Galaatiyaa 3

GAZGAZAfaan Oromoo29 Keeyyattoota5:13 Dhaggeeffadhu
Dhaggeeffadhu 5:13 · Diraamaawaa Biblight keessatti bani

1Isin yaa warra wallaalota Galaatiyaa! Fannifamuun Yesus Kristos akka waan caafamee rarraafameetti ija keessan dura ture; kana deebitanii akka wallaaltaniif eenyutu qoricha isinitti godhe?

2Waan seerri isin irraa barbaadu gochuudhaan moo yookiis wangeela dhageessanii itti amanuudhaan hafuura qulqulluu fudhattan? Kana duwwaa isin irraa baruu nan barbaada.

3Attam akkas wallaalota taatu? Hafuura qulqulluudhaan jalqabdanii, amma immoo yaada fooniitiin raawwachuu barbaadduu ree?

4Waan baay'ee akkasii miyeeffachuun keessan wanta waa'ee hin baafneef turee ree? Waa'ee baasuu dhiisuu duwwaa yoo ta'eefoo!

5Isa seerri isin irraa barbaadu waan hojjettaniif moo yookiis wangeela dhageessanii waan itti amantaniif Waaqayyo hafuura isaa isiniif kennee, hojii aangoos isin keessatti hojjeta?

6Abrahaamin yoo ilaalle, ?Inni Waaqayyoon amanate, kunis qajeelummaatti lakkaa'ameef? kan jedhu caafameera.

7Egaa warri amanan Abrahaamiif ilmaan akka ta'an hubadhaa!

8Waaqayyo warra saba isaa hin ta'in amantiidhaan qajeelota gochuuf akka jiru, duraan dursee caaffata qulqullaa'aa keessatti dubbachiiseera; inni Abrahaamiin, ?Sabni hundinuu siin in eebbifamu? jedhee duraan dursee misraachoo itti himeera.

9Egaa warri amanan, Abrahaam isa amanee wajjin in eebbifamu.

10Warri waan seerri isaan irraa barbaadu hojjechuu isaanii abdatan, abaarsa jala jiru; caaffanni qulqullaa'aan, ?Namni wanta macaafa seerichaa keessatti caafame hundumaa gochuutti qabamee hin jiraanne abaaramaa dha!? in jedha.

11Namni tokko illee hojii seeraa raawwachuudhaan Waaqayyo biratti qajeelaa ta'ee akka hin lakkaa'amne mul'ataa dha; ?Namni amantiidhaan fuula Waaqayyoo duratti qajeelaa ta'e jireenya dhugaa in argata? in jedha.

12Seerri garuu amantii irra hin dhaabatu; haa ta'u iyyuu malee, ?Namni wanta seerichi barbaadu hojjetu ittiin in jiraata? kan jedhu caafameera.

13Kristos immoo nuuf jedhee abaaramaa ta'uudhaan, abaarsa isa seerichi nutti fidu jalaa nu fureera; akkuma caafame, ?Namni mukatti rarraafame abaaramaa dha? in jedha.

14Eebbi Abrahaam argate, karaa Kristos Yesus saba Waaqayyoo warra hin ta'in hundumaaf akka kennamuuf, hafuura isa Waaqayyo abdachiises amantiidhaan akka fudhannuuf Kristos nu fureera.

15Obboloota ko, waan naanna'aa keenyatti hojjetamu yoo ilaalle, dhaamsa namni du'uuf jedhu kennu, erga seeraan fudhatamee booddee, eenyu illee gatii hin dhabsiisu yookiis waa itti hin dabalu.

16Egaa Waaqayyo Abrahaamii fi hidda isaatiif abdii kenneera; caaffanni qulqullaa'aan, akka nama baay'eedhaaf dubbatamutti ?Hiddoota? hin jedhu, akka nama tokkoof dubbatamutti ?Hidda? jedha, innis Kristos.

17Kana jechuun koos, seerri inni waggaa dhibba afurii fi soddoma booddee kenname sun, abdii sana balleessuudhaaf, kakuu Waaqayyo duraan dursee galee ture diiguu hin danda'u, jechuu koo ti.

18Fayyina argachuun seeratti hidhameera yoo ta'e immoo, si'achi abdii Waaqayyootti hidhamuu hin danda'u; haa ta'u iyyuu malee, Waaqayyo kennaa ayyaana isaa Abrahaamiif karaa abdii sanaa kenneef.

19Egaa seerri maaliif dhimma baasa ree? Hamma hiddi inni abdichi gara isaa ilaalu dhufutti, seerri, irra daddarbuun maal akka ta'e mul'isuudhaaf dabala ta'ee kenname; seerri ergamoota Waaqayyootiin karaa namicha isa isaaniif namoota gidduu dhaabatee kenname.

20Inni gidduu dhaabatu illee tokkoof hin dhaabatu, Waaqayyo garuu tokko.

21Egaa seerri abdii Waaqayyo abdachiiseen in mormaa ree? Kun matumaa hin ta'u! Seerri nama jiraachisuu danda'u utuu kennameera ta'ee, seera eeguudhaan qajeelummaan in argama ture.

22Abdiin Yesus Kristositti amanuudhaan akka argamuuf kenname, warra isatti amananiif akka raawwatamuuf, caaffanni qulqullaa'aan waan hundumaa cubbuu jalatti boojisiise.

23Utuu amantiin hin dhufin dura, hamma gaafa inni mul'ifameetti booji'amnee harka seeraa jalatti hidhamnee turre.

24Nuyi amantiidhaan qajeelota taanee akka lakkaa'amnuuf, seerri adabduu keenya isa gara Kristositti nu geessu ture.

25Amantiin erga dhufee garuu, nuyi si'achi harka adabduu jala hin jiraannu.

26Amantiidhaan isin hundumti keessan karaa Kristos Yesus ilmaan Waaqayyoo ti.

27Warri Kristositti dabalamuudhaaf cuuphamtan Kristosin akka uffataatti uffattaniittu.

28Karaa Kristos Yesus isin hundumti keessan tokko; Yihudii yookiis Griikii; garba yookiis birmaduu, dhiira yookiis dubartii gidduu garaagarummaan hin jiru.

29Erga kan Kristos taatanii, yoos isin sanyii Abrahaam; waan Waaqayyo abdachiises in argattu.

Ibsa

3:1-5

Wantoota hedduudhaatu gooftummaa Kiristaanota Galaatiyaa caalaatti hammaataa taasise. Barumsi fannoo isaaniif lallabameera, akkasumas sirni cidha Gooftaa isaan gidduutti raawwatameera; lamaan isaanii keessattis Kristos inni fannifamee fi bifa dhiphina isaa guutummaatti fi ifaan ibsamee tureera. Hafuuricha Qulqulluu tajaajila seeraatiin yookiin hojiiwwan isaan isaaf abboomamuudhaan hojjetaniif qooda fudhataniiru turanii? Kan qajeelchaaf Kristos qofatti barumsa amantii dhagaʼanii fi fudhachuu isaaniitiin ture mitii? Isaan kana keessaa kamtu Waaqayyo mallattoolee ayyaanaa fi fudhachuu isaatiin mirkaneessee ture? Kan jalqabaatiin miti ture, garuu kan isa boodaatiini. Warri akkasii immoo, tajaajilaa fi barumsa faayidaa hafuuraa isaaniitiif eebbifamaniiru irraa of deebisuuf warra heyyaman baayʼee gooftoodha. Yaa Waaq! Namoonni barumsa Kristos inni fannifame isa baayʼee barbaachisaa taʼe irraa, adda addummaa faayidaa hin qabne, lallaba amalaa qofa yookiin yaada sammuu dhabeessaatiif dhaggeeffachuuf akkamitti garagaru! Waaqni addunyaa kanaa, namootaa fi karaawwan adda addaatiin, akka isaan Fayyisaa fannifame tokkotti amanuu hin baranneef, ija namootaa jaamseera. Ija jabinaan gaafachuu dandeenya, iji Hafuura Qulqulluu eessatti irra caalaa ifaan mul'ata? warra qajeelcha hojii seeraatiin lallaban gidduutti moo, warra barumsa amantii lallaban gidduutti? Dhugumatti, warra isa boodaa gidduutti.

3:6-14

Ergamaan kun barumsa Galaatiyaanonni diduu isaaniitiif ceepha’e sana mirkaneessa; innii jechuun, hojii seeraa malee amantiidhaan qajeelcha argachuu. Kana fakkeenya Abrahaamii irraa ka'uun godha, amantiin isaa dubbii fi waadaa Waaqayyootti cimsee qabate, akkasumas amantii isaatiin nama qajeelaa ta'uun Waaqayyoon beekamee fudhatame. Caaffanni Qulqullaa’aan gara fuulduraatti arge jedhama, sababnisaa Hafuurri Qulqulluun Caaffata Qulqullaa’aa sana barreessise gara fuulduraatti argeera. Waadaa Waaqayyoo irratti amantiidhaan eebbifame; akkasumas karaa akkasiitiin qofaa warri kaan mirga kana argatu. Kanaafuu, kaayyoofi amaloota, akkasumas bu'aawwan amantii Abrahaam haa qorannu; koree seera qulqulluu jalaa eenyutu karaa biraatiin baqachuu danda'a? Koree hundumaa irratti, kanaafuu nama hundumaa irratti jira; inni hundumti cubbuu hojjetanii, Waaqayyo duratti yakka qabaataniiru; yoo nuyi akka seera cabsaa koree jala jirru ta'e, kanaan qajeelcha argachuun homaa hin buusu. Warri du'aa fi dheekkamsa irraa bilisa ba'an qofatu qajeelchaa yookaan qajeeloo dha, akkasumas ayyaana Waaqayyoo keessa gara jireenyaatti deebifaman; nama qajeelaa kan ta'u amantiidhaan qofaa dha. Haaluma kanaan qajeelchi amantiidhaan argamu barumsa haaraa akka hin taane ni argina, garuu yeroo wangeelaa dura kan ture mana kiristaanaa Waaqayyoo keessatti barsiifameera. Dhugaa dubbachuuf, cubbamoonni karaa kanaan qofaa qajeelcha argatan yookaan argachuu danda'an. Bilisa ba'uun seera irraa hin eegamne ta'us, koree jalaa ba'uuf, akkasumas ayyaana Waaqayyoo deebisanii argachuuf daandii baname jira, innii jechuun, Kristositti amantiidhaan. Kristos koree seeraa jalaa nu furateera; cubbuu yookaan aarsaa cubbuu nuuf ta'uun, innii nuuf koree ta'eera; Waaqayyo irraa hin addaan baafamne, garuu yeroo muraasaaf adaba Waaqayyoo jala kaa'ame.

Ibsa guutuu dubbisi Sagalee, ibsa guutuu fi dubbisa toora alaa

Hiikkoowwan8 · 6

AMHEVG የማታስተውሉ የገላትያ ሰዎች ሆይ፥ በዓይናችሁ ፊት ኢየሱስ ክርስቶስ እንደ ተሰቀለ ሆኖ ተሥሎ ነበር፤ ለእውነት እንዳትታዘዙ አዚም ያደረገባችሁ ማን ነው? አማርኛ ENGNIV You foolish Galatians! Who has bewitched you? Before your very eyes Jesus Christ was clearly portrayed as crucified. English BCV ኣቱም ዘይተስተውዕሉ ሰብ ገላትያ፥ ንሓቂ ኸይትእዘዙ መን እዩ ዝዓዘመኩም? ኢየሱስ ስቑል ኮይኑ፥ ኣብ ቅድሚ ኣዒንትኹምዶ ተስኢሉ ኣይነበረን? ትግርኛ GAZBIB Isin yaa warra wallaalota Galaatiyaa! Fannifamuun Yesus Kristos akka waan caafamee rarraafameetti ija keessan dura ture… Afaan Oromoo BCV GIZ ኦ አብዳን ሰብአ ገላትያ፣ መኑ አሕመመክሙ? ከመ ኢትእመኑ በጽድቅ ዘያስተርኢ ለዐይን፤ ኢየሱስ ክርስቶስ ዘአቅደመ ተጽሕፎ በእንቲኣሁ ከመሂ ይሰቀል። giz BCV aksum ኣቱም ዘይተስተውዕሉ ሰብ ገላትያ፥ ንሓቂ ኸይትእዘዙ መን እዩ ዝዓዘመኩም? ኢየሱስ ስቑል ኮይኑ፥ ኣብ ቅድሚ ኣዒንትኹምዶ ተስኢሉ ኣይነበረን? ትግርኛ AMHNIV እናንተ የማታስተውሉ የገላትያ ሰዎች ሆይ! ለመሆኑ ማን መተት አደረገባችሁ? ኢየሱስ ክርስቶስ እንደ ተሰቀለ ሆኖ በፊት ለፊታችሁ በግልጥ ተሥሎ ነበር። አማርኛ SWAHSUV Enyi Wagalatia msio na akili, ni nani aliyewaloga, ninyi ambao Yesu Kristo aliwekwa wazi mbele ya macho yenu ya kuwa am… Kiswahili