Haasaa

27 Lakkoofsota17Afaan Oromoo

Lewwoota 5:4

4Namni tokko gaarii gochuuf yookiis hamaa gochuuf yaada malee afaan isaatiin dubbatee ariitiidhaan yoo kakate, wanta kakatee ariitiidhaan dubbate sana keessaa tokko illee utuu hin beekin yoo godhe iyyuu, yommuu isa baru yakka isatti in ta'a.

Iyoob 31:29-30

29“Ani badiisa nama na jibbuutti gammadee, hamaan yeroo isa argatettis ol of qabee yoon jiraadhe,

30lubbuu isaa irratti qorobuudhaan, afaan koo cubbuu akka dubbatu godheera yoon ta'e,

Faarfannaa 12:2-4

2namoonni adduma addaan walii isaaniitti soba in dubbatu, afaaniin namatti kuuluudhaaf garaa walaallammiidhaan in dubbatu;

3hidhii sobaan namatti kuuluu hundumaa, arraba jajuu gurguddaa dubbatus, gooftichi haa kukkutu!

4Namoonni,“Nuyi arraba keenyaan humna in godhanna, hidhiin keenya nutti jira, eenyutu nu irratti gooftaa ta'a ree?” in jedhu.

Faarfannaa 50:23

23Namni galata aarsaa godhee dhi'eessu, ulfina anaaf in kenna; isa karaa isaa qajeelfatuttis, fayyisuu koo nan argisiisa!” in jedha.

Faarfannaa 59:12-13

12Warri sun in abaaru, sobas in dubbatu; dubbiin arraba isaanii, cubbuu afaan isaanii keessaa ba'u waan ta'eef, of gurguddisuu isaaniitiin haa qabaman;

13dheekkamsa keetiin badduu isaan baasi, badduu baasi, akka isaan hin argamnes godhi! Waaqayyo, ijoollee Yaaqoob irratti hamma andaara lafaattis mootii ta'uu isaa haa beekan!

Fakkeenya 8:8

8dubbiin afaan kootii hundinuu qajeelaa dha, isaan keessa jal'aan yookiis micciiramaan hin jiru.

Fakkeenya 10:18-19

18Namni jibba isaa dhoksu, soba in dubbata; namni hama odeessu gowwaa dha.

19Yommuu dubbiin baay'atu cubbuun hin hafu, namni arraba isaa eeggatu garuu hubataa dha;

Fakkeenya 11:9

9namni Waaqayyo malee jiraatu, dubbii afaan isaatiitiin nama balleessa; namni qajeelaan garuu, beekumsaan isa duraa in ba'a.

Fakkeenya 12:14

14namni wanta afaan isaa keessaa ba'uun wanta gaarii in quufa, wanta harka isaatiin hojjetes isumatu fudhatee gala.

Fakkeenya 13:3

3namni arraba isaa eeggatu, jireenya isaa in eeggata; namni of eeggachaa hin dubbanne garuu, jireenya isaa in balleessa.

Fakkeenya 15:1-2

1Deebiin laafaan dheekkamsa in qabbaneessa; dubbiin jabaan garuu dheekkamsa in kaasa.

2Arrabni ogeessaa beekumsa jajee in dhageessisa, afaan gowwootaa garuu gowwummaa gad in jijjigsa.

Fakkeenya 17:27-28

27namni beekaan of qusachaa dubbata, namni hubataanis hin banbanu;

28gowwaan iyyuu yoo cal jedhe akka ogeessaa ti, afaan isaas yoo qabate akka hubataatti in ilaalama.

Fakkeenya 26:4-5

4ati iyyuu akka isaa akka hin taanetti, gowwaadhaaf akka goowwuma isaatiitti deebii hin kennin!

5Namni gowwaan ogeessa akka of hin seenetti, akkuma goowwuma isaatiitti deebii kenniif;

Fakkeenya 26:22

22Dubbiin hasaasa hamattuu, akka buddeena miyaa'aa ti, keessa namummaa namaattis in dhaga'ama gara mar'umaanittis gad in bu'a.

Lallaba 10:12-14

12Dubbiin afaan nama ogeessaa keessaa ba'u, namatti in tola; namni gowwaan garuu, arrabuma isaatiin of in balleessa.

13Gowwummaadhaan dubbii isaa in jalqaba, dhumni dubbii isaatiis hamminaa fi maraatummaa dha;

14namni gowwaan dubbii in baay'isa, wanta ta'uuf jiru namni tokko illee beekuu hin danda'u; erga inni du'ee wanta ta'uuf jiru eenyutu isatti himuu danda'a ree?

Malaakii 2:7

7“Lubni beekumsa isa dhugaa in eega; inni ergamaa Waaqayyo gooftaa maccaa waan ta'eef, namni afaan isaa keessaa barumsa in barbaada.

Maatewos 5:44

44Ani garuu isinittan hima, diinota keessan jaalladhaa, warra isin ari'ataniifis kadhadhaa!