1Ifni kee dhufeera, ulfinni Waaqayyoos siif ba'eera, kanaafis ka'ii ibsi!
2Kunoo! Dukkanni lafatti in uffisa, dukkanni limixiinis saba lafa irraa in dhoksa; siif garuu ifni Waaqayyoo in ba'a, ulfinni isaas si irratti in argama.
3Sabni lafa irraa gara ifa kee, mootonnis gara biiftuu isa siif ba'uu in dhufu.
4Ol jedhii asii fi achi ilaali! Hundumti isaanii walitti qabamanii gara kee in dhufu; ilmaan kee fagoodhaa in dhufu, intaloota kees kaasuutti baatanii gara kee in fidu;
5ati kana yommuu argitu fuulli kee in ifa, onneen kees gammachuu irraa kan ka'e na'ee in dha'ata; qabeenyi galaana keessa jiru hundinuu kan kee in ta'a, badhaadhummaa saba lafa irraas siif in fidu.
6Gaalonni cocolleen danuun, biyya Miidiyaanii fi biyya Eefaatii dhufanii, biyya kee keessa in guutu; namoonni biyya Sheebaatii dhufan hundinuu, warqeedhaa fi ixaana fe'anii in fidu, galata Waaqayyoos in himu.
7Karri bushaayee Qedaar hundinuu siif walitti in qabamu, korbeeyyiin Nabaayyootis dhimma ati barbaaddu irra siif in oolu; isaan hundinuu aarsaa fudhatamoo ta'anii iddoo aarsaa isa kan Waaqayyoo irratti in dhi'eeffamu; Waaqayyo immoo manni ulfina isaatii ulfina akka argatu in godha.
8Warri akka duumessaa, akka gugeewwan mann'ee isaaniitti fiiganii balali'an kun eenyufa'i”
9Ilmaan kee warra biyyoota galaana gidduu keessaa Waaqayyoon abdatan, biyya fagoodhaa warra fidan keessaa, markaboonni Tarshiish warra duraa ti; isaan meetii isaanii fi warqee isaanii isaanii wajjin in fidu; kanas maqaa Waaqayyo gooftaa kee isa qulqulluu kan Israa'el isa ulfina siif kenneef jedhanii in godhu.
10Waaqayyo,“Yaa Yerusaalem, warri ormaa kellaa mandara keetii in ijaaru, mootonni isaaniis siif in hojjetu; ani aaree si rukuteen ture, amma garuu siif oo'ee sin maara;
11sabni lafa irraa badhaadhummaa isaanii gara kee akka fidaniif, mootonni isaaniis tarreedhaan akka ol galaniif, karroonni kee yeroo hundaa banamanii in taa'u, halkanii fi guyyaas hin cufaman.
12Sabni yookiis mootummaan siif hin hojjenne in bada, inni raawwatee in balleeffama;
13yommus si Yerusaalemin deebisanii ijaaruuf, mana qulqullummaa koo ittiin miidhagsuuf, mandara koos ulfina-qabeettii gochuuf, birbirsa, muka yeroo hundumaa baalli isaa lalisuu fi qaraaroo caakkaa Liibaanon keessaa in fidu.
14Ilmaan warra si cunqursaa turanii amma gugguufanii gara kee in dhufu; warri dur si tuffatan hundinuus amma miilla kee jalatti in kufu; isaan,“Ati mandara Waaqayyoo ti Xiyoon mandara Waaqayyoo isa qulqulluu kan Israa'el” jedhanii si in moggaasu.
15“Isa dur namni si irraa goree, si jibbees ture, isa dur namni tokko illee si keessa hin darbine, amma immoo ani bara baraan surra-qabeettii sin godha, dhaloota hundumaafis iddoo gammachuu in taata;
16ati aannan saba warra kaanii in dhugda, qabeenya moototaas in nyaatta; yommus ani Waaqayyo inni aango-qabeessi kan Yaaqoob isa si fayyisuu fi isa si furu akkan ta'e in beekta.
17“Ani qooda sibiila borrajjii, warqee, qooda sibiilaa, meetii, qooda mukaa, sibiila borrajjii, qooda dhagaas, sibiila nan fida; nagaan eegduu kee, qajeelummaanis geggeessituu kee akka ta'u nan godha,
18si'achi sagaleen humnaan nama irratti ka'uu biyya kee keessatti hin dhaga'amu; miidhaan yookiis balleessaan daarii biyya kee keessatti hin argamu; kelloota mandara kee“Fayyina?, balbaloota kees “Galata” jettee in moggaafta.
19“Ani Waaqayyo ibsaa bara baraa siif nan ta'a, ulfina kootu ifa kee ta'a malee, si'achi guyyaa biiftuun, halkanis jiini ifa siif hin ta'u;
20aduun kee deebitee hin lixxu, jiini kees ifa ishee hin hir'iftu; ani Waaqayyo ifa bara baraa siif nan ta'a, barri gadda keetiis in raawwatama.
21Yommus sabni kee hundinuu qajeelota in ta'u, biyyichas dhaala bara baraa in godhatu; isaan biqiltuu isa ani dhaabe, isa ani ulfina koo ittiin argisiisuuf harka kootiin hojjedhee dha.
22Maatiin xinnaan baay'atee kumaatama in ta'a, inni hundumaa irra gad deebi'aanis saba aango-qabeessa in ta'a; ani Waaqayyoo dha; yeroo isaatti kana hundumaa dafee nan raawwadha” jedhe.