Hojii
24 Lakkoofsota21Afaan OromooFakkeenya 16:3
3Hojii kee hundumaa Waaqayyotti kennadhu, wanti ati yaaddus fiixaan siif in ba'a;
Qolosaayis 3:23-24
1ffaa Qorontos 16:14
14Waan hojjettan hundumaa jaalalaan raawwadhaa!
1ffaa Qorontos 15:58
58Jaallatamoo obboloota ko, egaa utuu hin socho'in jabaadhaatii dhaabadhaa! Itti dadhabuun keessan gooftaa biratti akkasumaan akka hin ta'in beektanii, yeroo hundumaa hojii gooftaa caalchisaa hojjedhaa!
Fakkeenya 10:22
22Eebbi Waaqayyoo nama in badhaasa, badhaadhummaattis inni rakkina hin dabalu;
Fakkeenya 12:24
24Namni harki isaa ba'eessa godhee hojjetu in mo'a, namni harki isaa dhibaa'u garuu, garbicha namaa in ta'a;
Qolosaayis 3:17
17Dubbiidhaan yookiis gochaadhaan waanumti isin hojjettan hundinuu maqaa gooftaa Yesusiin haa ta'u; isumaanis Waaqayyo abbaadhaaf galata dhi'eessaa!
Fakkeenya 13:11
11Badhaadhumni karaa malee argamu irraa hir'achaa in adeema, namni itti dadhabee wal irra buusaa adeemu garuu in baay'ifata.
Faarfannaa 90:17
17Waaqayyo keenya gooftichi faara nutti haa tolu, inni hojii harka keenyaas cimsee nuuf haa dhaabu! Eyyee hojii harka keenyaa cimsii dhaabi!
2ffaa Qorontos 9:8
8Yeroo hundumaa waan isin barbaachisu hundumaa argattanii karaa hundumaa of dandeessanii hojii gaariif iyyuu irraa kan isiniif hafu akka qabaattaniif, Waaqayyo isa isin barbaachisu irra caalchisee isiniif kennuuf danda'aa dha.
2ffaa Yohaannis 1:8
8Of eeggadhaa! Miindaa guutuu akka argattaniif, kanaa achi inni itti dadhabdan hundinuu isin duraa in bada.
2ffaa Ximotewos 2:15
15Ati akka hojjetaa qoramee fudhatamee, waan itti yeella'u hin qabneetti, akka nama dubbicha isa dhugaadhaan qajeeltootti hojjetuutti, Waaqayyo dura of dhaabachiisuudhaaf dhama'i!
Maatewos 6:26
26Simbirroota qilleensa keessa balali'an ilaalaa! Isaan hin facaasan hin haamanis gombisaattis hin galchan; garuu abbaan keessan inni waaqa irraa isaan in soora. Egaa isin immoo isaan irra guddaa hin caaltanii ree?
Lallaba 3:12-13
1ffaa Pheexiroos 3:13
13Wanta gaarii gochuudhaaf warra hinaafan yoo taatan, eenyutu hamaa isin irratti hojjeta ree?
Hojii Ergamootaa 20:24
24Haa ta'u iyyuu malee, hojiin wangeela ayyaana Waaqayyoof dhugaa ba'uu, gooftaa Yesus biraa anatti kennameera. Ani immoo ergaa koo fi hojii koo kana raawwachuu duwwaa nan barbaada; kana irraa kan hafe jireenya koo akka waan gatii anaaf qabutti hin lakkaa'u.
Lallaba 4:9
9Wanti lama ta'anii itti dadhabanii hojjetan gatii gaarii waan qabuuf, lama ta'uun kophaa ta'uu irra in wayya;
Lallaba 5:19
19Waaqayyo badhaadhummaa fi qabeenya namaaf kennee, akka namni ga'aa isaa fudhatee, wanta itti dadhabetti gammadu gochuun kennaa isaa ti;
2ffaa Ximotewos 3:16-17
Lallaba 4:4
4Wanti namni itti dadhabee harka-tolinaan hojjetu hundinuu nama keessatti hinaaffaa akka kaasu nan arge; kunis immoo wanta waa'ee hin baafnee dha, akka nama qilleensa ari'uu tis;
Lallaba 5:18
18Kunoo, namni bara jireenya isaa ishee muraasa Waaqayyo lafa irratti kenneef kana keessatti nyaatee, dhugee, wanta itti dadhabe hundumaattis gammaduun, wanta gaarii fi miidhagaa ta'ee nan arge; qoodni isaas kanuma.