Ibraa'oota 4

GAZGAZAfaan Oromoo16 Keeyyattoota3:12 Dhaggeeffadhu
Dhaggeeffadhu 3:12 · Diraamaawaa Biblight keessatti bani

1Iddoo boqonnaa sanatti galuudhaaf abdichi amma iyyuu waan hin raawwatamin jiruuf, isin keessaa namni tokko illee booddeetti kan hafe fakkaatee akka hin argamnetti, kottaa sodaachaa in eeggannaa!

2Misraachoo isuma nutti himametu isaanittis lallabame; haa ta'u iyyuu malee, isaan warra amantiidhaan dhaga'anitti waan hin dabalaminiif, dubbichi dhaga'ame sun isaan hin gargaarre.

3Ammas nuyi warri amanne iddoo boqonnaa sanatti in galla. Waaqayyo hojii biyya lafaa uumuu isaatii raawwateera; isaaniin garuu, ?Yeroo dheekkamsa koo sanattis ?Isaan matumaa iddoo boqonnaa kootti hin galan? jedhee kakadheera? jedhe.

4Waa'ee guyyaa torbaffaatiif immoo iddoo tokkotti, ?Guyyaa torbaffaatti Waaqayyo hojii isaa hundumaattii boqoteera? jedhameera.

5Yeroo dheekkamsa isaatti immoo, ?Isaan matumaa iddoo boqonnaa kootti hin galan? jedhee dubbateera.

6Amma warri boqonnaa sanatti galuudhaaf abdii qaban jiru; warri duraan misraachoon itti himame sun immoo sababii amanuu didaniif, iddoo boqonnaa sanatti hin galin hafan.

7Kana irrattis immoo Waaqayyo guyyaa ?Har'a? jedhamu tokko in dhaaba; akkuma kanaan dura as keessatti yaadachiifame bara dheeraa booddee karaa Daawit, ?Har'a, sagalee Waaqayyoo yeroo dhageessan, isin mata-jabeeyyii hin ta'inaa!? in jedha.

8Iyaasuun iddoo boqonnaa sanatti utuu isaan galcheera ta'ee, Waaqayyo ergasii waa'ee guyyaa kan biraa hin dubbatu ture.

9Egaa boqonnaan Sanbata Waaqayyoo saba isaatiif amma iyyuu kaa'ameefii jira.

10Namni boqonnaa Waaqayyootti galu, Waaqayyo hojii isaa irraa akkuma boqote, innis immoo hojii isaa irraa in boqota.

11Kanaafis namni tokko illee akka warra sanaa abboomamuu diduudhaan kufee akka hin hafnetti, kottaa iddoo boqonnaa sanatti galuudhaaf in dhamaana!

12Dubbiin Waaqayyoo jiraataa dha, humna hojjetus of keessaa qaba, billaa gar lamaan qarame caalaa qara qaba; inni lubbuu fi hafuura, buusaa fi dhuka gargar in baasa, yaadaa fi akeeka garaa namaas qoree faraduudhaaf in danda'a.

13Wanti Waaqayyo uume tokko illee isa duraa dhokachuu hin danda'u; wanti hundinuu saaqamaa ija isaa durattis mul'ataa dha; nus waan goone sababii isaa wajjin isatti himuun nu irra jira.

14Egaa angafa lubootaa isa guddicha bantiiwwan waaqaa keessa darbe, Yesus ilma Waaqayyoo erga qabaannee, beeksisa amantii keenyaa jabeessinee in qabanna.

15Cubbuutu irraa dhabame malee, angafa lubootaa isa karaa hundumaan akka keenya qorame qabna; isa dadhabbiin keenya garaa isaa hin rukunne garuu hin qabnu.

16Yeroo barbaachisetti akka nu gargaaraniif araara isaa fudhachuudhaaf, ayyaana isaas argachuudhaaf, kottaa ija-jabinaan gara teessoo Waaqayyoo isa ayyaanaan guututti in dhi'aanna.

Ibsa

4:1-10 Wantoonni ayyaanota sagalee Wangeelaa jalatti qabnu Seera Musee jalatti wanta jiru kamiyyuu caalaa guddaa dha, garuu Wangeelli akkuma inni jiru, lamaan isaanii, Kakuu Moofaa fi Kakuu Haaraa jalatti lallabamaa ture iyyuu. Akka bara hundumaatti dhaggeeffattoonni buʼaa hin qabne hedduun turaniiru; amantii dhabuun immoo sagalee jala buʼaa dhabuu hundumaa bu'uura dha. Amantiin dhaggeeffataa keessa jiru jireenya sagalee ti. Garuu dagannoo walakkaa, akkasumas amantii laafaa fi jijjiiramaa ta'uu irraa kan ka'e dhiibbaan dhukkubsaa tokko jiraata, inni kun nama yeroo baayʼee hirʼatee akka mulʼatu godha. Kanaafuu, Mootummaa Waaqayyoo guutummaatti seenuuf haa jabaannu. Akkuma Waaqayyo hojii isaa xumuree irraa boqote, akkasumas inni warra amanan, hojii isaanii akka xumuran, achiis boqonnaa isaanii akka argatan godha. Sabata torban guyyaa torbaffaa yookiin isa Yosuef Yihudoota kenne irra, sabata hafuuraa fi caalu tokko saboota Waaqayyoof jiraachuun isaa ifa dha. Boqonnaan kun, haala Wangeelaa keessatti, boqonnaa ayyaanaa, tasgabbii fi qulqullina ti. Akkasumas boqonnaa ulfinaa, bakka sabni Waaqayyoo dhuma amantii isaanii fi kaayyoo fedha isaanii hundumaa argatan. Boqonnaan yookiin sabatiizimii inni ergamaan irratti dubbataa jiru, fi inni boqonnaan kun jiraachuu isaa fi dhugumaan argamuu isaa irratti xumura dhiyeesse, shakkii malee boqonnaa samii, isa saboota Waaqayyoof jiru dha, akkasumas addunyaa kana keessatti haala hojii fi rakkinaatti kan mormu dha. Boqonnaan kun isa isaan argatan dha yeroo Gooftaan Yesus samiirraa mulʼatu. Garuu warri hin amanne, gonkumaa boqonnaa hafuuraa kana hin seenan, akka ayyaanaatti asitti yookiin akka ulfinaatti fuulduratti. Waaqayyo yeroo hundumaa boqonnaan namaa isa keessa akka taʼe beeksiseera, jaalalli Isaa qofa gammachuu dhugaa lubbuu akka taʼe; akkasumas amantiin abdii Isaa keessa, Ilma Isaa biraan, karaa tokkicha boqonnaa sana seenuuf akka taʼe.

Ibsa guutuu dubbisi Sagalee, ibsa guutuu fi dubbisa toora alaa

Hiikkoowwan8 · 6

AMHEVG እንግዲህ ወደ ዕረፍቱ ለመግባት ተስፋ ገና ቀርቶልን ከሆነ፥ ምናልባት ከእናንተ ማንም የማይበቃ መስሎ እንዳይታይ እንፍራ። አማርኛ ENGNIV Therefore, since the promise of entering his rest still stands, let us be careful that none of you be found to have fal… English BCV እምበኣር ናብ ዕረፍቲ እግዚኣብሄር ንምእታው ተስፋ ኻብ ሃለወና፥ ምናልባሽ ሓደ ኻባኻትኩም፥ ናብዝ ዕረፍቲ እዙይ እንተይኣተወ ዝተርፍ ከይህሉ ንፍራሕ። ትግርኛ GAZBIB Iddoo boqonnaa sanatti galuudhaaf abdichi amma iyyuu waan hin raawwatamin jiruuf, isin keessaa namni tokko illee boodde… Afaan Oromoo BCV GIZ ንፍራህ እንከ እምእለ ሰምዑ ወኢንኅድግ ትእዛዞ ከመ ንባእ ውስተ ዕረፍቱ ወለእመ ቦ እንጋ ዘይትረከብ እምኔክሙ ውስተ ስሒት ዘልማድ ወይጸንዕ ኢይምሰሎ ዘየኀድግዎ ከመ ይባእ ውስተ ዕረፍቱ። giz BCV aksum እምበኣር ናብ ዕረፍቲ እግዚኣብሄር ንምእታው ተስፋ ኻብ ሃለወና፥ ምናልባሽ ሓደ ኻባኻትኩም፥ ናብዝ ዕረፍቲ እዙይ እንተይኣተወ ዝተርፍ ከይህሉ ንፍራሕ። ትግርኛ AMHNIV እንግዲህ ወደ ዕረፍቱ ለመግባት የተሰጠው ተስፋ አሁንም የተጠበቀ ስለ ሆነ፣ ከእናንተ ማንም ለዚያ ሳይበቃ እንዳይቀር እንጠንቀቅ፤ አማርኛ SWAHSUV Basi, ikiwa ikaliko ahadi ya kuingia katika raha yake, na tuogope, mmoja wenu asije akaonekana ameikosa. Kiswahili