1ffaa Pheexiroos 2

GAZGAZAfaan Oromoo25 Keeyyattoota4:28 Dhaggeeffadhu
Dhaggeeffadhu 4:28 · Diraamaawaa Biblight keessatti bani

1Ammas hammina hundumaa, haxxumaa hundumaa, of arguu dhabuu, weennoo, maqaa namaa balleessuu hundumaas of irraa fageessaa!

2Akka mucooliin reefuu dhalatan aannan barbaadanitti, isinis fayyinaaf ittiin guddachuudhaaf yeroo hundumaa dubbii hafuuraa isa haxxummaan keessa hin jirre akka aannanii sana dharra'aa!

3Isin gaarummaa gooftaa miyeeffattaniittu yoo ta'e, kana in gootu.

4Gooftichi inni isin gara isaa dhuftan kun akka dhagaa jiraataa ti; namoonni dhagaa sana in tuffatan; inni garuu Waaqayyo biratti fo'amaa dha gati-qabeessas.

5Isinis luboota qulqullummaa ta'uudhaaf; aarsaa hafuuraa isa karaa Yesus Kristos Waaqayyo duratti fudhatamu dhi'eessuudhaaf, akka dhagoota jiraatootti ijaarsa mana isa hafuuraa sanaaf ta'aa!

6Caaffata qulqullaa'aa keessa, ?Kunoo dhagaa mataa golee qajeelchu, isa fo'amaa, isa gati-qabeessas Xiyoon keessa nan kaa'a; inni isatti amanatu immoo hin yeella'u? kan jedhu jira.

7Isin warra itti amantaniif dhagaan kun gatii guddaa qaba; warra itti hin amanneef garuu, caaffanni qulqullaa'aan akkuma jedhutti, ?Dhagichi, mana ijaartuun tuffatan, inni dhagaa mataa golee qajeelchu ta'e?.

8Akkasuma immoo, ?Inni dhagaa nama gufachiisu, kattaa nama kuffisus ta'e? in jedha; isaan sababii dubbichaaf abboomamuu didaniif in gufatu, kunis isaan irratti yaadamee ture.

9Isin garuu qomoo fo'amaa dha, luboota mana mootummaa ti, saba qulqullaa'aa dha, warra dhuunfaa Waaqayyoo ta'anii dha. Waaqayyo hojii isaa isa jajamaa akka labsitaniif dukkana keessaa, gara ifa isaa isa dinqisiisaatti isin waame.

10Isin takka saba Waaqayyoo hin turre, amma garuu saba isaa taataniittu; isin araara Waaqayyoo hin argatin turtan, amma garuu araara isaa argattaniittu.

11Michoota ko! Isin warra ormummaatti jiraattan, warra biyyaa baafamtanis nan gorsa; fedha foonii isa lubbuu keessan lolu irraa fagaadhaa!

12Akki isin warra saba Waaqayyoo hin ta'in keessa itti jiraattan gaarii haa ta'u! Akka waan isin hamaa hojjettaniitti warri maqaa keessan balleessan kun, hojii keessan isa gaarii arganii, guyyaa itti Waaqayyo namoota isaa ilaaluu dhufutti, isaaf ulfina haa kennan!

13Gooftaadhaaf jedhaatii harka warra aboon kennameefii jala of galchaa, mootii isa hundumaa irratti aboo qabuuf abboomamaa!

14Warra abboota biyyaa ta'anii namoota waan jal'aa hojjetan adabuuf, namoota waan qajeelaa hojjetan immoo galateeffachuuf isa biraa ergamaniifis abboomamaa!

15Waaqayyo waan qajeelaa hojjechuu keessaniin namoota warra qalbii malee wallaalummaadhaan dubbatan akka isin afaan qabachiiftan in barbaada.

16Akka warra birmaduu Waaqayyoof garboota ta'aniitti jiraadhaa! Garuu birmadummaan keessan kan ittiin hamaa hojjettanii dhoksitan hin ta'in.

17Namoota hundumaaf ulfina kennaa; obbolummaa amantootaa jaalladhaa; Waaqayyoon sodaadhaa; mootiidhaaf ulfina kennaa!

18Isin warri garbummaa jala jirtan, gooftota keessaniif ulfina kennuudhaan ajaja isaanii jala bulaa! Kanas warra babba'eeyyii fi garraamotaaf duwwaa utuu hin ta'in, warra gaggadheefis immoo akkasuma godhaa!

19Namni Waaqayyoon yaadachaa miidhama sababii malee isa irra ga'u yoo baate, ayyaana in argata.

20Balleessaa keessaniif isa rukutamtan yommuu obsitan, galata maalii qabdu? Garuu gaarii gochuu keessaniif isa dhiphattan yommuu obsitan, Waaqayyo biraa ayyaana in argattu.

21Isin kana gochuudhaaf waamamtaniittu; Kristos immoo isiniif dhiphatee, faana isaa duukaa akka buutaniif fakkeenya isiniif kenneera.

22Caaffata qulqullaa'aa keessa, ?Inni cubbuu hin hojjenne, dubbii isaa keessatti haxxummaan hin argamne? kan jedhu jira.

23Inni yommuu arrabsame deebisee hin arrabsine; yommuu dhiphates Waaqayyo isa firdii qajeelaa faradutti kennate malee, warra isa dhiphisan hin doorsifne.

24Nuyi cubbuu jalaa duunee qajeelinaaf akka jiraannuuf, inni ofii isaatii cubbuu keenya dhagna isaatiin baatee fannootti ol ba'e; madaa'uu isaatiin isin in fayyifamtan.

25Isin akka hoolotaa karaa irraa baddanii turtan, amma garuu gara tiksee fi ilaaltuu lubbuu keessaniitti deebitaniittu.

Ibsa

2:1-10

Dubbiin hamaa mallattoo hamminaa fi jal'ina garaa keessa jiruudha; akkasumas sagalee Waaqayyootiin fayyadamuu keenya gufachiisa. Jireenyi haaraan nyaata sirrii barbaada. Daa'imman aannaan barbaadu, akkasumas isa argachuuf humnasaanii guutuudhaan carraaqu; Kiristaannis sagalee Waaqayyoo akkuma sanaa barbaaduu qaba. Gooftaan keenya Yesus Kiristoos nu cubbamoota gaddisiisootaaf baay'ee gara laafessa; akkasumas guutummaa ayyaanaa qaba. Haa ta'u malee, hojjettoonni Waaqayyoo warri baay'ee gaariin illee, jireenya kana keessatti, jajjabina Waaqayyoo xinnoo qofa dhandhamu. Kiristoos Dhagaa jedhamee waamame, inni eegumsa isaanii fi nagaa isaanii akka ta'e, akkasumas hundee isaan irratti ijaaraman akka ta'e hojjettootasaa barsiisuuf. Inni gaarummaa amala isaa, ulfina aangoo tajaajila isaa, akkasumas ulfina hojiiwwan tajaajila isaa keessatti gati jabeessaadha. Warri dhugumaan amanan hundinuu luboota qulqulluudha; Waaqayyoof qulqullaa'oo, warra kaaniif tajaajilaa, kennaawwan samii fi ayyaanota samiin kennameefii. Haa ta'u malee, aarsaan hafuuraa kan warra baay'ee gaarii illee kadhannaa fi galata keessatti, Yesus Kiristoosiin malee fudhatama hin qabu. Kiristoos Dhagaa hundee guddichaadha, kan amantoota hundaa gara mana qulqullummaa bara baraa tokkootti walitti qabu, akkasumas ulfina ijaarsa guutuu sanaa kan baatu. Hundee bara baraadhaaf filatameera. Gatii hundaan wal bira qabamee hin madaalamne, jechuun, waan gatii kennuu danda'u hundaan. Kiristoos irratti ijaaramuun jechuun, isatti amanuudha; garuu kanaan baay'een of gowwoomsu, fayyina inni hojjete sana irraa qooda fudhachuuf maal akka ta'e, akkasumas barbaachisummaa isaa hin ilaalan. Ijaarsi addunyaa kun yoo diigame illee, namni hundee kana irratti ijaarame sun soda malee dhaga'uu danda'a. Inni hin qaana'u. Lubbuun amantu Kiristoositti ariifatti, garuu isa irraa ariifachuuf sababa gonkumaa hin argattu. Kiristaanonni dhugaa hundinuu dhaloota filatamootha; maatii tokko uumu, saba addunyaa irraa adda ta'e: hafuura, seera bu'uuraa, fi hojii biraa kan qabu; kan isaan Kiristoos keessatti filataman yoo hin taane, akkasumas Hafuura Isaan qulqulleeffaman yoo hin taane, gonkumaa akkas ta'uu hin danda'an turan. Haalli isaanii inni jalqabaa dukkana cimaa keessa ture, garuu dukkana keessaa gara gammachuu, quufinsa, fi badhaadhinaatti waamamaniiru; akka isaan galata Gooftaa amantii dhugaa isaa labsuu fi hojii gaarii isaaniitiin mul'isan.

Ibsa guutuu dubbisi Sagalee, ibsa guutuu fi dubbisa toora alaa

Hiikkoowwan8 · 6