Isaayaas 58

GAZGAZAfaan Oromoo14 Keeyyattoota4:41 Dhaggeeffadhu
Dhaggeeffadhu 4:41 · Idilee · Diraamaawaa Biblight keessatti bani

1Waaqayyo,“Hamma dandeessu guddisii dubbadhu malee, of hin qabin! Sagalee kee akka fiinootti ol kaasii dhageessisi, saba kootti irra-daddarbaa isaanii, sanyii Yaaqoobitti cubbuu isaanii himi!

2Isaan guyyaa hundumaa na barbaaddatu, karaa koo beekuus in fedhu, akka saba wanta qajeelaa hojjetuu fi seera koo isa qajeelaa hin dhiisiniitti, wanta gochuun isaaniif ta'u beekuu in fedhu; ana Waaqayyotti dhi'aachuus in jaallatu” jedhe.

3Isaan,“Ati gara keenya hin ilaaltu erga ta'ee, nuyi maaliif soomne” Ati nuuf hin beekne erga ta'ee, nuyi maaliif of dhiphifne?” in jedhu. Waaqayyo immoo,“Kunoo! Yeroo soomtanitti waanuma jaallattan in raawwattu, hojjetoota keessanitti hojii in cimsitu.

4Kunoo! Isin yommuu soomtan wal in qoccoltu, wal in loltu, abootteedhaanis wal in rukuttu; akka amma soomtan kanatti yoo itti fuftan kadhata keessan waanan isiniif dhaga'u isinitti fakkaataa ree”

5Soomiin ani fo'adhe isa akkasiitii ree” Inni isin soomuu dha jettan, isa namni gaaf tokko of dhiphisee, akka dhallaadduu coollagee mataa isaa gad qabatee, uffata gaddaas uffatee daaraa keessa taa'u kanaa” Guyyaan Waaqayyo jaallatus isa kanaa?

6“Soomiin ani fo'adhe warra firdii jal'aadhaan hidhaman hiikuu, hudhaa waanjoo ittii furuu, warra cunqurfaman luba baasuu, waanjoo hundumaas isaan irraa caccabsuu mitii ree”

7Buddeena keessan warra beela'aniif, hiyyeessa olii fi gad jooruuf iddoo bultii kennuu, isa qullaa ta'e yommuu argitan daara baasuu, warra aantii keessan ta'anitti dugda gatuu dhiisuu mitii ree”

8Yoo kana hundumaa gootaniif ifni keessan akka biiftuu ganamaa ol in ba'a, madaan keessanis dafee deebi'ee in fayya; qajeelummaan keessan isin dura in adeema, ulfinni koos isin booddeedhaan isin in eega.

9“Yommus isin ana in waammattu, anis isiniif nan deebisa; gargaarsaaf gara kootti in iyyattu, anis isin jalaa nan oowwaadha; isin nama cunqursuu yoo dhiiftan, quba namatti qabdanii jal'ina nama irratti dubbachuus yoo dhiiftan,

10isa beela'eef nyaata yoo kennitan, isa rakkates yoo gargaartan, ifni keessan dukkana keessatti in ba'a, dukkanni keessanis akka guyyaa saafaa in ta'a.

11Ani Waaqayyo yeroo hundaa isin nan geggeessa, lafa gogaa keessatti iyyuu isin nan quufsa, namummaa keessanis nan jabeessa; yommus isin akka iddoo dhaabaa isa yeroo hundaa bishaan qabuu, akka burqaa bishaan isaa hin hir'annees in taatu;

12isa dur diigamee ture in deebiftu, hundee isa abaabiliin keessan kaa'an irrattis in ijaartu; isin,“Warra isa caccabe deddeebisan, warra karaa isa duudee ture tottolchanis” in jedhamtu.

13“Isin guyyaa Sanbataatti lafuma halle dhaquu yoo dhiiftan, guyyaa koo isa qulqullaa'aa kanatti fedha keessan duukaa bu'uuttii yoo of eeggattan, guyyaa Sanbataa, guyyaa gammachuu, guyyaa qulqullinni koo ulfina itti argatu yoo godhattan, guyyaa sanatti dhimma ofii keessaniitiif adeemtanii itti gammaduu, wanta waa'ee hin baafnes dubbachuu yoo dhiiftan,

14yommus ana Waaqayyotti in gammaddu, ani immoo iddoo ol ka'aatti akka isin ol baatan, dhaala Yaaqoob abbaa keessaniis akka isin nyaattan nan godha” jedhee afaan kootiin kana dubbadheera.

Ibsa

58:1,2 Hafuurri Qulqulluun waldhaantota bara hundaa keessa jiran akeekkateera. Jaalalli ofii fi Kiristaanonni sodaa qaban, "Of eeggadhu" jedhu ta'a; Fannoo jibbuun fi kaayyoon biraa immoo, "Warra dureeyyii fi warra humna qaban hin cinqin" jedhu; Waaqayyo garuu, "Hin eegin!" jedha: nutis nama utuu hin taane Waaqayyoon ajajamuu qabna. Nuti hundumti keenya of qorachuudhaaf gargaarsa Waaqayyoo garaadhaa kadhachuu nu barbaachisa. Namoonni gara waaqaatti fagoo deemuu danda'u, garuu ni ququxxisuu danda'u; akkasumas maqaa gaarii qabanii gara Se'oolitti deemuu danda'u.

58:3-12

Soomni guyyaa lubbuu ofii salphisuuti; yoo cubbuu isaaf gadda dhugaa hin argisiisin, cubbuu dhiisuudhaafis kan hin jajjabeessine yoo ta'e, inni sooma miti. Warri amanamoo fakkaatan kun soomiiwwan guyyaa murtaa'aa yookiin kan yeroo addaa irratti gadda argisiisanii turan. Haa ta'u malee, isaan boonaan, sassataan, fi fedhiiwwan hamoon of guutu turan. Arjaa ta'uu fi gara laafessa ta'uun, soomii duwwaa irra Waaqayyo duratti fudhatamaa dha; kunis yoo isaan malee ta'e, faayidaa hin qabu, of fakkeessummaa dha. Baay'een warra mana Waaqayyoo keessatti gad of deebisoo fakkaatan, manatti garuu gara jaboo dha, maatii isaaniis ni dhiphisu.

Ibsa guutuu dubbisi Sagalee, ibsa guutuu fi dubbisa toora alaa

Hiikkoowwan8 · 6

AMHEVG በኃይልህ ጩኽ፥ አትቈጥብ፥ ድምፅህን እንደ መለከት አንሣ፥ ለሕዝቤ መተላለፋቸውን ለያዕቆብ ቤትም ኃጢአታቸውን ንገር። አማርኛ ENGNIV “Shout it aloud, do not hold back. Raise your voice like a trumpet. Declare to my people their rebellion and to the hou… English BCV “ብሓይሊ ዓው በል፤ ኣይትቘጥብ፤ ድምፅኻ ኸም መለኸት ዓው ኣብል፤ ንህዝበይ በደሎም፥ ንቤት ያእቆብ ድማ ሓጢኣቶም ንገሮም። ትግርኛ GAZBIB Waaqayyo,“Hamma dandeessu guddisii dubbadhu malee, of hin qabin! Sagalee kee akka fiinootti ol kaasii dhageessisi, saba… Afaan Oromoo BCV GIZ ክላሕ በኀይልከ ወኢትምሀክ፡ ወአዕቢ ቃልከ ከመ ቃለ ቀርን ወንግሮሙ ለሕዝብየ ኀጢአቶሙ ወለቤተ ያዕቆብ ጌጋዮሙ። giz BCV aksum “ብሓይሊ ዓው በል፤ ኣይትቘጥብ፤ ድምፅኻ ኸም መለኸት ዓው ኣብል፤ ንህዝበይ በደሎም፥ ንቤት ያእቆብ ድማ ሓጢኣቶም ንገሮም። ትግርኛ AMHNIV “በኀይል ጩኽ፤ ምንም አታስቀር፤ ድምፅህን እንደ መለከት አሰማ፤ ለሕዝቤ ዐመፃቸውን፣ ለያዕቆብም ቤት ኀጢአታቸውን ተናገር። አማርኛ SWAHSUV Piga kelele, usiache, Paza sauti yako kama tarumbeta; Uwahubiri watu wangu kosa lao, Na nyumba ya Yakobo dhambi zao. Kiswahili