Maatewos 10

GAZGAZAfaan Oromoo42 Keeyyattoota7:10 Dhaggeeffadhu
Dhaggeeffadhu 7:10 · Diraamaawaa Biblight keessatti bani

1Yesus bartoota isaa kudha lamaan ofitti waamee, hafuurota xuraa'ota akka baasaniif, dhukkubaa fi dhibee hundumaas akka fayyisaniif aboo isaaniif kenne.

2Maqaan ergamoota kudha lamaanii immoo kanatti fufee jira; inni duraa Simoon isa Phexros jedhamee moggaafame, Indriiyaas obboleessa Phexros, Yaaqoob ilma Zabdewos, Yohannis obboleessa Yaaqoob;

3Filiphos, Bartolomewos, Toomaas, Maatewos isa qaraxa fuudhu, Yaaqoob ilma Alfewos, Taadewos;

4Simoon isa ?Hinaafticha? jedhamee beekame, Yihudaa nama biyya Keriyot isa dabarsee Yesusin kenne.

5Isaan kudha lamaan kana Yesus ergee, ?Karaa saba Waaqayyoo warra hin ta'initti isin geessu irra hin gorinaa, mandara warra Samaariyaa tokko illees hin lixinaa!

6Kanaa mannaa gara warra akka hoolotaa karaa irraa goranii mana Israa'elii badanii dhaqaa!

7Akkuma dhaqxaniinis, ?Mootummaan waaqaa dhi'aateera? jedhaa lallabaa!

8Warra dhukkubsatoo fayyisaa, warra du'an kaasaa, warra lamxaa'an qulleessaa, hafuurota hamoota baasaa; gatii utuu itti hin baasin fudhattan, isinis gatii utuu itti hin baasisin kennaa!

9Adeemuudhaaf warqee, meetii yookiis sibiila diimaa gudunfachuu hin barbaadinaa;

10karaadhaaf korojoo, qomee lama, kophee, ulees baachuu hin barbaadinaa; hojjetaan waan isa barbaachisu argachuun in ta'aaf.

11Mandara yookiis ganda kamitti illee yommuu galtan, nama ta'u barbaadaa, hamma iddoo sanaa adeemtanitti isa bira turaa!

12Manichatti yeroo lixanis nagaa dhi'eessaa.

13Manichi kanaaf kan male yoo ta'e nagaan keessan isa irra haa buufatu, garuu yoo isaaf hin malle ta'e, nagaan keessan isiniif haa deebi'u.

14Eenyu illee yoo isin simuu dhabaate, dubbii keessanis yoo dhaga'uu dhabaate, manicha sanaa yookiis mandaricha sanaa yommuu baatan awwaara miilla keessan irraa dhadha'adhaa!

15Ani dhuguman isinitti hima, guyyaa firdiitti inni warra Sodoomii fi Gomoraatti faradamu kan warra mandara kanaa irra salphaa in ta'a? jedhe.

16Yesus itti dabalee, ?Kunoo, akka hoolota yeeyyii gidduu dhaqaniittan isin erga; egaa akka bofaa afchaala ta'aa, akka gugees garraamii ta'aa!

17Namoota irraa garuu of eeggadhaa! Yaa'iitti dabarsanii isin in kennu, manneen sagadaa isaanii keessattis isin in reebu.

18Isaanitti, warra saba Waaqayyoo hin ta'inittis dhugaa ba'uudhaaf, anaaf jettanii fuula warra biyya bulchanii fi fuula moototaatti in geeffamtu.

19Yommuu dabarsanii isin kennan immoo akka itti dubbattan yookiis maal akka jettan hin yaadda'inaa; wanti isin dubbachuuf jirtan yeroo sanatti isiniif in kennama.

20Hafuura abbaa keessaniitu isin keessaa dubbata malee, isintu dubbata miti.

21?Obboleessi obboleessa, abbaanis ilma du'atti dabarsee in kenna; ijoolleenis warra isaanii irratti in ka'u, isaan in ajjeesus.

22Anaaf jettanii hundumaa biratti in jibbamtu; namni hamma dhumaatti rakkina obsu garuu in fayya.

23Mandara tokko keessaa yoo isin ari'atan, gara isa kaaniitti baqadhaa! Dhuguman isinitti hima, ilmi namaa hamma dhufutti mandaroota Israa'el hundumaa waliin hin geessan.

24?Bartuun barsiisaa isaa gara irraa miti, hojjetaanis isa isa hojjechiifatu gara irraa miti.

25Bartuudhaaf akka barsiisaa isaa ta'uun, hojjetaafis akka isa hojjechiifatuu ta'uun isa in ga'a; abbaa manaa ?Bi'el Zebul? jedhanii erga waamanii, warra mana isaatii immoo hammam caalchisanii maqaa gadheedhaan haa waamani ree!? jedhe.

26Yesus ammoo, ?Egaa isaan hin sodaatinaa! Waan haguugame jiru hundinuu in mul'ifama; waan dhoksaatti eegamaa jirus in beeksifama.

27Waan ani dukkana keessatti isinitti himu ifa guyyaa keessatti dhageessisaa, waan hasaasamee dhageessan lafa ol jedhaa irratti labsaa.

28Warra foon namaa ajjeesanii lubbuu garuu ajjeesuu hin dandeenye hin sodaatinaa! Kanaa mannaa isa lubbuu fi foon qilillee keessatti balleessuu danda'u sodaadhaa!

29Simbirroonni lama akka saantiima tokkotti in gurguramu mitii ree? Isaanuma keessaa iyyuu tokko illee yaada abbaa keessanii malee lafa hin bu'u;

30isin garuu, rifeensi mataa keessanii hundinuu iyyuu lakkaa'amaa dha.

31Kanaafis hin sodaatinaa! Isinoo simbirroota baay'ee irra guddaa in caaltu? jedhe.

32Itti fufes Yesus, ?Eenyu illee namoota duratti eenyu akkan ta'e dhugaa ba'ee yoo mul'ise, anis abbaa koo isa waaqa irra jiru duratti dhugaa nan ba'aaf.

33Eenyu illee namoota duratti yoo na gane garuu, anis immoo abbaa koo isa waaqa irra jiru duratti isa nan gana? jedhe.

34Yesus ammoo, ?Biyya lafaa irratti nagaa fiduudhaaf waanan dhufe isinitti hin fakkaatin; ani billaa fiduufan dhufe malee, nagaa fiduudhaaf hin dhufne.

35Ani nama tokko abbaa isaa wajjin, intala haadha ishee wajjin, haadha manaa ilmaa amaatii ishee wajjin walitti naquudhaaf dhufeera.

36Diinni nama tokkoos warra mana isaa keessaa in ta'u.

37Namni abbaa yookiis haadha ana caalaatti jaallatu, anaaf kan male miti; namni ilma yookiis intala ana caalaatti jaallatu, anaaf kan male miti.

38Namni fannoo isaa (isa anaaf jedhee ol fudhatu) baatee ana duukaa hin buune anaaf kan male miti.

39Namni jireenya ofii isaatiif barbaaddatu jireenyi isaa isa duraa in fudhatama, namni anaaf jedhee jireenya isaa kennu immoo isa in argata? jedhe.

40Yesus, ?Namni isin simu ana simuu isaa ti, namni ana simus isa ana erge simuu isaa ti.

41Namni, raajii tokko raajii ta'uu isaatiif sime, gatii raajii tokkoo in argata; namni, nama qajeelaa tokko qajeelaa ta'uu isaatiif simes, gatii nama qajeelaa tokkoo in argata.

42Dhuguman isinitti hima, eenyu illee isaan xixinnayyoo kana keessaa isa tokkoof, waan inni bartuu koo ta'eef, bishaan qabbanaa'aa willee tokko illee yoo kenne, gatii isaa hin dhabu? jedhe.

Ibsa

10:1-4

Jechi "ergamaa" jedhu hiikni isaa "ergamtuu" dha; isaan ergamtuu Kiristoos turan, mootummaa isaa labsuuf ergaman. Kiristoos dhukkuba hundumaa fayyisuuf humna isaanii kenne. Ayyaana wangeelaa keessa, madaa hundumaaf dawaan jira, dhukkuba hundumaafis furmaatni jira. Dhukkubni hafuuraa Kiristoos keessatti humna fayyinaa hin arganne tokkoyyuu hin jiru. Maqaan isaanii galmeeffameera, kunis kabaja isaaniiti; haa ta'u malee, maqaan isaanii samiirratti barreeffamuu isaatiif caalaatti gammadus sababii qabu turan, yeroo maqaan gurguddoonni lafarraa jajjaboon biyyoo keessatti awwaalaman.

10:5-15

Sabootaaf wangeelli dursa hin geenye, hamma Yihudoonni didanitti. Daangaan ergamootarra ture kun, ergama isaanii isa jalqabaa qofaaf ture. Eessa deemanittuu labsanii dubbachuu qabu turan, "Mootummaan Samii dhihootti jira." Isaan lallaban, amantii cimsuuf; mootummicha, abdii jajjabeessuuf; waaqaarraa ta'uu isaa, jaalala waan samii fi tuffii waan lafaa kakaasuuf; inni dhihoo ta'uu isaa ammoo, namoonni osoo hin turin akka of qopheessanitti ture. Kiristoos humna dinqii hojjechuu kenneef, barsiisa isaanii mirkaneessuuf. Kun yeroo ammaatti, sababiin mootummaan Waaqayyoo dhufeef, barbaachisaa miti. Kun akeekni barsiisa isaan lallaban, lubbuu dhukkubsatte fayyisuuf, fi warra cubbuudhaan du'an du'aa kaasuuf akka ta'e argisiise. Wangeela ayyaana tolaa labsuudhaan, lubbuu namaa fayyisuu fi baraaruudhaaf, nuti hunda caalaa bifti hafuura mindeessaa irraa fagaachuu qabna.

Magaalota fi bakkeewwan ormaatti maal akka hojjetanitti qajeelfaman. Tajaajilaan Kiristoos bakka itti ergametti ergamaa nagaati. Ergaan isaa cubbamoota jibbisiisoo ta'aniifillee ni dhaqqaba, ta'us, inni bakka hundatti namoota gaarii ta'an barbaadee argachuun isaaf ta'a. Nuti hundaaf garaa guutuudhaan kadhachuun, akkasumas hundaaf kabajaan of geggeessuun nuuf ta'a. Warra isaan didanitti akkamitti akka of geggeessanitti qajeelfaman. Gorsi Waaqayyoo guutuun labsamuu qaba, fi warri ergama ayyaanaa gaarii hin dhageeffanne, haalli isaanii balaa keessa akka jiru argisiifamuu qabu. Kun namoota wangeela dhaga'an hunda biratti garaatti qabamuu qaba, akka mirgi isaanii adaba isaanii dabaluuf qofa hin oolletti.

10:16-42

Gooftaan keenya bartoota Isaa ari'atamaaf akka of qopheessan akeekkachiise. Waan diinota isaaniif faayidaa kennu hundumaa irraa, dhimmoota addunyaa yookaan siyaasaa keessa galuu hunda irraa, bifa hamaa yookaan ofittummaa hunda irraa, fi tarkaanfii dhoksaa hundumaa irraa fagaachuu qabu turan. Kiristoos rakkinoota dura dubbate, rakkinootichi akka tasaa ta'anii isaan hin dinqisiifneef qofa osoo hin taane, garuu amantii isaanii akka cimsuuf ture. Waan isaan dhugaan qaban, fi eenyu irraa akka dhugaan qaban isaanitti hime.

Ibsa guutuu dubbisi Sagalee, ibsa guutuu fi dubbisa toora alaa

Hiikkoowwan8 · 6

AMHEVG አሥራ ሁለቱን ደቀ መዛሙርቱን ወደ እርሱ ጠርቶ፥ እንዲያወጡአቸው በርኩሳን መናፍስት ላይ ደዌንና ሕማምንም ሁሉ እንዲፈውሱ ሥልጣን ሰጣቸው። አማርኛ ENGNIV He called his twelve disciples to him and gave them authority to drive out evil spirits and to heal every disease and s… English BCV ኢየሱስ ነቶም ዓሰርተ ኽልተ ደቀ መዛሙርቱ ፀዊዑ፥ ንርኹሳት መናፍስቲ ኸውፅእዎም፥ ንዝኾነ ደዌን ሕማምን ድማ፥ ከሕውዩ ስልጣን ሃቦም። ትግርኛ GAZBIB Yesus bartoota isaa kudha lamaan ofitti waamee, hafuurota xuraa'ota akka baasaniif, dhukkubaa fi dhibee hundumaas akka … Afaan Oromoo BCV GIZ ወጸውዖሙ ለዐሠርቱ ወክልኤቱ አርዳኢሁ ወወሀቦሙ ሥልጣነ ዲበ መናፍስት ርኩሳን ከመ ያውፅእዎሙ ወይፈውሱ ኵሎ ድዉያነ ወሕሙማነ። giz BCV aksum ኢየሱስ ነቶም ዓሰርተ ኽልተ ደቀ መዛሙርቱ ፀዊዑ፥ ንርኹሳት መናፍስቲ ኸውፅእዎም፥ ንዝኾነ ደዌን ሕማምን ድማ፥ ከሕውዩ ስልጣን ሃቦም። ትግርኛ AMHNIV ኢየሱስ ዐሥራ ሁለቱን ደቀ መዛሙርት ወደ እርሱ ጠርቶ ርኵሳን መናፍስትን እንዲያወጡ፣ ደዌንና ሕማምን ሁሉ እንዲፈውሱ ሥልጣንን ሰጣቸው። አማርኛ SWAHSUV Akawaita wanafunzi wake kumi na wawili, akawapa amri juu ya pepo wachafu, wawatoe, na kupoza magonjwa yote na udhaifu w… Kiswahili