Hanna

26 Lakkoofsota9Afaan Oromoo

Ba'uu 20:15

15“Hin hatin!

Lewwoota 6:1-4

1Ammas Waaqayyo Museedhaan,

2“Namni cubbuu hojjetee, ana Waaqayyotti balleessee yoo yakke, wanta hiriyaan isaa imaanaa yookiis qabsiisaaf itti kenne fuudhee yoo haale, yookiis hiriyaa isaa yoo saame, yookiis yoo cunqurse,

3wanta bade tokko argatee waa'ee isaatiif yoo sobe, yookiis sobaan yoo kakate, wanta namni godhe ittiin cubbuu hojjetu hundumaa keessaa isa tokkoon illee yoo yakke,

4akka kanattis cubbuu hojjetee balleessaa yoo godhate, inni wanta saamichaan fudhate yookiis wanta cunqursuudhaan nama irraa fudhate haa deebisu! Akkasuma immoo wanta imaanaa isa bira ture yookiis wanta lafaa argate,

Lewwoota 19:11

11“ ‘Hin hatinaa! Hin sobinaa! Walis hin gowwoomsinaa!

Keessa Deebii 5:19

19“ ‘Hin hatin!

Hoose'aa 4:1-3

1Yaa namoota Israa'el, biyyicha keessa amanamummaan, jaalalli, Waaqayyoon beekuun waan hin jirreef, Waaqayyo warra biyyicha keessa jiraatanii wajjin dubbii qaba, kanaaf dubbii Waaqayyoo dhaga'aa!

2“Kakatanii haaluun, ajjeesuun, hatuun, ejjuun, humnaan nama irratti ka'uun, dhiiga dhangalaasuun, dhiiguma dhangalaasuu itti in dabala.

3Kanaafis lafichi in boo'a, warri laficha irra jiran hundinuu, bineensonni daggalaa fi simbirroonni qilleensa keessa balali'an gad in dhumu, qurxummiin galaanaa iyyuu fudhatamanii in badu.

Maatewos 19:16-19

16Kunoo, namni tokko gara Yesus dhufee, ?Yaa barsiisa! Jireenya bara baraa qabaachuuf hojii gaariin gochuun anaaf ta'u maal inni?? jedheen.

17Yesus immoo, ?Waa'ee hojii gaarii maaliif ana gaafatta? Isa tokkicha sanatu gaarii dha; jireenya sanatti galuu yoo feete garuu, abboommota eegi!? ittiin jedhe.

18Kana irratti dargaggeessichi, ?Abboommota isaan kami?? jedheen. Yesus immoo deebisee, ? ?Hin ajjeesin, hin ejjin, hin hatin, sobaan nama irratti dhugaa hin ba'in!

19Abbaa kee fi haadha keef ulfina kenni; namas akka mataa keetiitti jaalladhu!? isa jedhu? jedheen.

Maarqos 7:15-23

15Alaa kan namatti galu tokko illee danda'ee xuraa'aa nama hin godhu, wanti yaada garaa namaa keessaa ba'u garuu xuraa'aa nama godha. [

16Gurra ittiin dhaga'u namni qabu haa dhaga'u!]? isaaniin jedhe.

17Yesus namoota dhiisee yommuu manatti gale, bartoonni isaa waa'ee fakkeenya sanaa isa gaafatan.

18Inni yommus, ?Isin immoo akkuma warra kaanii hin hubatin jirtuu? Alaa kan namatti galu hundinuu xuraa'aa nama gochuu akka hin dandeenye hin qalbifattanii ree?

19Inni yaada garaa namaatti hin galu; mar'umaanitti galee bakkeetti akka ba'u hin beektanii ree?? isaaniin jedhe. Kanaan nyaanni hundinuu qullaa'aa akka ta'e ibse.

20Yesus itti fufee, ?Isa yaada garaa namaa keessaa ba'utu nama xureessa.

21Yaadni hamaan hundinuu keessa yaada garaa namootaatii in ba'a; isaan immoo, halalummaa, hanna, nama ajjeechaa,

22ejjummaa, sassata, hammina, haxxumaa, gad-dhiisa, weennoo, nama salphisuu, of tuulummaa, dagattummaa.

23Wanti hamaan kun hundinuu keessa yaada garaa namaatii ba'anii xuraa'aa nama in godhu? jedhe.

Luqaas 6:29-30

29Namni maddii kee gara tokkoo yoo si kabale, isa gara kaaniis itti qabi! Namni kootii kee yoo si irraa fudhate, qomee kee iyyuu isa hin dhowwatin!

30Abbuma si kadhateef kenni, qabeenya kee isa si duraa fudhates, naa deebisi jettee, hin gaafatin!

Efesoona 4:28

28Inni hatu deebi'ee hin hatin, warra dhaban gargaaruu akka danda'utti hojii waa'ee baasu harka isaatiin itti dadhabee haa hojjetu malee.