Hail Storms
14 LakkoofsotaAfaan OromooBa'uu 9:13-26
13Kana booddee Waaqayyo Museedhaan,“Bor ganama bariidhaan ka'iitii mooticha duratti dhi'aadhuu,“Waaqayyo gooftaan inni kan Ibrootaa sabni koo dhaqee anaaf haa hojjetuu gad dhiisi!
14Biyya hundumaa keessa kan akka koo akka hin jirre akka beektutti, alana dha'icha baay'ee jabaa si irratti, hojjetoota kee irrattis nan buusa.
15Egaa akkan harka koo ol fudhadheen si, saba kees utuun dha'eera ta'ee silaa yowwana ati lafa irraa baddeetta;
16haa ta'u iyyuu malee, ani humna koo sitti argisiisuudhaaf, maqaan koos biyya hundumaa keessatti akka beeksifamuuf ati dhaabattee akka haftu nan godhe.
17Ati amma iyyuu saba koo irratti ol of qabda malee gad isa hin dhiifne.
18Erga akkas ta'ee, ani kunoo bor yowwana cabbii baay'ee ulfaataa biyyi Gibxi erga beekamee jalqabee hamma ammaatti takkaa bu'ee hin beekne itti nan buusa!
19Egaa amma hojjetoota kee ergiitii horii kee, waan alaa qabdu hundumaas manatti galchisiisi! Namni, horiinis warri alatti argaman manatti utuu hin sassaabamin yoo hafan, cabbiin itti in bu'a, isaanis in duddu'u” jedhiitii itti himi!” jedhe.
20Hojjetoota mootichaa keessaa warri isa Waaqayyo dubbate sodaatan hojjetoota isaanii fi horii isaanii mana manatti baqachiisan.
21Warri wanti Waaqayyo dubbate garaa isaanii hin rukutin hafe garuu, hojjetoota isaanii, horii isaaniis alatti in dhiisan.
22Waaqayyo ergasii Museedhaan,“Guutummaa biyya Gibxii irratti, nama irratti, horii fi bineensa irratti, biqiltuu biyya sanaa hundumaa irratti cabbiin akka bu'uuf, harka kee gara waaqaatti ol qabi!” jedhe.
23Museen ulee isaa gara waaqaatti ol qabe, Waaqayyo sagalee kakawwee dhageessisee cabbii in fide, bakakkaanis lafatti in bu'e; Waaqayyo biyya Gibxii irratti cabbii in roobsise.
24Cabbiin in bu'e; cabbicha baay'ee ulfaataa sana keessas balaqqeessa bakakkaatu ture; warri Gibxi saba ta'anii erga beekamanii jalqabee kan akkasii guutummaa biyya sanaa keessatti ta'ee hin beeku.
25Cabbichi guutummaa biyya Gibxii keessatti nama, horii, bineensa, warra alatti hafan hundumaa in rukute; biqiltuu hundumaas rukutee, mukkeetii bakkee keessaas in caccabse.
26Biyya Gooshen iddoo Israa'eloonni jiraatan duwwaatti cabbiin hin buune.