Gatii guddaa qaba
16 Lakkoofsota12Afaan OromooFakkeenya 31:10
10Haadha manaa mana ishee qabuu dandeessu, eenyutu argachuu danda'a ree” Isheen callee gati-jabeessa hundumaa irra guddaa in caalti;
Fakkeenya 3:3-4
Isaayaas 43:4
4ati ana duratti gati-jabeessaa fi ulfina-qabeessa waan taateef, waanan si jaalladhuufis qooda lubbuu keetii, saba warra kaan dabarsee nan kenna;
Isaayaas 60:1
1Ifni kee dhufeera, ulfinni Waaqayyoos siif ba'eera, kanaafis ka'ii ibsi!
Maatewos 6:26
26Simbirroota qilleensa keessa balali'an ilaalaa! Isaan hin facaasan hin haamanis gombisaattis hin galchan; garuu abbaan keessan inni waaqa irraa isaan in soora. Egaa isin immoo isaan irra guddaa hin caaltanii ree?
Maatewos 10:29-31
Hojii Ergamootaa 20:24
24Haa ta'u iyyuu malee, hojiin wangeela ayyaana Waaqayyoof dhugaa ba'uu, gooftaa Yesus biraa anatti kennameera. Ani immoo ergaa koo fi hojii koo kana raawwachuu duwwaa nan barbaada; kana irraa kan hafe jireenya koo akka waan gatii anaaf qabutti hin lakkaa'u.
Luqaas 12:6-7
Fakkeenya 10:20
20arrabni nama qajeelaa akka meetii fo'amaa ti, yaadni nama jal'aa garuu gatii hin qabu;
Galaatiyaa 5:6
6Kristos Yesusiif amantii jaalalaan hojjetutu gatii qaba malee, dhagna qabachuu yookiis dhagna qabachuu dhiisuu miti.
Ba'uu 19:5
5Biyyi lafaa guutummaatti kan koo waan ta'eef, isin anaaf yoo dhageessan, kakuu koos yoo eegdan, saba hundumaa keessaa addumaan dhuunfaa koo in taatu.
Maatewos 12:12
12Egaa namni immoo hammam hoolaa irra haa caalu ree? Kanaafis guyyaa Sanbataatti gaarii hojjechuun seera? isaaniin jedhe.