1Bokkaa ji'a birraa akka isiniif kennuuf Waaqayyoon kadhadhaa! Isatu duumessa bokkaa qabuu fi bokkaa tiifuu namootaaf ergee, wanta hundumaaf, lafti biqiltuu biqilchee akka lalisu godhe.
2Waaqayyoliin tolfamoon maatii wanta waa'ee hin baafne in dubbatu, warri hooda himanis mul'ata sobaa in argu, abjuu sobaas in himu; isaan akkasumaan nama in jajjabeessu; kanaaf sabni tiksee waan hin qabneef, akka hoolotaa in jooru, in rakkatus.
3Waaqayyo,“Aariin koo tiksoota irratti in boba'a, warra dura-buutotas nan adaba; ani Waaqayyo gooftaan maccaa hoolota koo namoota Yihudaatiif nan dhimma, akka farda lolaas isaan nan jabeessa;
4sanyii Yihudaa keessaa dhagaan golee, qofoon dunkaanaa, iddaan lolaa fi warri biyya bulchan hundinuu in ba'u.
5Isaan walii wajjin akka jagnoota jajjaboo, warra yeroo lolaa diinota isaanii dhoqqee karaa keessaa irratti lafatti dhidhiitanii in ta'u; Waaqayyo isaanii wajjin waan jiruuf, isaan lola keessatti abootii fardeenii in yeellaasisu.
6“Ani namoota Yihudaa nan jabeessa, namoota Yoseefis nan fayyisa; ani waanan isaaniif oo'uuf, akka isaanii duriitti isaan nan deebisa; ani Waaqayyo isaanii waanan ta'eef, kadhata isaanii isaaniif nan dhaga'a, akka waanan takkaa isaan hin tufatiniis in ta'u;
7namoonni Efreemis akka jagnoota warra jajjaboo in ta'u, akka waan daadhii waynii dhuganiitti garaa isaaniitti in gammadu; ilmaan isaanii kana arganii in gammadu, garaan isaaniis Waaqayyotti in gammada.
8Ani milikkitaan waamee, walitti isaan nan qaba; ani dhugumaan isaan nan fura, isaanis akkuma isaanii duriitti in baay'atu;
9ani saba warra kaan gidduu utuman isaan facaasee jiruu iyyuu, isaan biyya fagoo sanaa ana in yaadatu turan; isaanii fi ilmaan isaanii in jiraatu, biyyattis in deebi'u;
10ani biyya Gibxii deebisee isaan nan fida; biyya Asor keessaas walitti isaan nan qaba; ani biyya Giil'aadii fi biyya Liibaanonitti isaan nan galcha; akkasitti isaan biyyicha keessa in guutu.
11Isaan galaana rakkinaa sana keessa in darbu, dha'aan galaanaas isaaniif in abboomama; tuujjubni galaana Abbayyaa hundinuus in goga; Asor ishee of tuultuun gad in deebiti, uleen mootummaa warra Gibxiis in bada;
12ani Waaqayyo isaan nan jabeessa, maqaa kootiinis karaa isaanii irra in deddeebi'u” jedha.