sobaan hin kakannee dhas.

5Inni Waaqayyo biraa eebba, gooftaa isaa, fayyisaa isaa biraas dhugaa in argata.

6Dhaloonni Waaqayyoon barbaaddatan kun warra akkasii ti; yaa Waaqayyo isa kan Yaaqoob, warri fuula kee arguu fedhan isaanuma kana.

Faarfannaa 27:4

4Ani Waaqayyoon waan tokkicha nan kadhadha, isas argachuu nan barbaada; innis, bara jireenya koo hundumaa mana Waaqayyoo keessa jiraachuu, gaarummaa Waaqayyo hojjetu ilaaluu, mana qulqullummaa isaa keessattis isa yaadachuu dha.

Faarfannaa 35:18

18Yommus waldaa guddaa keessatti sin galateeffadha, saba baay'ee keessattis sin jajadha.

Faarfannaa 42:4

4Ani tuuta sanaa wajjin, saba ayyaaneffachaa ture wajjinis, sagalee gammachuu guddaa fi faarfannaa galataatiin, tooraan gara mana Waaqayyootti attamitti akkan adeeme, nan yaadadha; yeroon kana yaadadhus lubbuun koo na keessaa in sokka.

Zakaariyaas 14:16-18

16Yommus saba warra Yerusaalemin rukutan hundumaa keessaa warri hafan immoo Waaqayyo gooftaa maccaa isa mootichaaf sagaduudhaaf, ayyaana gordommaas ayyaaneffachuudhaaf, waggaa waggaatti achitti ol in ba'u.

17Gosoota biyya lafaa irra jiran keessaa, Waaqayyo gooftaa maccaa isa mootichaaf sagaduudhaaf gara Yerusaalemitti kan ol hin baaneef bokkaan hin roobu.

18Gosi warra Gibxiis achitti ol ba'ee hin ayyaaneffatu yoo ta'e, bokkaa hin argatu; Waaqayyo dha'icha isa warra gara Yerusaalemitti ol ba'anii ayyaana gordommaa ayyaaneffachuu didan irratti fide isaan irrattis in fida.

Maatewos 8:4

4Yesus, ?Beekkadhu, waan tokko illee namatti hin himin! Garuu dhaqii luba of ilaalchisi, fayyuun kee hundumaatti haa mul'atuuf akka Museen abboometti kennaa kee dhi'eessi!? ittiin jedhe.

Hojii Ergamootaa 17:24-25

24Waaqayyo, biyya lafaa, kan isa keessa jirus hundumaa kan uume, gooftaa waaqaatii fi lafaa ti; inni galma harki namaa ijaaretti hin galu.

25Ofii isaatii sanyii namaa hundumaaf, jireenyaa fi qilleensa, kan isa barbaachisu hundumaas in kenna; kanaaf harki namaa kan isaaf hojjechuu danda'u, wanti isaaf barbaachisus hin jiru.

1ffaa Qorontos 14:15-17

15Egaa maal wayya ree? Ani hafuuraan nan kadhadha, qalbii kootiinis immoo nan kadhadha; hafuuraan nan faarfadha, qalbii kootiinis immoo nan faarfadha.

16Kanaa achi yoo ati hafuuraan Waaqayyoon galateeffatte, waan ati jette erga hin beeknee, inni hiikaa dubbichaa hin hubanne attamitti galata ati dhi'eessite sanatti, ?Ameen? jechuu danda'a ree?

17Galanni ati dhi'eessite hammam gaarii yoo ta'e iyyuu, namicha isa kaan cimsuudhaaf hin gargaarre.

1ffaa Ximotewos 2:8

8Lafa kadhata godhatanitti immoo warri dhiiraa yaada dheekkamsaa fi qoccollootiin utuu hin ta'in, yaada qullaa'aadhaan harka isaanii ol kaasanii akka kadhatan nan barbaada.