Hawaasa

27 Lakkoofsota23Afaan Oromoo

Ibraa'oota 10:24-25

24Jaalala argisiisuudhaaf, waan gaarii hojjechuudhaafis kottaa tuttuqnee yaada walii in kaafnaa!

25Akka jara tokkotti amala ta'e, nuyi walitti qabamuu keenya hin dhiifnu; guyyaan gooftaa dhi'aachaa akka adeemu in argitu, kanaaf ittuma caalchifnee wal jajjabeessina.

Roomaa 12:4-5

4Nuyi dhagna tokkotti bu'aa dhagnaa baay'ee qabna; bu'aan dhagnaa hundinuu immoo hojii adda addaa qabu.

5Akkasuma nus immoo utuma baay'ee taanee jirruu, Kristositti dhagna tokko; nuyis bu'aa dhagna walii ti.

Faarfannaa 133:1

1Ilaa, obboloonni walii wajjin jiraachuun, attam gaarii dha, attam namatti tolas!

1ffaa Qorontos 1:10

10Obboloota ko, isin hundumti keessan waan dubbattanitti akka walii galtan, yaada tokkoon akeekkattanii, tokkummaadhaanis raawwachuudhaaf akka qophooftan malee, isin gidduutti gargar ba'uun akka hin jiraanne, maqaa gooftaa keenya Yesus Kristosiin isinan gorsa.

Maatewos 18:20

20Iddoo namoonni lama yookiis sadii maqaa kootiin walitti qabamanitti, ani achitti isaan gidduutti nan argama? jedhe.

1ffaa Pheexiroos 3:8

8Ammas hundumti keessan hafuuraan, dhageettii yaada garaatiinis tokkummaa qabaadhaa! Obboloota jaallachuudhaan, gara-laafinaan, gad of deebisuudhaanis walii wajjin jiraadhaa!

Qolosaayis 3:14

14Isaan kana hundumaa irrattis jaalala isa wanta hundumaa raawwatamaa godhee walitti hidhu qabaadhaa!

Roomaa 12:16

16Waa'ee walii keessaniif yaada tokko qabaadhaa; isin ol of qabuu hin yaadinaa, warra gad deebi'anii wajjin jiraachuu baraa! Nuyi ogeessota ofiin jettanii, ogummaa keessan of duwwaadhaaf hin godhatinaa!

Hojii Ergamootaa 2:46-47

46Guyyaa guyyaatti yaada tokkoon mana qulqullummaatti deddeebi'anii, manuma mana isaaniittis buddeena cabsatanii, gammachuudhaan, garaa qulqulluudhaanis nyaata isaanii waliin ga'anii in nyaatu turan.

47Isaan Waaqayyoon in galateeffatan, saba hundumaa durattis ayyaana argatan; gooftaanis guyyaa guyyaatti warra fayyan amantootatti in dabale.

1ffaa Yohaannis 4:11

11Michoota ko! Waaqayyo akkana erga nu jaallatee, nuufis immoo wal jaallachuun in ta'a.

Roomaa 15:5

5Waaqayyo inni obsaa fi jajjabina namaaf kennu immoo, fakkeenya Kristos Yesus duukaa buutanii, walii galtee akka qabaattaniif isin haa dandeessisu.

Efesoona 4:3

3Hidhaa nagaatiin tokkummaa hafuura qulqulluu of harkatti eeggachuudhaaf dhama'aa!

Hojii Ergamootaa 4:32

32Namoonni amanan hundinuu, warra garaa tokkoo fi yaada tokkoo turan. Isaan keessaa tokko illee qabeenya ofii qaba tureen kan koo ti hin jenne; qabeenyi isaanii hundinuu kan walii isaanii ture.

Galaatiyaa 3:28-29

28Karaa Kristos Yesus isin hundumti keessan tokko; Yihudii yookiis Griikii; garba yookiis birmaduu, dhiira yookiis dubartii gidduu garaagarummaan hin jiru.

29Erga kan Kristos taatanii, yoos isin sanyii Abrahaam; waan Waaqayyo abdachiises in argattu.

1ffaa Yohaannis 1:7

7Akka inni ifa keessa jiru, nuyis ifa keessa yoo deddeebine, nuyi walii keenyaa wajjin tokkummaa qabna, dhiigni ilma isaa Yesus immoo cubbuu hundumaattii nu qulleessa.

Roomaa 16:17

17Obboloota ko! Warra barsiisa isin fudhattaniin mormuudhaan yaada namootaa gargar baasanii, amantii irraa kuffisanittii akka of eeggattan isinan gorsa; isaan irraa fagaadhaa!

Roomaa 14:1

1Nama dubbii amantiitti dadhabaa ta'e ofitti qabaa! Isa ofitti qabuun keessan garuu yaada inni fudhateen morkachuudhaaf hin ta'in.

Hojii Ergamootaa 1:14

14Isaan kun hundinuu dubartoota tokkoo wajjin, Maariyaam haadha Yesus, obboloota isaa wajjinis yaada tokkoon kadhataaf of kennanii turan.

Yohaannis 13:20

20Dhuguma, dhuguman isinitti hima, namni isa ani erge simatu ana simachuu isaa ti, namni ana simatus isa ana erge simachuu isaa ti? jedhee isaanitti dubbate.

1ffaa Qorontos 12:13

13Nuyi Yihudoonni, warri Yihudoota hin ta'inis, warri garbummaa jala jiran, warri birmaduunis hundumti keenya dhagna tokko ta'uudhaaf hafuura tokkoon cuuphamneerra, nuyi hundumti keenya akka dhugnuufis hafuurri qulqulluun inni tokkichi nuuf kennameera.

Hojii Ergamootaa 12:5

5Yeroo Phexros mana hidhaa keessatti eegamaa turetti, waldaan kristiiyaanaa immoo utuu gargar hin kutin Waaqayyoon in kadhattiif turte.

1ffaa Ximotewos 5:3

3Warra abbaan manaa irraa du'e, dhugumaanis gargaartuu hin qabnetti ulfina argisiisi!

Hojii Ergamootaa 2:42

42Amantoonnis barsiisa ergamootaatti, tokkummaa isaanii cimsachuutti, buddeena cabsachuutti, kadhata godhachuuttis qabamanii jiraatan.