Garbummaa
16 Lakkoofsota14Afaan OromooGalaatiyaa 5:1
1Birmadummaatti akka nuyi jiraannuuf Kristos birmaduu nu baase; kanaaf itti jabaadhaa dhaabadhaa! Deebitaniis waanjoo garbummaa jalatti hin qabaminaa!
Yohaannis 8:34
34Kana irratti Yesus, ?Dhuguma, dhuguman isinitti hima, namni cubbuu hojjetu hundinuu garbicha cubbuu ti.
Roomaa 8:15
15Hafuurichi isin fudhattan hafuura ilmummaatti guddifamuu ti malee, hafuura garbummaa isa sodaa jalatti isin deebisu miti; hafuura kanaanis, ?Abbaa keenya? jennee Waaqayyoon in waammanna.
Isaayaas 58:6
6“Soomiin ani fo'adhe warra firdii jal'aadhaan hidhaman hiikuu, hudhaa waanjoo ittii furuu, warra cunqurfaman luba baasuu, waanjoo hundumaas isaan irraa caccabsuu mitii ree”
Keessa Deebii 5:15
15Ati biyya Gibxiitti garbicha akka turte, Waaqayyo gooftaan kee harka jabaadhaan, irree ol fuudhamaadhaanis achii akka si baase yaadadhu; Waaqayyo gooftaan kee kanaaf guyyaa Sanbataa akka eegduuf si abboome.
1ffaa Qorontos 12:13
13Nuyi Yihudoonni, warri Yihudoota hin ta'inis, warri garbummaa jala jiran, warri birmaduunis hundumti keenya dhagna tokko ta'uudhaaf hafuura tokkoon cuuphamneerra, nuyi hundumti keenya akka dhugnuufis hafuurri qulqulluun inni tokkichi nuuf kennameera.
Fakkeenya 12:24
24Namni harki isaa ba'eessa godhee hojjetu in mo'a, namni harki isaa dhibaa'u garuu, garbicha namaa in ta'a;
Fakkeenya 22:7
7Sooressi hiyyeessa in bulcha, inni liqeeffatus abbaa liqiitiif hojjetaa dha.
Roomaa 6:5-6
Galaatiyaa 3:28-29
Yohaannis 8:36
36Ilmichi yoo birmaduu isin baase, egaa isin warra birmaduu baatanii dha.
1ffaa Pheexiroos 2:16
16Akka warra birmaduu Waaqayyoof garboota ta'aniitti jiraadhaa! Garuu birmadummaan keessan kan ittiin hamaa hojjettanii dhoksitan hin ta'in.
Luqaas 4:18
18Inni, ?Hafuurri gooftichaa ana irra jira, sagalee misraachoo warra gadadamootti himuudhaaf na dibeera; warra booji'amanitti akka gad dhiifaman labsuudhaaf; warra jaamaniif agartuu isaanii deebisuudhaaf; warra cunqurfaman luba baasuudhaaf;
Roomaa 6:22
22Amma garuu cubbuu jalaa luba baatanii hojjetoota Waaqayyoo taataniittu, kunis qulqullummaadhaaf ija isiniif godhata, gara dhumaattis jireenya bara baraatti in geessa.