Fakkeenya 31

GAZGAZAfaan Oromoo31 Keeyyattoota4:28 Dhaggeeffadhu
Dhaggeeffadhu 4:28 · Idilee · Diraamaawaa Biblight keessatti bani

1Jechi kanatti fufee jiru, isa haati Lemu'el mootii Maasaa ittiin isa gorsitee dha;

2yaa ilma ko, yaa dhala dhabaa, yaa ilma ani wareegaan godhadhe! Maaluma sitti himu ree”

3Ati humna kee dubartootatti hin dhangalaasin! Jireenya kees dubartoota mootota balleessanitti gad hin dhiisin!

4Moototaaf hin ta'u! Yaa Lemu'el, mootonni daadhii waynii dhuguutti of gad-dhiisuun hin ta'u! Gurguddoonni biyyaas dhugaatii nama macheessu hawwuun gaarii miti.

5Isaan yoo dhugan, wanta seerri jedhu in irraanfatu; firdii ijoollee hiyyeessaas in jal'isu.

6Dhugaatiin nama macheessu nama badiisatti dhi'aateef, daadhiin wayniis nama jireenyi itti hadhaa'eef kennama.

7Namni akkasii dhugee hiyyuma isaa haa irraanfatu, gadadama isaas deebi'ee hin yaadatin!

8Ati warra ofii isaaniitiif dubbachuu hin dandeenyeef dubbadhu! Warra abbaan irra hin jirreefis dhugaa isaanii eegiif!

9Isaaniif dubbadhu, firdii qajeelaas isaaniif kenni! Warra hiyyeessotaa fi warra wanta barbaachisaa dhabaniif falmi!

10Haadha manaa mana ishee qabuu dandeessu, eenyutu argachuu danda'a ree” Isheen callee gati-jabeessa hundumaa irra guddaa in caalti;

11abbaan manaa ishee ishee in amanata; qabeenyis isatti hin hir'atu.

12Bara jireenya ishee hundumaatti, wanta gaarii gootiif malee, wanta hamaa isa irratti hin hojjettu;

13isheen rifeensaa fi quncee talbaa barbaaddee, dhimmitees uffata in dhoofti.

14Markaboonni naggaadotaa, biyya fagoo dhaqanii akkuma mi'a fidan, isheenis biyya fagootii nyaata ishee in fidatti.

15Isheen ganama utuu lafti hin bari'in kaatee, maatii isheetiif nyaata in kenniti, xomboreewwan isheettis hojii hojii isaanii in argisiifti.

16Isheen qortee ilaaltee lafa in bitatti; horii itti dadhabdee argatteenis biqiltuu waynii in dhaabbatti.

17Mudhii ishee jabeessitee in hidhatti, irree ishee cimsattees in hojjetatti.

18Hojiin ishee bu'aa akka qabu in ilaalti, ibsaan ishees halkan hin dhaamu;

19muka itti jirbii maran harka isheetti in baatti, qubeettii isheetiin immoo calii in qabatti.

20Isheen hiyyeessaaf in arjoomti, dhabaadhaafis garaa in laafti;

21maatiin ishee uffannaa dhaamocha nama irraa ittisu waan qabaniif, yommuu alaa cabbii buusee roobu maatii isheetiif hin yaaddoftu;

22isheen uffata siree in dha'atti, uffata calaqqisaa, quncee talbaa ba'eessa irraa dha'ames in uffatti.

23Abbaan manaa ishee jaarsolii biyyaa wajjin, yaa'ii karra mandaraa keessa yommuu taa'u ulfina qaba;

24isheen quncee talbaa irraa uffata dhooftee in gurgurti, naggaadotattis sabbata in gurgurti;

25humnaa fi ulfina akka uffataatti in uffatti; yeroodhuma dhufuttis in gammaddi.

26Ogummaadhaan in dubbatti, barsiifni gaariinis afaan ishee keessaa in ba'a.

27Isheen yeroo hundumaa jireenya maatii isheetii in eegdi, utuu hin hojjetinis akkasumaan buddeena hin nyaattu.

28Ijoolleen ishee lafaa ka'anii “Eebbifamtuu!” jedhanii ishee in waamu, abbaan manaa ishee immoo ishee jajatee,

29“Dubartoota baay'eetu wanta ba'eessa hojjeta, ati garuu hunduma isaanii in caalta” isheedhaan in jedha.

30Simboon nama irraa in darbiti miidhaginnis nama in gowwoomsiti, dubartiin Waaqayyoon sodaattu garuu in jajamti.

31Gatii ija hojii isheetii isheedhaaf kennaa! Hojiin ishee yaa'ii karra mandaraa keessatti ishee haa jaju!

Ibsa

31:1-9

Yeroo ijoolleen ija haadha jalatti jiranitti, haati yaada isaanii sirriitti tolchuuf carraa argatti. Warri guddatan, barsiisa gaarii yeroo ijoollee turanitti argatan yeroo baay'ee yaadachuun isaan irra jira. Fakkeenyonni baay'een sodaachisoon namoota abdii qaban turan, kan dubartoota hamootaan, akkasumas jaalala daadhii wayiniitiin badan, hundumaafis hamoota kana irraa akka fagaatan akeekkachiisuu qabu. Daadhiin wayinii dhiphinaa yookiin qorichaaf fayyadamaa ta'uu qaba. Uumamaan Waaqayyo hundi gaariidha, akkasumas daadhiin wayinii, yoo balleesfameyyuu, faayidaa mataa isaa qaba. Haala wal fakkaatuun, jajaa fi jajjabinni sirriin, warra gaddanii fi qoraman jajjabeessuuf akka qoricha garaa jabeessuutti fayyadamuu qabna, garuu warra ofitti amananuu fi of-danda'aniif kennamuu hin qabu. Warri aangoo irra jiran hundi namoota kaan caalaa dammaqinaan of to'achuu qabu; akkasumas eegdota warra murtii isaanii ofii isaaniif dubbachuu hin dandeenye yookiin sodaatan ta'uu qabu. Gooftaan keenya jaallatamaan, xumura dhugaatii gubaa hunda caalu, kan kubbaayyaa gaddaa harka isaatti kenname jalaa hin dabsine; garuu kubbaayyaa jajjabinaa harka saba isaa keessa kaa'a, akkasumas warra dhiphina guddaa keessa jiran gammachiisa.

31:10-31 Kun ibsa dubartii cimtuu bara sanaati, garuu tarreen isaa waliigalaa umurii fi saboota hundumaaf wal qixa ta'a. Of eeggannoo guddaadhaan kabajaa fi jaalala abbaa manaa ishee argachuuf, yaada isaa beekuuf, akkasumas inni ishee irratti akka bulchuuf fedha qabdi.

1. Isheen amanamaa dha, abbaan mana ishees dubartii akkanaatti dhiisee mana isaa akka bulchitu godha. Inni isheetti ni gammada. Hojii ishee yeroo hundaas wantoota gaarii isaaf gochuudha. 2.

Ibsa guutuu dubbisi Sagalee, ibsa guutuu fi dubbisa toora alaa

Hiikkoowwan8 · 6