Haadha manaa Heroodis fi Mataa Yohaannis
24 Lakkoofsota2Afaan OromooMaarqos 6:21-29
21Guyyaa itti Herodis seenaa dhalachuu isaatiif jedhee gurguddoota bultii biyya isaatii fi, angafoota warra loltuutiif, kutaa biyya Galiilaa keessaa warra beekamaniif nyaachisa godhe irratti, Herodiyaas fucha gaarii argatte.
22Intalli Herodiyaas ol galtee yommuu sirbite, Herodisii fi keessummoota isaa gammachiifte. Mootichi yommus intalattiidhaan, ?Waanuma barbaadde na kadhadhu, anis siif nan kenna!? jedhe.
23Ammas, ?Hamma walakkaa mootummaa kootiitti waanuma ati na kadhattu siifan kenna? jedhee kakateef.
24Kana irratti intalattiin gad baatee, ?Maal kadhadhu?? jettee haadha ishee gaafatte; isheen immoo, ?Mataa Yohannis cuuphaa? jettee deebifteef.
25Kanaaf intalattiin yommusuma gara mootichaatti ariifattee ol galtee, ?Akka ati tokkichumaan mataa Yohannis cuuphaa gabateetti anaaf laattu nan barbaada? jetteen.
26Kana irratti mootichi gar-malee in gadde; garuu sababii kakaa isaatii fi keessummoota isaatiif jedhee, isa ishee abdachiise sana arraba isaa geddaruu hin barbaanne.
27Achumaan mootichi warra isa eegan keessaa loltuu tokko ergee, mataa Yohannis akka fiduuf abboome; loltuun sun immoo dhaqee mana hidhaa keessatti mataa Yohannis mormatti irraa kute.
28Mataa isaa sanas gabateetti fidee intalattiidhaaf kenne; intalattiin immoo haadha isheetiif laatte.
29Bartoonni Yohannis kana yommuu dhaga'an, dhaqanii reeffa isaa fuudhanii, awwaala keessa in kaa'an.
Maarqos 6:30-44
30Ergamoonni ergasii Yesus biratti walitti qabamanii, waan hojjetanii fi waan barsiisan hundumaa isatti himan.
31Inni immoo, ?Isin duwwaan anaa wajjin gara iddoo qoofniitti ba'aa, takkas boqodhaa!? isaaniin jedhe. Namoonni baay'een in dhufu in adeemus; kanaaf nyaataaf illee yeroo hin qaban turan.
32Yommus isaan kophaa isaanii bidiruudhaan gara iddoo qoofnii tokkoo dhaqan.
33Namoonni utuu isaan adeemanii waan arganiif baay'een kana hubatan; warri mandaroota hundumaa keessaa dhufan, miillaan fiiganii, karaa lafaa naanna'anii, isaan duras iddoo sana in ga'an.
34Yesus qarqara bishaaniitti yommuu bidiruu keessaa ba'utti, tuuta gobbuu arge. Isaan akka hoolota tiksee hin qabnee waan turaniif immoo isaaniif in oo'e, waan baay'ees isaan barsiisuutti ka'e.
35Yeroo galgalaa'aa adeemetti immoo bartoonni isaa gara isaa dhufanii, ?Kun lafa onaa dha, yerichi immoo sokkeera;
36gara manneenii fi gandeen nutti aanan kanaa dhaqanii, waan nyaatan akka bitataniif jara kana gad dhiisi!? jedhan.
37Inni garuu deebisee, ?Isin ofii keessanii waan isaan nyaatan kennaaf!? jedhe. Isaan immoo, ?Dhaqnee meetii dhibba lamaan buddeena binnee haa nyaataniif isaaniif kenninuu ree?? jedhaniin.
38Kana irratti inni, ?Buddeena meeqa qabdu? Dhaqaatii ilaalaa!? isaaniin jedhe. Isaan immoo meeqa akka ta'e erga baranii, ?Buddeena shanii fi qurxummii lama? jedhaniin.
39Yommus inni immoo, hundinuu kutata kutataan marga lalisaa sana irra akka taa'aniif abboome.
40Isaanis dhibba dhibbaan, shantama shantamaanis kutataan taa'an.
41Buddeenan shananii fi qurxummii lamaan fuudhee gara waaqaatti ol ilaalee, eebbisees. Buddeenan sana cabsee namootaaf akka dhi'eessaniif bartoota isaatti kekkenne; qurxummii lamaanis hunduma isaaniitiif hirsiise.
42Isaan hundumtinuu nyaatanii in quufan.
43Bartoonni isaa hurraa buddeennii fi qurxummii gundoo kudha lama guutuu fuudhan.
44Warri buddeena sana nyaatan immoo dhiironni duwwaan iyyuu kuma shan turan.