Gara laafina

17 Lakkoofsota13Afaan Oromoo

Efesoona 4:32

32Walitti kan toltan, garaas kan waliif laaftan ta'aa; akkuma Waaqayyo karaa Kristos cubbuu keessan isiniif dhiise, isinis akkasuma waliif dhiisaa!

Faaruu Bo'ichaa 3:22-23

22Araarri Waaqayyoo dhuma waan hin qabneef, gaarummaa isaa irraa kan ka'e badiisa keessaa baraaramne.

23Araarri isaa ganama ganama in haareffama, amanamummaan isaas baay'ee dha;

1ffaa Pheexiroos 3:8

8Ammas hundumti keessan hafuuraan, dhageettii yaada garaatiinis tokkummaa qabaadhaa! Obboloota jaallachuudhaan, gara-laafinaan, gad of deebisuudhaanis walii wajjin jiraadhaa!

2ffaa Qorontos 1:3-4

3Waaqayyoof, abbaa gooftaa keenyaa Yesus Kristos, abbaa araara hundumaaf, Waaqayyo jajjabina hundumaaf galanni haa ta'u!

4Jajjabina isa Waaqayyo biraa arganne sanaan, nuyi immoo rakkina attamii keessatti iyyuu warra kaan akka jajjabeessinuuf, inni rakkina keenya hundumaa keessatti nu in jajjabeessa.

Roomaa 12:15

15Warra gammadanii wajjin gammadaa; warra boo'anii wajjinis boo'aa!

Qolosaayis 3:12

12Isin warra fo'aman, warra Waaqayyoof qulqullaa'an, warra jaallatamanis erga taatanii, araara garaa keessaa dhufu, gaarummaa, gad of deebisuu, garraamummaa obsas akka uffataatti uffadhaatii keessa jiraadhaa!

Isaayaas 49:15-16

15Waaqayyo immoo,“Haati mucaa ishee isa harma hodhu irraanfachuu in dandeessii” Mucaa ishee isa ofii deesseef hin ootuu ree” Utuma isheen isa irraanfatte iyyuu, ani matumaa si hin irraanfadhu!

16Kunoo! Ani bar'uu harka koo irratti si caaffadheera, kellaan kee inni dhagaadhaan ijaarame yeroo hundaa fuula koo dura jira.

Zakaariyaas 7:9-10

9Waaqayyo gooftaan maccaa,“Firdii qajeelaa faradaa, walii keessanittis gaarummaa fi oo'a argisiisaa!

10Haadha hiyyeessaa, ijoollee abbaan irra hin jirre, galaa, rakkataas hin cunqursinaa! Garaa keessan keessattis wal irratti waan hamaa hin yaadinaa!” jedhe.

Faarfannaa 103:13

13abbaan ijoollee isaatiif akka garaa laafu, Waaqayyos akkasuma warra isa sodaataniif garaa in laafa.

1ffaa Yohaannis 3:17

17Namni biyya lafaa kana irratti waan ittiin jiraatu qabu, dhaba obboleessa isaatii argee yoo garaa itti jabaate, jaalalli Waaqayyoo attamitti isa keessa jiraata ree?

Ibraa'oota 4:15

15Cubbuutu irraa dhabame malee, angafa lubootaa isa karaa hundumaan akka keenya qorame qabna; isa dadhabbiin keenya garaa isaa hin rukunne garuu hin qabnu.

Isaayaas 30:18

18Waaqayyo garuu amma iyyuu tola isaa isinitti argisiisuudhaaf isin eegaa jira; isiniif oo'uudhaafis ka'eera; Waaqayyo gooftaan, Waaqayyo isa firdiin isaa qajeelaa waan ta'eef, warri isa eeggatan haa gammadan!

Zakaariyaas 10:6

6“Ani namoota Yihudaa nan jabeessa, namoota Yoseefis nan fayyisa; ani waanan isaaniif oo'uuf, akka isaanii duriitti isaan nan deebisa; ani Waaqayyo isaanii waanan ta'eef, kadhata isaanii isaaniif nan dhaga'a, akka waanan takkaa isaan hin tufatiniis in ta'u;