Hoose'aa 9

GAZGAZAfaan Oromoo17 Keeyyattoota5:37 Dhaggeeffadhu
Dhaggeeffadhu 5:37 · Idilee · Diraamaawaa Biblight keessatti bani

1Yaa Israa'el, ati ejjuu keetiin Waaqayyo kee irraa waan gara galteef, midhaan oobdii hundumaa irratti argattus “Gatii gaalamootummaa kootii ti” jettee fudhachuu waan jaallatteef hin gammadin, akka saba warra kaaniittis hin ililchin!

2Oobdii midhaanii keessatti midhaan, iddoo waynii itti cuunfan keessatti wayniin namootaaf hin argamu; daadhiin waynii haaraas isaan in dida.

3Isaan biyya Waaqayyo isaaniif kenne keessatti hin hafan; Efreem gara biyya Gibxiitti in deebi'a, biyya Asorittis nyaata xuraa'aa nyaachuuf jira.

4Isaan dhibaayyuu daadhii waynii Waaqayyoof hin dhibaafatan, qalma gubamus isaaf hin qopheessan; buddeenni isaanii akka buddeena warra gaddaa isaanitti in ta'a; buddeenni isaanii mataa isaanii duwwaadhaaf waan ta'eef, gara mana Waaqayyoo hin dhufu; warri isa nyaatan hundinuus in xureeffamu.

5Guyyaa ayyaana beekameetti, guyyaa ayyaanaa isa kan Waaqayyootti maal gochuuf jirtu”

6Isaanoo yommus badiisa duraa in adeemu; biyyi Gibxii walitti isaan in guurti, mandarri Memfiis awwaala isaanii in taati, mi'a meetii isaanii warra gati-jabeeyyii aramaan irra gara gala, godoo isaanii keessattis qoraattiin in biqila.

7Guyyoonni adabaa ga'aniiru, guyyoonni itti gatii ofii argatanis ga'aniiru; warri Israa'el kana beekuuf jiru; yakki keessan guddaa waan ta'eef, diinummaan keessanis waan baay'ateef, “Raajichi qalbii dhabeera, namichi hafuuraan dubbatus maraateera” jettaniittu.

8Namoonni Efreem balbaluma godoo isaanii duratti raajicha in gaadu; kiyyoon warra simbira qabduu karaa isaa hundumaa dura, diinummaanis mana Waaqayyo isaa keessa jira.

9Akkuma isa bara mandara Giibe'aatti ta'e, isaanis amala ofii isaanii mancaasaniiru; Waaqayyo yakka isaanii in yaadata, cubbuu isaaniis itti in ilaala.

10Waaqayyo “Akka nama lafa duwwaa keessatti ija waynii argateetti, ani Israa'elin nan argadhe; abboota keessanis akka ija mukti harbuu jalqaba godhate, isa dura bilchaateetti nan ilaale; isaan garuu gara Ba'aal isa Phe'or dhufan, Waaqayyo tolfamaa isa yeellaasisaa kanaaf addaan of baasan; akkuma isa jaallatan sanaas ciiggaasisoo ta'an.

11Ulfinni Efreem akka simbirroo duraa balali'ee in sokka, mucaa godhachuun, waa garaatti hafuun, ulfaa'uunis hin jiru.

12Isaan ijoollee yoo guddifatan iyyuu, tokko illee utuu hin hafin isaan nan dhabsiisa; yeroo ani isaan irraa gargar ba'utti isaaniif wayyoo!

13Akkuman arge Efreem akka muka meexxii iddoo lalisaa keessa dhaabatuu ture; amma garuu ilmaan isaa warra qalutti geessuun irra jira” jedhe.

14Yaa Waaqayyo, ati isaaniif kenni! Garuu maal kennitaaf laata” Gadameessa ulfi irraa ba'u, harma gogaas isaaniif kenni!

15Waaqayyo, “Jal'inni isaanii hundinuu Giilgalitti argame, ani achitti isaan jibbuutti nan ka'e; ani sababii hojii isaanii isa jal'aadhaaf mana koo keessaa oofee isaan nan baasa; ani deebi'ee isaan hin jaalladhu, gurguddoonni isaanii hundinuu mormituu dha.

16Ijoolleen Efreem rukutamaniiru, isaan akka muka hiddi isaa gogee ta'aniiru; isaan sanyii hin godhatan, utuu isaan ijoollee godhatanii iyyuu, ani ijoollee isaanii warra jaalallee garaa isaanii isaan duraa nan ajjeesa” jedhe.

17Sababii isaan gara Waaqayyo koo dhaggeeffachuu didaniif, inni isaan in gata; isaanis saba warra kaan keessa in jooru.

Ibsa

9:1-6 Israa'el kennaawwan waaqa tolfamaa isaaniif dhiheessan keessatti, isaaniif badhaasa kennan.

Warri amantii keessatti quuqamaan ta'an, fedhii foonii isaaniif immoo qisaasaa ta'uun baramaadha. Warri badhaasa goobana garbuu keessa jiru, badhaasa ayyaana Waaqayyoo fi jireenya bara baraa keessa jiru caalaa jaallatan, waaqa tolfamaa waaqessanitti lakkaa'amu. Isaan gammachuu haammatuu guutamaniiru, cubbuu isaaniif gaddisuuf fedhii hin qaban. Yeroo addunyaa fi wantoota ishee, waaqa tolfamaa keenya fi qooda keenya goonu, Waaqayyo doofummaa keenya nuu argisiisuu fi nu qajeelchuu isaaf sirriidha. Namni seera Gooftaa jala hin jiraanne yookiin jaalala Isaa hin qabamne, lafa Gooftaa keessa jiraachuuf hin eegu. Yeroo meenii ayyaanaa irraa fayyadamnu, yoo isaan nurraa fudhataman maal akka goonu yaaduu qabna. Yeroo gammachuu tokkummaa Waaqayyoo wajjin qabnu jijjiiramaa ol ta'u, bakkeewwan nama gammachiisan, meetaadhaan bitaman yookiin namoonni meetaa itti kuusan, diigamuu danda'u.

Ibsa guutuu dubbisi Sagalee, ibsa guutuu fi dubbisa toora alaa

Hiikkoowwan8 · 6

AMHEVG እስራኤል ሆይ፥ ከአምላክህ ተለይተህ አመንዝረሃልና እንደ አሕዛብ ደስ አይበልህ፥ ሐሴትንም አታድርግ፤ በእህሉ አውድማ ሁሉ ላይ የግልሙትናን ዋጋ ወድደሃል። አማርኛ ENGNIV Do not rejoice, O Israel; do not be jubilant like the other nations. For you have been unfaithful to your God; you love… English BCV ኦ እስራኤል፥ ካብ ኣምላኽካ ተፈሊኻ ኣመንዚርካ፥ ኣብ ኵሉ ዓውዲ ስርናይ ዋጋ ምንዝርና ፈቲኻ ኢኻሞ፥ ከም ኣህዛብ ደስ ኣይበልካ፤ ኣይትተሓጐስውን። ትግርኛ GAZBIB Yaa Israa'el, ati ejjuu keetiin Waaqayyo kee irraa waan gara galteef, midhaan oobdii hundumaa irratti argattus “Gatii g… Afaan Oromoo BCV GIZ ኢትትፈሣሕ ወኢትትሐሠይ እስራኤል ከመ አሕዛብ እስመ ዘመውከ እምአምላክከ፤ ወአፍቀርከ ሀብተ እምኵሉ ዓውደ እክል ወምክያደ ወይን። giz BCV aksum ኦ እስራኤል፥ ካብ ኣምላኽካ ተፈሊኻ ኣመንዚርካ፥ ኣብ ኵሉ ዓውዲ ስርናይ ዋጋ ምንዝርና ፈቲኻ ኢኻሞ፥ ከም ኣህዛብ ደስ ኣይበልካ፤ ኣይትተሓጐስውን። ትግርኛ AMHNIV እስራኤል ሆይ፤ ደስ አይበልሽ፤ እንደ ሌሎችም ሕዝቦች ሐሤት አታድርጊ፤ ለአምላክሽ ታማኝ አልሆንሽምና፤ በየእህል ዐውድማውም ላይ፣ ለጋለሞታ የሚከፈለውን ዋጋ ወደሻል። አማርኛ SWAHSUV Usifurahi, Israeli, kwa sababu ya furaha, kama hao mataifa; kwa kuwa umezini juu ya Mungu wako, umependa ujira katika k… Kiswahili