1ffaa Tasalonqee 4

GAZGAZAfaan Oromoo18 Keeyyattoota3:02 Dhaggeeffadhu
Dhaggeeffadhu 3:02 · Diraamaawaa Biblight keessatti bani

1Obboloota nana! Kana irraa kan hafe immoo Waaqayyoon gammachiisuudhaaf attamitti jiraachuun akka isin irra jiru barumsa nu irraa argattaniittu; akkuma amma itti jirtan iyyuu caalchiftanii akka itti fuftan maqaa Yesus gooftaatiin isin in kadhanna, isin in gorsinas.

2Waan gochuun isiniif ta'u maqaa gooftaa Yesusiin gorsa akka isiniif kennine in beektu.

3Waaqayyo halalummaa irraa fagaattanii qulqullummaatti jiraachuu isin irraa in fedha.

4Dhiirri adduma addaan haadha manaa qabaatee qullaa'ummaa fi ulfinatti dhagna isaa eeggachuu haa beeku!

5Akka saba warra kaanii warra Waaqayyoon hin beeknetti kajeellaa dhagnaatti, hawwasaattis of hin kenninaa!

6Egaa namni kana irra darbee dubbii kanatti hiriyaa isaa hin gowwoomsin; gooftaan warra balleessaa akkasii hojjetan in adaba jennee duraan dursinee isinitti himneerra, dhugaa isinitti baaneerras.

7Xuraa'ummaatti utuu hin ta'in, qullaa'ummaatti akka jiraannuuf Waaqayyo nu waame.

8Egaa namni gorsa kana tuffatu, Waaqayyoon isa hafuura isaa qulqulluu isiniif kennu tuffata malee, nama tuffata miti.

9Waa'ee obboloota jaallachuu immoo isiniif caafuun barbaachisaa miti; wal jaallachuun akka isin barbaachisu Waaqayyo isin barsiiseera.

10Isinis kanuma duukaa buutanii obboloota guutummaa kutaa biyya Maqedooniyaa keessa jiran hundumaa in jaallattu; ammas immoo caalchiftanii akka itti fuftan isin in gorsina, yaa obboloota ko.

11Akkuma nuyi dur isinitti himnetti jireenya gabii jiraachuu, maayii keessan dhimma baafachuu, waan ittiin jiraattan argachuudhaaf harka keessaniin itti dadhabdanii hojjechuu ulfinatti lakkaa'adhaa!

12Akkasitti yoo jiraattan warra alaa biratti ija ulfinaatiin in ilaalamtu; waan isin barbaachisuufis harka nama tokkoo iyyuu hin eeggattan.

13Obboloota nana! Akka namoota abdii hin qabnetti akka hin gaddinetti, waa'ee warra obbaafataniif abdii jiru akka beektan in barbaanna.

14Yesus du'ee du'aa akka ka'e erga amannee akkasuma immoo Waaqayyo warra obbaafatan karaa Yesus, isumaa wajjinis deebisee akka fidu in amanna.

15Nuyi amma dubbii gooftaa keessaa waan arganne isinitti himuuf jenna; nuyi warri gaafa gooftaan deebi'ee dhufu utuu hin du'in jirru, warra obbaafatan dura hin buunu.

16Sagaleen guddisee nama abboomu, sagaleen angafa ergamootaa in dhaga'ama, malakanni Waaqayyoos in afuufama. Kana hundumaa wajjin gooftaan waaqa irraa gad in bu'a; warri Kristositti amananii du'an dura in kaafamu.

17Kana booddee nuyi warri utuu hin du'in hafne immoo, isaanumaa wajjin qilleensa keessatti gooftaa simachuudhaaf duumessa keessa ol in butamna; ergasii yeroo hundumaa gooftaa bira in jiraanna.

18Kanaafis dubbii kanaan wal jajjabeessaa!

Ibsa

4:1-8

Amantii Wangeelaa keessa jiraachuun ga’aa miti; hojii amantii keessatti baay’achuu qabna. Seerri yookaan daandiin hunduu irra deemuu fi hojjechuu qabu, ajajawwan Gooftaa Yesuus Kiristoosiin kenname dha. Qulqullinni, haaromsa lubbuu isaanii dhiibbaa Hafuura Qulqulluu jalatti argamuudhaan, akkasumas dirqamoota isaanitti kennamaniif xiyyeeffannaa kennuudhaan, fedhii Waaqayyoo isaan irratti ture. Haaromsa lubbuu kana gara qulqullinaatti hawwuudhaan, fedhii fi miira qaamaa, akkasumas yaadaa fi akeeka fedhii kan gara hojii dogoggoraatti geessan irratti dhorkaa cimaa gochuun dirqama. Gooftaan eenyu illee gara maatii isaatti jireenya qulqullina hin qabne jiraachuudhaaf hin waamu; garuu akka isaan barsiifamanii fuula isaa duratti qulqullinaan deemuu danda'aniif. Tokko tokko ajajawwan qulqullinaa sababii nama irraa dhaga'aniif salphisanii ilaalu; garuu isaan ajajawwan Waaqayyoo ti, isaan cabsuun immoo Waaqayyoo tuffachuu dha.

4:9-12

Namoota kaan keessatti wanta gaarii jiru beekuu qabna, isaaniif ulfina laachuuf, akkasitti waan gaarii sana keessatti caalatti akka dabalan jajjabeessuuf. Waaqayyoon barsiifamanii warri fayyan hundi wal jaallachuu barsiifamaniiru. Barumsi Hafuura Qulqulluu barumsa namootaa ni caala; barumsi namootaa immoo Waaqayyo yoo hin barsiisin faayidaa hin qabu, duwwaa dha. Warri ayyaana kana yookiin ayyaana biraa kamiyyuun beekaman, isa keessatti dabaluu qabu, akkasumas hanga dhumaatti dhaabbachuu qabu. Qalbiin tasgabboo fi callisaa qabaachuun, akkasumas amalli nagaa fi tasgabbii qabu qabaachuun baay'ee barbaadamaa dha.

Ibsa guutuu dubbisi Sagalee, ibsa guutuu fi dubbisa toora alaa

Hiikkoowwan8 · 6

AMHEVG እንግዲህ በቀረውስ፥ ወንድሞች ሆይ፥ ልትመላለሱ እግዚአብሔርንም ደስ ልታሰኙ እንዴት እንደሚገባችሁ ከእኛ ዘንድ እንደ ተቀበላችሁ፥ እናንተ ደግሞ እንደምትመላለሱ፥ ከፊት ይልቅ ትበዙ ዘንድ በ… አማርኛ ENGNIV Finally, brothers, we instructed you how to live in order to please God, as in fact you are living. Now we ask you and … English BCV ብዝተረፈ ኣሕዋተይ፥ ንእግዚኣብሄር ምእንቲ ኽተሐጕስዎ፥ ከመይ ጌርኩም ክትነብሩ ኸም ዝግብአኩም፥ ካባና ተምሂርኩም ኢኹም። ድሮ እኳ ትነብርዎ ኣለኹም። ሕዚ ኸዓ ነዙይ ብዝበለፀ ኽትነብርዎ፥ … ትግርኛ GAZBIB Obboloota nana! Kana irraa kan hafe immoo Waaqayyoon gammachiisuudhaaf attamitti jiraachuun akka isin irra jiru barumsa… Afaan Oromoo BCV GIZ ወይእዜኒ አኀዊነ ንነግረክሙ ወናስተበቍዐክሙ በእግዚእነ ኢየሱስ ክርስቶስ ከመ ተአዘዝክሙ በኀቤነ በዘይደሉ ከመ ትሑሩ ወታሥምርዎ ለእግዚአብሔር በከመ ሖርክሙ ዓዲ ከመ ታብዝኁ ወታፈድፍዱ በዝ… giz BCV aksum ብዝተረፈ ኣሕዋተይ፥ ንእግዚኣብሄር ምእንቲ ኽተሐጕስዎ፥ ከመይ ጌርኩም ክትነብሩ ኸም ዝግብአኩም፥ ካባና ተምሂርኩም ኢኹም። ድሮ እኳ ትነብርዎ ኣለኹም። ሕዚ ኸዓ ነዙይ ብዝበለፀ ኽትነብርዎ፥ … ትግርኛ AMHNIV በቀረውስ ወንድሞች ሆይ፤ እግዚአብሔርን ደስ ለማሰኘት እንዴት መኖር እንደሚገባችሁ አስተምረናችኋል፤ በርግጥም እንደዚያው እየኖራችሁ ነው። ስለ ሆነም በጌታ በኢየሱስ የምንለምናችሁና የምንመክ… አማርኛ SWAHSUV Iliyobaki, ndugu, tunakusihini na kuwaonya kwamba mwenende katika Bwana Yesu; kama mlivyopokea kwetu jinsi iwapasavyo k… Kiswahili