Waadaa
11 Lakkoofsota8Afaan OromooKeessa Deebii 4:29
29Garuu achitti Waaqayyoon gooftaa keessan in barbaaddattu; isin garaa keessan guutuudhaan, yaada keessan guutuudhaanis yoo isa barbaaddattan isa in argattu!
Keessa Deebii 6:5
5Ati Waaqayyoon gooftaa kee garaa kee guutuudhaan, humna kee guutuudhaanis jaalladhu!
Keessa Deebii 10:12
12Ammas yaa Israa'el, Waaqayyoon gooftaa kee sodaachuu, karaa isaa hundumaa irra adeemuu, isa jaallachuu, garaa kee guutuudhaan, jireenya kee guutuudhaanis Waaqayyo gooftaa keef hojjechuu malee, Waaqayyo gooftaan kee maal si irraa barbaada”
Iyyaasuu 22:5
5Garuu abboommii fi seera isa Museen garbichi Waaqayyoo isiniif kenne eeguudhaaf jabeessaa of eeggadhaa! Waaqayyoon gooftaa keessan jaalladhaa, karaa isaa hundumaa irra adeemaa! Abboommii isaas eegaa! Isatti maxxanaatii garaa keessan hundumaan, jireenya keessan hundumaanis isaaf hojjedhaa!” jedhe.
Luqaas 10:25-28
25Kunoo, barsiisaan seeraa tokko ka'ee, Yesusin qoruudhaaf, ?Yaa barsiisaa, jireenya bara baraatti galuudhaaf maal gochuutu anaaf ta'a?? jedhee gaafate.
26Yesus immoo deebisee, ?Seera keessatti maaltu caafamee jira? Namootaaf attamitti dubbifta?? jedhee isuma gaafate.
27Kana irratti namichi, ?Garaa kee guutuudhaan jireenya kee guutuudhaan, humna kee guutuudhaan, yaada kee guutuudhaanis Waaqayyo kee goofticha jaallachuutu siif ta'a; namas akka ofii keetiitti jaallachuun siif in ta'a? jedhee deebise.
28Yesus immoo, ?Deebiin kee qajeelaa dha, atis in jiraatta kana raawwadhu!? jedheen.
Hojii Ergamootaa 2:42
42Amantoonnis barsiisa ergamootaatti, tokkummaa isaanii cimsachuutti, buddeena cabsachuutti, kadhata godhachuuttis qabamanii jiraatan.
1ffaa Qorontos 15:58
58Jaallatamoo obboloota ko, egaa utuu hin socho'in jabaadhaatii dhaabadhaa! Itti dadhabuun keessan gooftaa biratti akkasumaan akka hin ta'in beektanii, yeroo hundumaa hojii gooftaa caalchisaa hojjedhaa!
1ffaa Yohaannis 3:18
18Yaa ijoollee ko! Kottaa dubbiidhaa fi afaaniin utuu hin ta'in hojiidhaa fi garaa dhugaadhaan in jaallannaa!