1ffaa Qorontos 15

GAZGAZAfaan Oromoo58 Keeyyattoota8:24 Dhaggeeffadhu
Dhaggeeffadhu 8:24 · Diraamaawaa Biblight keessatti bani

1Ammas yaa obboloota ko! Wangeela isa ani isinitti lallabe, isa isin fudhattan, isa isin itti cimtanii dhaabattanii jirtan isin nan barsiisa.

2Sababii amantaniif utuu hin beekin fudhattan yoo ta'e malee, akkuma ani isinitti lallabetti yoo eeggattan wangeelichumaan in fayyitu.

3Hundumaa irra caalaa waanan ofii kootii fudhadhe isinitti dabarsee kenneera; innis caaffanni qulqullaa'oon akka jedhanitti, Kristos cubbuu keenyaaf du'eera;

4inni awwaalameera, caaffanni qulqullaa'oon akka jedhanitti guyyaa sadaffaattis du'aa kaafameera.

5Inni Phexrositti mul'ate, ergasii bartoota kudha lamaan keessaa warra hafanitti mul'ate.

6Kana booddee immoo ergaan-takkaa obboloota dhibba shan caalanitti mul'ate; isaan keessaa kaan illee boqotaniiru garri caalan garuu amma iyyuu jiru.

7Erga Yaaqoobitti mul'atee booddee immoo, warra ergamoota jedhaman hundumaatti mul'ate.

8Hundumaa booddee ana isa akka nama iddoo hin ga'in dhalatetti immoo mul'ateera.

9Anoo ergamoota hundumaa irra xinnaa dha; waldaa Waaqayyoo waanan ari'adheefis, ?Ergamaa? jedhamee waamamuudhaaf nama ta'u miti.

10Amma garuu ayyaana Waaqayyootiin ani ergamaa ta'eera, ayyaanni inni anaaf kennes utuu dhimma hin baasin hin hafne. Ani hunduma isaanii caalaa itti dadhabee hojjedheera; ana utuu hin ta'in, ayyaana Waaqayyoo isa anaa wajjin jirutu itti dadhabe.

11Egaa anis isaanis akkasitti in lallabna, isinis akkasitti amantanii jirtu.

12Kristos warra du'an keessaa kaafamuun isaa erga lallabamee, attamitti isin keessaa kaan, ?Warri du'an ka'uun hin jiru? jechuu danda'u ree?

13Warri du'an ka'uun hin jiru erga ta'ee, Kristosis immoo du'aa hin kaafamne.

14Kristos du'aa hin kaafamne erga ta'ee, lallabuun keenya dhimma hin baasu, amanachuun keessanis dhimma hin kutu.

15Nuyis Waaqayyo, Kristosin du'aa kaaseera jennee, Waaqayyoof dhugaa ba'uu keenyaan sobduu taanee argamuu keenya; warri du'an hin kaafaman erga ta'ee, Waaqayyo Kristosin immoo du'aa hin kaafne jechuu dha.

16Warri du'an hin kaafaman erga ta'ee, Kristosis immoo du'aa hin kaafamne.

17Kristos du'aa hin kaafamne erga ta'ee, amantiin keessan immoo waa'ee hin baasu, cubbuun keessan ammuma iyyuu isin irra jira.

18Yoos immoo warri Kristositti amananii obbaafatan baduu isaanii ti.

19Jireenya amma biyya lafaa kana irra jiraannu duwwaadhaaf Kristosin abdanna erga ta'ee, namoota hundumaa caalaatti nuuf boo'uutu ta'a.

20Amma garuu Kristos warra du'an keessaa kaafameera, warra obbaafatan keessaas isatu jalqaba ka'e.

21Du'uun karaa nama tokkoo akkuma dhufe, warri du'an ka'uunis karaa nama tokkoo dhufeera.

22Harkisaa Addaamiin namoonni hundinuu akka du'an akkasuma immoo harkisaa Kristosiin namoonni hundinuu in jiraachifamu.

23Kun hundinuu akka tarree isaaf qophaa'etti in ta'a; Kristos jalqabatti ka'ee jiraataa akkuma ta'e, warri kan Kristos ta'anis yeroo inni deebi'ee dhufutti in jiraachifamu.

24Kristos immoo gooftummaa hundumaa, aboo hundumaa, humna hundumaas golgoleessee, mootummicha deebisee Waaqayyo abbaatti erga kennee booddee dhumni in ta'a.

25Waaqayyo diinota hundumaa miillan isaa jala hamma kaa'ufitti, Kristos mo'uutu ta'a.

26Hundumaa booddee diina keenya du'atu golgoleeffama.

27Caaffanni qulqullaa'aan, ?Waaqayyo wanta hundumaa miillan isaa jala galcheera? jedha; ?Wanta hundumaa miillan isaa jala galcheera? yommuu jedhu, Waaqayyo inni waan hundumaa miilla Kristos jala galche immoo ofii isaatii miilla jala akka hin galin mul'ataa dha.

28Wanti hundinuu ilma Waaqayyoo jala yommuu galfamu, ilmi immoo ofii isaatii, Waaqayyo isa waan hundumaa miilla isaa jala galche jala in gala; akkasitti Waaqayyo karaa hundumaa waan hundumaa irra in ta'a.

29Warri du'an hin kaafaman erga ta'ee immoo, namoonni warra du'aniif jedhanii cuuphaman maal gochuu isaanii ti ree? Maaliifis isaaniif jedhanii cuuphamu ree?

30Maaliif yeroo hundumaa waan jireenya keenyaaf sodaachisu jala jiraanna ree?

31Obboloota ko, ani guyyuma guyyaatti sodaa du'aa jalan jira; kanas karaa Kristos Yesus gooftaa keenyaa isiniin waanan of jajuuf, kakadhee isinittan hima.

32Akka yaada namaatti yoon fudhadhe, Efesoonitti akka nama bineensotaan loluu ta'uun koo, bu'aa maalii anaaf qaba ture ree? Warri du'an hin kaafaman erga ta'ee, akkuma warra kaanii, ?Bor waan duunuuf, kottaa in nyaannaa, in dhugnas!? in jenna.

33Hin gowwoominaa! ?Hiriyaan gadheen amala gaarii in mancaasa?.

34Yaada keessan qajeelfadhaa! Cubbuutti qabamtanii hin jiraatinaa! Isin keessaa kaan Waaqayyoon wallaalaniiru; kana immoo isin qaanessuufan isinitti dubbadha.

35Namoonni tokko tokko, ?Warri du'an attamitti kaafamu? Yommuu argaman dhagni isaanii maal fakkaata?? jedhanii in gaafatu ta'a.

36Ati gowwaa nana! Wanti ati facaaftu sun ofii isaatii yoo du'e malee, biqilee jiraachuu hin danda'u.

37Sanyiin qamadii yookiis midhaan kan biraa, inni ati facaaftu micireesaa duwwaa dha malee, dhagna biqiltuu isaa isa argamuuf jiru miti.

38Waaqayyo garuu akka jaallatetti dhagna in kennaaf; tokkon tokkon isaatiif akka akaakuu sanyichaatti dhagna addaa in kennaaf.

39Foon hundinuu akaakuu tokko miti; foon namootaa akaakuu tokko, foon horii kan biraa ti, foon simbirrootaa kan biraa ti, foon qurxummiis kan biraa ti.

40Dhagni warra waaqa irraa jira, dhagni warra lafa irraas jira; ulfinni warra waaqa irraa tokko, ulfinni warra lafa irraa tokko.

41Calaqqifni aduu kan biraa ti, calaqqifni ji'aa kan biraa ti; calaqqifni urjootaa kan biraa ti; calaqqifni urjii tokkoo calaqqisa urjii isa kaaniittii gargar.

42Ka'uun warra du'aniis akkasuma ta'uuf jira; wanta badutu awwaalama, wanta hin badnetu kaafama;

43gad deebiidhaan in awwaalama, ulfinaan in kaafama; dadhabbiidhaan in awwaalama, humnaanis in kaafama.

44Dhagna fooniitu awwaalama, dhagna hafuuraatu kaafama; dhagni foonii erga jiraatee, dhagni hafuuraas immoo jira.

45Caaffanni qulqullaa'aan, ?Addaam inni duraa foon lubbuu qabu ta'e; Addaam inni lammaffaan immoo hafuura jireenya kennu ta'e? jedha.

46Dhagna fooniitu dura bu'e malee, dhagna hafuuraa miti; kana booddee dhagna hafuuraatu argame.

47Namichi inni duraa biyyoo irraa waan uumameef, nama biyya lafaa ti; namichi inni lammaffaan immoo nama waaqa irraa ti.

48Warri biyya lafaa akka namicha biyya lafaa sanaa ti; warri biyya waaqaa akka namicha waaqa irraa sanaa ti.

49Bifa namicha isa biyya lafaa akka fudhanne akkasuma immoo bifa namicha isa waaqa irraa fudhachuuf jirra.

50Obboloota ko, namni foonii fi dhiigaan mootummaa Waaqayyootti galuu yookiis wanti badu wanta hin badne keessaa hirmaachuu, akka hin dandeenye isinittan hima.

51Nuyi hundumti keenya in geddaramna malee, hin duunu; dhoksaan ani isinitti himuuf jedhes, isa kana.

52Malakanni inni dhumaa yommuu afuufamu, battala liphsuu ijaatti in geddaramna; malakanni in afuufama, warri du'an immoo bifa hin badneen in kaafamu.

53Wanti hin badne, iddoo wanta badu kanaa, wanti hin duune iddoo wanta du'u kanaa bu'uutu ta'a.

54Wanti hin badne iddoo wanta badu kanaa yommuu bu'u, wanti hin duunes iddoo wanta du'u kanaa yommuu bu'u, inni, ?Duuni badduu ba'e, mo'ichi argameera?

55ammas immoo, ?Mo'ichi kee meerree, yaa du'aa? Arfiin kees meerree yaa du'aa?? jedhamee caafame fiixaan ba'eera.

56Arfiin du'atti nama oofu cubbuu dha; cubbuu kan humna godhachiisus seera.

57Waaqayyo isa karaa gooftaa keenya Yesus Kristos mo'icha nuuf kennuuf immoo galanni haa ta'u.

58Jaallatamoo obboloota ko, egaa utuu hin socho'in jabaadhaatii dhaabadhaa! Itti dadhabuun keessan gooftaa biratti akkasumaan akka hin ta'in beektanii, yeroo hundumaa hojii gooftaa caalchisaa hojjedhaa!

Ibsa

15:1-11

Jechi du'aa ka'uu jedhu, yeroo baay'ee awwaala booda jiraachuu keenya akeeka. Barumsa ergamootaa kana keessaa mallattoon isaa tokkollee barumsa falaasamootaa hunda keessatti argamuu hin danda'u. Barumsi du'aa fi du'aa ka'uu Kiristoos bu'uura Kiristiyaanummaati. Kana yoo kaasan, abdii keenya bara baraaf qabnu hundi akka tasaa ni liqimfama. Dhugaa kana cimsee qabachuudhaanis Kiristiyaanonni guyyaa qormaataa keessa ni dhaabbatu, akkasumas Waaqayyoof amanamaan akka ta'an eegamu. Yoo amantii wangeelaa keessa hin jiraanne, amanannaan keenya bu'aa hin qabu. Dhugaan kun raajii Kakuu Moofaa tiin mirkanaa'eera; namoonni hedduunis erga inni du'aa ka'ee booda Kiristoosiin argan. Ergamaan kun ulfina guddaa argatee ture, garuu yeroo hundumaa ofii isaatiif yaada gad qabaa ture, akkasumas kana ibsaa ture. Yeroo cubbamoonni, ayyaana Waaqayyootiin, qulqulloota ta'an, Waaqayyo yaadannoo cubbuu isaanii durii akka isaan gad of deebisan, cimoo, fi amanamaa ta'an godha. Waan isaa keessa jiru hundumaa ayyaana Waaqayyootiif kenna. Amanaa dhugaan, Waaqayyo isaaniif, isaaniin, fi isaan keessa akkamitti akka hojjete beekaa ta'anii yoo jiranillee, garuu yeroo amala isaanii guutuu fi dirqama isaanii ilaalan, namni isaaniin caalaa gatii hin qabne akka hin jirre ni itti dhaga'ama. Kiristiyaanonni dhugaan hundi Yesuus Kiristoos, inni fannifame, achiis du'aa ka'e, ifa fi bu'uura Kiristiyaanummaati jedhanii ni amanu. Ergamoonni hundi dhugaa ba'umsa kana irratti waliif galan; amantii kanaan jiraatan, amantii kanaanis du'an.

15:12-19 Kiristoos du'aa ka'uu isaa erga mul'isee booda, ergamaan namoota du'aa ka'umsi hin jiru jedhan deebise.

Kiristoos yoo du'aa ka'uu baate, qajeelchi yookiin baraaramni hin jiraatu ture. Yoo inni amma iyyuu warra du'an keessa jiraate, Kiristoositti amantiin faayidaa hin qabuu, homaa hin buusuus? Ragaan du'aa ka'umsa qaamaa du'aa ka'umsa Gooftaa keenyaa ti. Kiristoos yoo du'aa ka'uu baate, isaan amantiidhaan du'an iyyuu cubbuu isaaniitiin badanii turan. Warri Kiristoositti amanani hundinuu, akka Fureetti abdii isatti qabu; furamuu fi baraarama isa irraa argachuu abdii qabu; garuu du'aa ka'umsi yoo hin jiraanne, yookiin mindaan gara fuulduraa yoo hin jiraanne, abdii isaan isatti qaban jireenya addunyaa kanaaf qofa ta'a. Akkasumas isaan nama hundumaa caalaa, keessattuu yeroo fi haala ergamoonni itti barreessanitti, haala caalaatti hammaataa keessa jiraatu turan; sababiin isaa, yeroo sana Kiristiyaanonni nama hundaan jibbamaa fi ari'atamaa turan. Garuu kun akkas miti; isaan nama hundumaa caalaa, rakkinaa fi qormaata isaanii hundumaa keessattis, yeroo ari'atama cimaa keessattis, jajjabina jabaa argatu.

15:20-34

Warri amantiidhaan Kiristoosiin tokko ta’an hundi, du’aa ka’uu isaatiin mataa isaanii kan mirkanaa’anidha. Akka cubbuu Addaam isa duraatiin namoonni hundi du’oo ta’anitti, sababiin isaas hundumtuu isa irraa amala cubbuu walfakkaatu qabaataniiru, akkasumas, du’aa ka’uu Kiristoosiin, warri Hafuuraa fi amala hafuuraa qooda fudhachuuf godhaman hundi ni jiraatu, barabaraanis ni jiraatu. Du’aa ka’uu keessa tartiiba ni jiraata. Kiristoos mataan isaa firii duraa ture; dhufaatii isaatti, ummanni isaa inni furame warra kaan dura ni ka’u; dhuma irratti jal’oonnis ni ka’u. Ergasii haalli yeroo ammaa jiru kun ni xumurama. Yeroo ulfaataa fi barbaachisaa sana keessa injifannoo argachuuf yoo barbaanne, amma bulchiinsa isaatti of dabarsuu, fayyina isaa fudhachuu, ulfina isaatiifis jiraachuu qabna. Sana booda hojii isaa xumuramuu isaatiin ni gammanna, akka Waaqayyo ulfina fayyina keenyaa guutummaatti fudhatuuf, akka nuti bara baraan isa tajaajilluuf, ayyaana isaatiinis gammannuuf.

Ibsa guutuu dubbisi Sagalee, ibsa guutuu fi dubbisa toora alaa

Hiikkoowwan8 · 6

AMHEVG ወንድሞች ሆይ፥ የሰበክሁላችሁን ደግሞም የተቀበላችሁትን በእርሱም ደግሞ የቆማችሁበትን በእርሱም ደግሞ የምትድኑበትን ወንጌል አሳስባችኋለሁ፤ አማርኛ ENGNIV Now, brothers, I want to remind you of the gospel I preached to you, which you received and on which you have taken you… English BCV ሕዚ ኸዓ ኣሕዋተይ፥ ነቲ ኣነ ዝሰበኽኩልኩም ወንጌል፥ ከዘክረኩም እደሊ ኣለኹ። ንሱ ድማ እቲ ዝተቐበልኩምዎን፥ ብእኡ ድማ ፀኒዕኹም እትነብሩ ዘለኹምን እዩ። ትግርኛ GAZBIB Ammas yaa obboloota ko! Wangeela isa ani isinitti lallabe, isa isin fudhattan, isa isin itti cimtanii dhaabattanii jirt… Afaan Oromoo BCV GIZ ወአጤይቀክሙ አኀዊነ ትምህርተ ዘመሀርኩክሙ፤ ዘአመ ተዐሎክሙ ዘቦቱ ሀለውክሙ ወዘቦቱ ተሐይዉ። giz BCV aksum ሕዚ ኸዓ ኣሕዋተይ፥ ነቲ ኣነ ዝሰበኽኩልኩም ወንጌል፥ ከዘክረኩም እደሊ ኣለኹ። ንሱ ድማ እቲ ዝተቐበልኩምዎን፥ ብእኡ ድማ ፀኒዕኹም እትነብሩ ዘለኹምን እዩ። ትግርኛ AMHNIV አሁንም፣ ወንድሞች ሆይ፤ የሰበክሁላችሁንና የተቀበላችሁትን ደግሞም ጸንታችሁ የቆማችሁበትን ወንጌል ላሳስባችሁ እወዳለሁ፤ አማርኛ SWAHSUV Basi, ndugu zangu, nawaarifu ile injili niliyowahubiri; ambayo ndiyo mliyoipokea, na katika hiyo mnasimama, Kiswahili