Hafuura Qulqulluu

15 Lakkoofsota9Afaan Oromoo

Faarfannaa 51:11-12

11Fuula kee duraa ana hin balleessin, hafuura kee isa qulqulluus ana duraa hin fudhatin!

12Gammachuu isa fayyisuu kee keessaa argamu, iddootti anaaf deebisi, siif abboomamuudhaaf hafuura na gargaaru anaaf kenni!

Isaayaas 63:10-11

10isaan garuu didanii hafuura isaa isa qulqulluu in gaddisiisan; kanaaf inni immoo gara galee diina isaanitti ta'ee isaan in lole.

11Isaan bara darbe, bara Musee garbicha isaa yommuu yaadatan, “Inni geggeessitootaa wajjin sabni isaa galaana keessa akka ce'an godhe, inni hafuura isaa isa qulqulluu isaan keessa kaa'e meerree”

Maatewos 3:11

11Yohannisis itti fufee, ?Yaada garaa keessanii geddarachuu keessaniif bishaaniin isin nan cuupha, inni ana booddee dhufu garuu ana irra in jabaata, anis kophee miilla isaatii illee baachuudhaaf nama ta'u miti; inni hafuura qulqulluudhaa fi ibiddaan isin in cuupha.

Maatewos 28:19

19Egaa dhaqaa, maqaa abbaatii fi ilmaatti, kan hafuura qulqulluuttis isaan cuuphuudhaan, saba hundumaa bartoota koo godhaa!

Luqaas 2:25-27

25Bara sanatti namni maqaan isaa Simi'oon jedhamu tokko Yerusaalem ture; namni kun abboommii Waaqayyoo kan eege, Waaqayyoon sodaachaa kan jiraate, fayyina isa Israa'eliif dhufu kan eeggatu ture; hafuurri qulqulluunis isa irra boqotee ture.

26Kanaan duras fayyisaa gooftichaa isa abdachiifame utuu hin argin akka hin duune hafuura qulqulluudhaan isatti mul'ifamee ture.

27Amma immoo hafuura qulqulluudhaan geggeeffamee mana qulqullummaatti ol gale; Maariyaamii fi Yoseef akka seeraatti isaaf raawwachuudhaaf mucicha Yesusin mana qulqullummaatti ol galchan.

Luqaas 11:13

13Egaa isin hamoota taatanii utuu jirtanii, ijoollee keessaniif kennaa gaarii kennuu erga beektanii, abbaan keessan inni waaqa irra ammoo, hammam isin caalaa warra isa kadhataniif hafuura qulqulluu kenna!? jedhe.

Yohaannis 7:38-39

38Namni anatti amanu akkasuma haa godhu! Macaafni akkuma dubbate, ?Yaa'aan bishaan jiraataa garaa isaa keessaa in burqa?? jedhe.

39Inni dubbii kana waa'ee hafuura qulqulluu, isa warri isatti amanan fudhachuuf jiraniif dubbate; inni iddoo ulfina isaatti waan ol hin fudhataminiif, hafuurri qulqulluun amma iyyuu hin kennamne ture.

Efesoona 2:18

18Nuyi lamaanuu hafuuruma tokkoon karaa isaa akka itti abbaa bira geenyu qabna.

1ffaa Yohaannis 5:6-7

6Inni bishaaniin cuuphamee dhiiga isaa dhangalaasuuf dhufe isa kana; innis Yesus Kristos. Inni bishaan duwwaadhaan miti, bishaanii fi dhiigaan dhufe malee. Hafuurri qulqulluun kana dhugaa in ba'a, hafuurichi dhugaa dha.

7Dhuga-baatuu sadiitu jira.