Wangeela

29 Lakkoofsota25Afaan Oromoo

Hojii Ergamootaa 13:47

47Gooftaan akkasuma, ?Ani saba koo warra hin ta'iniif ibsaa, biyya lafaa hundumaafis fayyisaa akka taatuuf si kenneera? jedhee nu abboomeera? jedhan.

Maarqos 16:15

15Inni, ?Gara biyya lafaa hundumaa dhaqaa! Uumama hundumaattis wangeela lallabaa!

Hojii Ergamootaa 20:24

24Haa ta'u iyyuu malee, hojiin wangeela ayyaana Waaqayyoof dhugaa ba'uu, gooftaa Yesus biraa anatti kennameera. Ani immoo ergaa koo fi hojii koo kana raawwachuu duwwaa nan barbaada; kana irraa kan hafe jireenya koo akka waan gatii anaaf qabutti hin lakkaa'u.

Maatewos 5:15-16

15Homtinuu ibsaa qabsiisee guuboo jala hin kaa'u, baattuu ibsaa irra kaa'a malee; ibsichis mana keessa kan jiran hundumaaf in ibsa.

16Namoonni hojii keessan isa gaarii arganii, abbaa keessan isa waaqa irraaf ulfina akka kennaniif ifni keessan akkuma kanaatti namoota duratti haa ifu!? jedheen.

Maatewos 28:19-20

19Egaa dhaqaa, maqaa abbaatii fi ilmaatti, kan hafuura qulqulluuttis isaan cuuphuudhaan, saba hundumaa bartoota koo godhaa!

20Waanan isin abboome hundumaa eeguu isaan barsiisaa! Kunoo, ani immoo hamma dhuma baraatti guyyaa hundumaa isinii wajjin nan jira? isaaniin jedhe.

Roomaa 1:16

16Ani wangeelatti hin yeella'u, inni humna Waaqayyoo isa warra amantii qaban hundumaa, duraan dursee warra Yihudootaa akkasumas warra Griikotaa fayyisuu dha.

Faarfannaa 105:1

1Waaqayyoon galateeffadhaa, maqaa isaa waammadhaa, gocha isaas saba hundumaa keessatti beeksisaa!

1ffaa Pheexiroos 3:15

15Kristosiif garuu akka gooftaatti garaa keessan keessatti ulfina addaan ba'e kennaaf! Waa'ee abdii isin keessa jiruuf, nama isin gaafatee, deebii isin irraa barbaaduuf, deebii ga'u deebisuudhaaf yeroo hundumaa qophaa'oo ta'aa!

Roomaa 10:17

17Egaa amantiin dhaga'uu irraa in dhufa, wanti dhaga'uun ta'u immoo dubbii Kristosiin in beekama.

Maatewos 5:14

14Isin ifa biyya lafaa ti, mandarri tulluu gubbaatti ijaarame dhokachuu hin danda'u.

1ffaa Qorontos 15:1-2

1Ammas yaa obboloota ko! Wangeela isa ani isinitti lallabe, isa isin fudhattan, isa isin itti cimtanii dhaabattanii jirtan isin nan barsiisa.

2Sababii amantaniif utuu hin beekin fudhattan yoo ta'e malee, akkuma ani isinitti lallabetti yoo eeggattan wangeelichumaan in fayyitu.

Maarqos 8:35

35Namni jireenya isaa oolfachuu yoo barbaade, jireenyi isaa duraa in fudhatama; namni anaa fi wangeelaaf jedhee jireenya isaa kennu immoo, isa in oolfata.

Isaayaas 12:4

4Yeroo sanatti isin, “Waaqayyoon galateeffadhaa, maqaa isaas waammadhaa! Gocha isaa saba hundumaa keessatti beeksisaa, maqaan isaa akka ol ka'es himaa!

Yohaannis 13:35

35Jaalala yoo waliif qabaattan, kanaan namoonni hundinuu akka isin bartoota koo taatan in beeku? jedhe.

Tiitoos 2:1

1Ati garuu wanta barsiisa sirrii sanaa wajjin wal fudhatu dudubbadhu!

Maatewos 5:13

13Yesus itti fufee, ?Isin soogidda lafaa ti, soogiddi garuu miyaa yoo of keessaa dhabe maaliin deebi'ee miyeeffama ree? Gad baafamee gatamee namni irra ejjetee balleessa malee, homaa tokkoofuu waa'ee hin baasu.

2ffaa Tasalonqee 2:14

14Ulfina gooftaa keenya Yesus Kristos isinis akka argattanitti inni karaa wangeela isa nuyi isiniif fidne kanatti isin waame.

Hezeqeel 38:23

23ani guddaadhaa fi qulqulluu ta'uu koo nan argisiisa; saba baay'ee durattis nan beekama; yommus ani Waaqayyo akkan ta'e isaan in beeku” jedha.

Hojii Ergamootaa 1:8

8Isin garuu, hafuurri qulqulluun yommuu isin irra bu'u, humna in godhattu; Yerusaalemitti, Yihudaa hundumaatti, Samaariyaatti, hamma andaara lafaattis dhuga-baatuu koo in taatu? isaaniin jedhe.

Yohaannis 15:8

8Kanaan, ija baay'ee godhachuu keessaniin, bartoota koo akka taatanis mul'isuu keessaniin ulfinni abbaa koo in argama.

Qolosaayis 1:27

27Waaqayyo dhoksaa isa ulfinaan guutuu kana warra saba isaa hin ta'in keessatti argisiisuudhaan warra kan isaatiitti beeksisuu jaallate. Dhoksaan mul'ifame kunis Kristos isa isin keessa jiruu dha; inni ulfina isin argachuuf jirtaniif abdii keessan.

Maatewos 4:17

17Yeroo sanaa jalqabee Yesus, ?Mootummaan waaqaa waan dhi'aateef, yaada garaa keessanii geddaradhaa!? jedhee labsuutti ka'e.

Luqaas 4:18

18Inni, ?Hafuurri gooftichaa ana irra jira, sagalee misraachoo warra gadadamootti himuudhaaf na dibeera; warra booji'amanitti akka gad dhiifaman labsuudhaaf; warra jaamaniif agartuu isaanii deebisuudhaaf; warra cunqurfaman luba baasuudhaaf;

Maarqos 10:29-30

29Yesus immoo deebisee, ?Dhuguman isinitti hima, eenyu illee mana yookiis obboloota yookiis obboleettota yookiis haadha, yookiis abbaa yookiis ijoollee yookiis araddaa anaa fi wangeelaaf jedhee kan dhiise,

30bara jireenya isaatti ari'atamuudhaan yoo ta'e iyyuu manneen, obboloota, obboleettota, haadhota, ijoollota, araddaas dachaa dhibba in argata, bara dhufuttis jireenya bara baraatti in gala.

1ffaa Qorontos 2:2

2Hamman isin bira turettis Yesus Kristos, isa fannifame sana duwwaa beekuu koo akkan mul'isuuf murtoo godheen ture.